Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US halkan torbaaf Iraan rukutte; Iraanis biyyoota michuu Ameerikaa haleeluu cimsite
Waraanni Ameerikaa erga pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo ''xumuramuu'' labsanii as Iraan irratti halkan torbaffaaf walittifufinsaan haleellaa raawwachuu isaa ibseera.
Iraanis kana haaloo bahuuf Kuweet, Joordaan,Kaatar, Siiriyaa, Bahireen fi biyyoota biroo keessatti buufata waraanaa Ameerikaa fi michoota ishee irratti haleellaa raawwachuu himte.
Ajajni Waraana Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) akka beeksisetti, haleellaan yeroo ammaa kun iddoowwan to'annoo fi sakatta'iinsaa (surveillance), bu'uura geejjibaa fi loojistikii waraanaa, kuusaa meeshaa waraanaa lafa jalaa fi dandeettii waraana galaanaa irratti xiyyeeffate.
CENTCOM'n loltoonni Ameerikaa xiyyaarota waraanaa, dirooniwwaan dooniiwwan waraanaa fi meeshaalee waraanaa biroo fayyadamuun haleellaa raawwachuu ibse.
Haleellaan kun kan jalqabame torban tokko dura waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo gabaabaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifame erga diigamee booda.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp waliigalteen sun akka xumurame labsuun duulli waraanaa kun deebi'ee jalqabame.
Michoota Ameerikaa Iraan haleelte
Humni waraanaa Iraan gamasaaniin Kuweet, Bahireen, Joordaanii fi yeroo jalqabaatiif Siiriyaa keessatti buufata waraanaa Ameerikaa irratti haleellaa raawwachuu hime.
Humni waraanaa Kuweet dirooniiwwan qilleensaa fi miisaa'elota Iraan irraa furguggifaman qolaxhuuf sirna ittisaa isaa hojii irra oolchuu beeksise.
Ogeeyyiin mootummaa Kuweet buufata humna ibsaa fi bishaan qulqulleessu tokko miidhamuu himan.
Joordaanis miisaa'eloota Iraan kudhan qilleensa ishee keessa seenaan utuu miidhaa hin geessisiin rukutamanii kufuu ibsite. Haleellaa Iraan kanaanis miidhaan guddaan akka hin geenye mootummaa biyyattii beeksiseera.
Maddoonni mootummaa Ameerikaa BBC'n walitti hidhata qabu CBS News 'tti akka himanitti, loltoonni Ameerikaa muraasni haleellaa torban darbe Joordaan keessatti raawwatameen madaa'aniiru.
Dhimma ulaa Hormuz addunyaa yaaddesse
Wal waraansi biyyoota lamaan jidduutti cimuun geejjibni galaanaa ulaa Hormuz keessatti haalaan gufateera.
Ulaa Hormuz keessaa qabeenyi boba'aa fi gaazii uumamaa addunyaa keessaa gara harka shani keessaa tokko ta'utu geejjibsiifamaa ture.
Kanaaf jeequmsi achitti uumame gabaa anniisaa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akkauma itti fufetti jira.
Gatiin boba'aa Jimaata darbe dhibbeentaa afuriin ol dabaluun ji'a tokko keessatti sadarkaa isaa olaanaa irra ga'eera.
Ameerikaan geejjiba galaanaa Iraan ittisuuf uggura galaanaa hojiirra oolchuushee ibsite. CENTCOM akka jedhetti, dooniin daldalaa Iraan muraasa kallattii isaanii jijjiirsisuu fi haleeluu ibse.
Iraan gama isheetiin dooniiwwan dambii fi seera isheen ulaa Hormuz keessatti baaste cabsan miisaa'elaa fi dirooniiwwan qilleensaatiin dhaabuu ibsite.
Himata lamaan isaanii walirratti dhiyeessan
Miidiyaan mootummaa Iraan dooniiwwan boba'aa lama Ulaa Hormuz gama kibbaatiin darbuu yaalan haleelamuun barbadaa'uu gabaase. CENTCOM garuu odeeffannoon sun "dhugaa miti" jechuun haale.
Akkasumas Iraan haleellaan Ameerikaa riqicha, buufata baaburaa fi buufata xiyyaaraa dabalatee bu'uuraalee sivilii rukutuu himte.
BBC Verify suuraalee fi viidiyoowwan ba'an qorachuun, Riqichi Gariveh jedhamu Naannoo Hormozgaan keessatti miidhamuu isaanii mirkaneessaniiru. Iraan namoonni torba haleellaa kanaan du'uus ibsite.
Waayita Haawus garuu humnoonni Ameerikaa bu'uuraalee kaayyoo waraanaaf oolan qofa akka haleelan, bu'uuraalee sivilii irratti haleellaan raawwaawwatamuu fi himatni Iraan irraa dhiyaatte sirrii akka hin taane haale.
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterees wal waraansi kun daran hammaachuu fi haleellaan bu'uuraalee sivilii Iraan fi naannichaa irratti raawwatamu yaaddoo guddaa ta'uu ibsan
Xiinxaltoonni dhimma nageenyaa akka jedhanitti, waliigalteen dhaabbata waraanaa diigamuu irraa eegalee wal waraansi Ameerikaa fi Iraan sadarkaa haaraatti ce'uun nageenya Baha Giddugaleessaa qofa osoo hin taane dhiyeessii anniisaa fi diinagdee addunyaarratti dhiibbaa guddaa geessisuu mala.