Iccitii kondomiiwwan tajaajilarra oolanii dubartoota Awustiraaliyaa 65tti ergaman duuba jiru

Miidhamtuu hunduu mana barumsaa dhuunfaa tokkotti baratan

Madda suuraa, WIKIPEDIA COMMONS/ANDREW OWENS

Maxxanfame

Poolisiin Awustiraaliyaa akkaataa kondomiiwwan tajaajilarra oolan karaa poostaa dubartoota 65 oliif ergame qorataa jira.

Xalayaawwan kun dhaamsa barreeffama harkaa kan of keessaa qaban yoo ta’u, bakkeewwan Kibba Bahaafi Baha Melborn keessatti argamanitti ergaman.

Poolisiin biyyattii taatee kana akka haleellaa itti qiyyaafatamee raawwatameetti akka ilaalamu eere.

Dubartoonni kondomiin karaa poostaa itti ergame hundisaanii Melborn kolleejjii dhuunfaa Kilbireda jedhamutti bara 1999 baratan.

Miidhamtuun jalqabaa Bitootessa darbe xalayaan ishee qaqqabu ragaa baate , xalayaan inni dhiyoon ammoo Wixata darbe ta’uutu gabaafame jedha Poolisiin.

Gaazexaan Melborn Herald Sun jedhamu akka gabaasetti, dubartoonni kunneen teessoon isaanii kitaaba mana barnootaatiin waggaa waggaatti maxxanfamurraa fudhatamuu hin hafne jedhanii shakku.

Birii Wookar gaazexaa Melbornitti ‘’halkan gaafa xalayaan kun naaf ergame rafee hin bulle, xalayaan kun barreeffama ijaatti hin tolle qaba,’’ jette.

Sana booda Birii Wookar xalayaa walfakkaatu argachuuf dhiisuusaanii gaafatte.

Poolisiiin akka jedhutti, dubartoonni harka caalan xalayaa heddu argatan, xalayaa hundi kondomii tajaajilarra oole waliin saamsame.

Poolisiin dhimma kana qorachuu itti fufeera, poolisiin biyyattii namni odeeffannoo dhimma kana ilaallatu beeku akka himu gaafateera.

Poolisiin Awustiraalyaa dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa Roobii kennuuf akka jirutu eegama.

Kolleejjiin Kilbireda jedhamu mana barnoota Kaatolikii dubartoonni itti baratan yoo ta’u bara 1904 hundeeffame.

Mana barnootaa kanatti barattoota 900 ta’anitu barata ture.