Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US halkan torbaaf Iraan rukutte; Iraanis biyyoota michuu Ameerikaa haleeluu cimsite

Waraanni Ameerikaa erga pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo ''xumuramuu'' labsanii as Iraan irratti halkan torbaffaaf walittifufinsaan haleellaa raawwachuu isaa ibseera.

Guduunfaa

Tehraan dabalatee bakkeewwan Iraan heddurratti haleellaa gaggeessuu beeksiste

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan 'Ameerkaan yakka waraanaa raawwatte' jechuun UN'tti himatte

    Iraan "Bu'uuraalee sivilii haleeluun yakka waraanaati'' jechuun Ameerikaa Mana maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti himata dhiyeessite.

    UN'tti ergamaan Iraan Amir Saheed Iravani, haleellaan Ameerikaan bu'uuraalee misoomaa sivilii Iraan irratti raawwatte seera idil-addunyaa cabsuu fi "yakka waraanaa" ta'uu Ameerikaa himatan.

    Iravani xalayaa Mana Maree Nageenyaa UN'f erganiin haleellaan yeroo ammaa kun riqichoota, daandilee, fi bu'uuraalee geejjibaa, keessumaa daandii fi riqicha baaburaa irratti xiyyeeffachuun raawwatamuu isaa balaaleffatan.

    Itti dabaluunis Manni Mareen Nageenyaa tarkaanfii cimaa yoo hin fudhanne, Iraan mirga of ittisuu akka qabdu akeekkachiisan

    "Rippabiliikni Islaama Iraan, akka seera idil-addunyaatti mirga ofii qabu irratti hundaa'uun, birmadummaa, guutummaa daangaa biyyattii, uummata ishee fi fedhii bu'uuraa ishee eegsisuuf tarkaanfii barbaachisaa hunda fudhachuu ni dandeessi," jedhan.

    Ibsi kun yeroo wal waraansi Ameerikaa fi Iraan torban lammaffaaf itti fufee jiru keessatti dhufe. Ameerikaan halkan 7 walitti aansuun buufataalee waraanaa Iraan irratti haleellaa raawwachaa jirachuu ibsite.

    Iraan gama isheetiin, haleellaa Ameerikaa kanaaf deebii kennuun buufata waraanaa Ameerikaa fi michoota ishee Bahireen, Kuweet fi Joordaan keessatti argaman irratti miisaa'elaa fi dooniiwwan qilleensaa fayyadamuun haleellaa raawwachuu beeksifte.

    Mootummaan Ameerikaa garuu himata Iraan kana haaluun, humnoonni isaa kanneen kaayyoo waraanaa qofa irratti xiyyeffachuu ibsite.

    Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterees wal waraansi kun daran hammaachuu fi haleellaan bu'uuraalee sivilii Iraan fi naannichaa irratti raawwatamu yaaddoo guddaa ta'uu ibsan.

  2. Daandiin Qilleensaa Kuweet balalii isaa hedduu jijjiiree

    Daandiin qileensaa Kuweet haleellaa miisaa'eloota baalistikaa fi dooniiwwan qilleensaa Iraan irraa itti dhukaafamaniif to'achuuf ajaja mootumaan hojii buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Kuweet yeroo muraasaaf adda cituu beeksise.

    Kanaafis sagantaawwaan balalii hedduu akka jijjiraman taasiseera.

    Jjjiiramni sagantaa balalii kan taasifame mootummaa Kuweet qilleensa biyyattii balaliif cufuu murteessuu isaatiin akka ta'es ibsee

    Ministeerri Raayyaa Ittisaa Kuweet gamasaaniin, sirni ittisa qilleensaa biyyattii miiseylota balistikaa fi dooniiwwan qilleensaa Kuweet irratti dhukaafaman qilleensa biyyattii keessatti adda baasuun to'achuu fi barbadeessuu danda'uu beeksise.

    Iraan yeroo dhihoo keessa buufata waraanaa Ameerikaa fi michoota ishee Baha Giddugaleessaa, dabalatee Kuweet, irratti haleellaa raawwachuu ishee beeksiste.

    Mootummaan Kuweet lammiileen tasgabbaa'anii akka turan waamicha dhiyeessee, qaamoleen nageenyaa fi humni ittisaa biyyattii haala qophaa'aa guutuu keessa akka jiran ibse.

    Hanga ammaatti haleellaa kanaan namoonni lubbuun isaanii darban yookaan miidhaan guddaan bu'uuraalee sivilii irra ga'e akka hin jirre mootummaa Kuweet ibseera.

    Kuweet, kan buufata waraanaa Ameerikaa guddaa keessaa tokko keessummeessitu, walitti bu'iinsa Ameerikaa fi Iraan keessatti walaba oftaasisuuf yaalaa turte.

  3. Haleellaa Yukireen man-kuusa Raashiyaa irratti raawwatteen namn torba du'e

    Haleellaa diroonii Yukireen man-kuusa onlaayinii guddaa Raashiyaa Waayildbeeriis jedhamu irratti raawwatteen namoonni torba lubbuu dhabanii, 49 ammoo miidhamaniiru jedhan qondaaloti Raashiyaa.

    Namoonni du'aniifi miidhaman man-kuusa magaalaa Taamboov - Moskoo irraa km475 fagaatee argamu keessa turan. Miidhamni 24 biraan ammoo man-kuusa naannoo Moskoo jirutti mudate.

    Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleenskii haleellaan kuni kuusaa ''meeshaalee dirooniifi kaan ittiin oomishuuf gargaaran keessattii kuufamu irratti qiyyaafate,'' jedhan.

    Dabaluunis Yukireen qiyyaafannoowwan Galaana Azoov, Galaana Gurraachaafi Kireemiyaa haleelteetti jedhan.

    Zeleenskiin haleellaan kuni ''isa Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa hawaasaa irratti raawwatteef deebii kennuuf raawwate,'' jedhan.

    Roobii galgala haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti raaawwatteen namoonni 14 ajjeefamaniiru.

    Man-kuusni Waayildbeerii jedhamu gabaa Ameerikaa Amaazoon qixxee dha jedhama. Bara 2026 Man-kuusni kuni doolaara biiliyoona 12.6 akka baasu Foorbis tilmaameera.

    Hojii geggeessituun dhaabbatichaa Taatyaanaa Kiim Raashiyaaf ''halkan hamaa'' ture jette.

  4. 'Tooftaan takka dippiloomaasi takka Waraana jedhan dhumate'- Iraan

    ''Siyaasni marii fi waraana wal faana adeemsisuu xumurameera"jette iraan

    Gorsaan waraanaa Hogganaa Ol'aanaa Iraan Mohsen Rezayi, imaammanni Iraan yeroo wal fakkaatutti marii fi waraana adeemsisaa turte amma akka xumurame beeksisan.

    Akkasumas Ameerikaan yoo waraana itti fufte, Iraan gara haleellaa bal'aa fi cimaatti ce'uu dandeessi jechuun akeekkachiise.

    Rezayi ibsa televiiziyoona mootummaa Iraaniif kennaniin, yoo Ameerikaan guyyoota lama yookaan sadii dhufan keessatti waraana itti fufte, gara marsaa haleellaa guutuu fi barbadeessuutti ceena. Sana booda haleellaa haaloo bahuu qofa irratti hin dhaabbannu," jedhu

    Iraan mootummoota fi uummata biyyoota hunda akka kabajju ibsuun haleellaan ishee humnoota waraanaa fi buufata waraanaa Ameerikaa irratti qofa kan xiyyeeffatu ta'uu iibsan.

    Rezayi akka jedhanitti, hanga ammaatti Iraan of eeggannoo gochuun ishee walitti bu'iinsi guutuu Baha giddu galeess keessatti akka hin babal'anneef ture.

    "Yoo gara marsaa haaraatti ceene, walitti bu'iinsi naannichaa bal'achuu danda'a. Fakkeenyaaf, walitti bu'iinsi Turkii fi Israa'el gidduutti, Saa'uud Arabiyaa fi biyyoota muraasa gidduutti, akkasumas Chaayinaa fi Taayiwaan, yookaan Raashiyaa fi Awurooppaa gidduutti hammaachuu danda'a. Nuti garuu kana hin barbaannu," jedhan.

    Haata'u malee, Ameerikaan waraana bal'aa naannichaa uumuu keessatti gahee guddaa qabdi jedhu

    Dubbiin Rezayii kun yeroo Ameerikaa fi Iraan wal haleellaa itti fufanitti dhufe. Iraan yeroo dhihoo keessa buufata waraanaa Ameerikaa Bahireen, Kuweet fi Joordaan keessatti argaman haleeluu ishee beeksiste.

    Qondaalichi uummata Baha Giddugaleessaa waraanni kun akka hin babal'anne ittisuuf akka hojjetan waamicha dhiyeessuun yoo sun hin taane , "Yeroo dhiyootti rooba miiseylaa eegaa'' jedhan

    Gama biraatiin, Waajjirri Pirezidaantii Libaanos akka beeksisetti, Pirezidaantiin biyyattii Jooseef Awuun har'a Bayruut irraa gara Waashingitan imalaniiru.

    Imala isaanii keessatti Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Traamp waliin wal arguuf akka eegamu ibsameera.

  5. Goojjam Bahaatti dhukaasa hidhattoonni konkolaataa barattoota kutaa 12ffaa irratti bananiin namni shan madaa'e

    Naannoo Amaaraa Godina Gojjam Bahaatti konkolaataa barattoota qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii deebi'aa jiranirratti dhukaasa hidhattoonni bananiin namoonni shan miidhamuu maddeen BBCtti himan.

    Maddeen naannichaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan Kamisa, Adoolessa 9/2018 A.L.I galgala sa'atii 12:30 irratti aanaa Biibuunyi jedhamutti barattoota qormaata kutaa 12ffaa qoramanii deebi'aaa jiran irratti dhukaasa hidhattoonni banaiin namoonni miidhamuu himan.

    Qondaaloti aanichaa barattoota dhukaasni irratti baname keessaa lama miidhaan jabaa akka irra gaheefi kanneen hafan sadii garuu miidhaan salphaa irra gahuu himan.

    Barattoonni kunneenis hospitaala sadarkaa lammaffaa Biibuunyitti yaaliin taasifamaafi akka jiru dabaluun himaniiru.

    Humna hidhataa naannichatti socho'urraa deebii argachuuf yaaliin BBC'n taasise hin milkoofne.

    Hidhattoonni waggoota sadii darbaniif godinichaafi naannicha keessatti bal'inaan akka socho'an qondaalichi dabaluun himaniiru.

    Naannichi guutummaan guutuutti hidhattootaan akka to'atamee jiru kan himan ittigaafatamaan aanichaa tokko barattoonni qormaataaf yeroo deemaa turanitti dhukaasni itti banamee akka ture beeksisaniiru.

    ''Yeroo deebi'an humna ittisa biyyaa waliin wal fuulduratti bahuun gareen finxaalessaa barattoota bor biyyaaf abdii tahan irratti dhukaasa bane,'' jedhan.

    Gareen hidhataa Faannoo naannoo Amaaraafi daangaa Oromiyaa irratti socho'u yeroo gargaraa ajjeechaa namoota nagaan himatama.

  6. Waa'ee hiriira nagaa har'a Finfinneetti gaggeeffame waan beeknu

    Hiriirri nagaa ummata ''dirqiin waraanatti naquuf'' sochii taasifamu mormu fi nagaa akka bu'u gaafatu hara'a Magaalaa Finfinneetti adeemsifameera.

    Kaayyoon isaa gaaga'ama naannoo Tigraayitti hammaachaa dhufe mormu akkasumas mootummaan federaalaa dhimma naannichaa irratti ''dirqama mootummaa akka bahu'' gaafachuu ta'uu koreen qindeessitootaa BBC'tti himan

    Kanneen hirrira kana ba'an gareen TPLF ummata naannichaarratti ukkaamsaa fi gidiraa hedduu qaqqabsiisaa jira jechuun dhaadannoo adda addaa dhageessisaa turan.

    Hiriiricha kan qopheesse Manni Maree Nageenyaafi Jijjiiramaa Tigraay ergaa dabarseen gareen TPLF naannicha jeequuf hojjechaa jira jechuun himate.

    Garichi dargaggoota naannoo Tigraay hidhachiisuun gammoojjiiwwan Eertiraa keessatti hiriirsisee waraana Sudaaniif gurgurtaan dhiyeessuun lolchiisaa akka jiru himate.

    Dhimma kana irratti MM Itoophiyaa Abiy Ahimadillee haawasaa Paarlamaa keessatti dhiyeeny taasisaniin himata walfakkataa dhiyeessuun ni yaadatama.

    Garuu gareen TPLF himata kana haalee ture.

    Hiriirrii nagaa kun ummatni nagaan qe'ee isaarra akka jiraatuu fi waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaallee akka kabajamu kan gaafatan.

  7. Wanbadoonni galaanarraa Yamanitti baatii sadiitti yeroo lammataaf taankara butan

    Wanbadooti galaanarraa lammiilee Somaaliyaa akka tahan shakkaman Galoogalaana Eden, qarqaragalaanaa Yaman irratti baatii sadiitti yeroo lammataaf taankara butuu dhaabbati nageenya galaanarraa UK (UKMTO) fi qondaaloti nageenyaa Somaaliyaa mirkaneessaniiru.

    Akka dhaabbanni UK kuni jedhutti ''dooniin kuni gara bahaatti yeroo yabalu namoota eeyyama hin qabne qabatee ture, dooniiwwan kaan ofeeggannoon akka ce'een itti himameera.'' Qondaaloti Puuntilaand ammoo wanbadooti kunneen lammiilee Somaaliyaa tahuu mirkaneessaniru.

    Yamanitti doonii butuun kuni Caamsaa as yeroo lammataaf raawwate. Dooniiwwan lama Ebla darbe galaana Hindii irratti wanbadootaan butamanii ture.

    Wandadooti kuni yeroo dheeraa booda deebi'uu hordofee haleellaan hin milkoofne baayyeen taasifameera.

    Naannichatti sababa eegumsi jabaan jiruufi haleellaan wanbadootaa badee ture waggaa sadii as akka haaratti mul'achaa jira.

    Dooniin MT Asaanaa alaabaa Taanzaaniyaan qabdu gara buufata doonii Bosaasoo, Puuntilaand otoo deemaa jirtuti kan butamte.

  8. US halkan torbaaf Iraan rukutte; Iraanis biyyoota michuu Ameerikaa haleeluu cimsite

    Waraanni Ameerikaa erga pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroo ''xumuramuu'' labsanii as Iraan irratti halkan torbaffaaf walittifufinsaan haleellaa raawwachuu isaa ibseera.

    Iraanis kana haaloo bahuuf Kuweet, Joordaan,Kaatar, Siiriyaa, Bahireen fi biyyoota biroo keessatti buufata waraanaa Ameerikaa fi michoota ishee irratti haleellaa raawwachuu himte.

    Ajajni Waraana Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) akka beeksisetti, haleellaan yeroo ammaa kun iddoowwan to'annoo fi sakatta'iinsaa (surveillance), bu'uura geejjibaa fi loojistikii waraanaa, kuusaa meeshaa waraanaa lafa jalaa fi dandeettii waraana galaanaa irratti xiyyeeffate.

  9. Ashamaa! Akkam bultan?

    Tamsaasa keenya kallattii eegallee jirra!

    US haleellaa Iraanirratti gaggeessitu guyyaa torbaffaaf itti fuftee jirti. Tehraanis deebii kennuu hin dhiifne.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa karaa marsariitii, facebook, Youtube, TikTok, fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa.

    Dhiyaadhaa!

  10. Boru Finfinneetti hiriirri nagaa akka taasifamu poolisiin beeksise

    Guyyaa boruu magaalaa Finfinneetti hiriirri nagaa akka gaggeeffamu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

    Hanga hiriirri kuni xumuramutti karaan gara Addabaabayii Masqalaa geessu akka cufamu beeksiseera.

    Sababa hiriira kanaas yoo ibsu ''jeequmsa Naannoo Tigraayitti hammaataa dhufe mormuufi dhaabsisuuf'' akka ta'e ibse.

    Akkasumas ''mootummaa federaalaa fi hawaasa idil-addunyaaf beeksisuuf'' akka ta'e hime.

    Dhaadannoon hiriira nagaa kanaas ''dirqiin waraanaaf butuun haa dhaabatu, nagaan haa bu'u'' kan jedhudha jedhameera.

  11. Hojjetaan Waayit Haawus haasaa Tiraamp irratti doolaara kuma 100 qabsiisee argachuun himatame

    Oppireetariin maashina barreefama irraa dubbisan (teeleepiroomtar) kan Waayit Haawus keessaa hojjetu haasaawwan Pireezidanti Donaaldi Tiraamp irratti qarshii qasbiisuun doolaara 100,000 argateera jedhame qorannoon irratti baname.

    Teeleepiroomtariin haasaa barreefamaan qophaa'e maashina iskiriinii irratti agarsiisu dha.

    Qondaaloti olaanoo akka pireezidantii fa'i waraqaa osoo hin qabatiin iskiriinii ilaaluun haasaa isaanii uummataaf dabarsu.

    Bara 2016 irraa qabee Waayit Haawus keessaa kan hojjetu Gaabri'eel Pirees teeleepiroomtarii Waayit Haawus qondaaloti itti fayyadaman kan to'atu isa dha.

    Peereez pireezidantichi haasaa gurgurddaa taasisuun jecha fayyadamu irratti qarshii qabsiisaa ture himtni jedhu irratti banamee jira.

    Marsariitiin 'Kaalshii' jedhamu taateewwan addunyaa garaagaraa irratti iddoo namoonni qotinyaa wal-qabatani dha.

    Marsaritichi dhimma kana ilaalchisee waajira to'atutti beeksisuu himeera.

    Kaalshiin hojjetaan Waayit Haawus bu'aa qarshii qabsiisee argachuu dura akkaawuntiinsaa akka cufamu gochuu ibseera.

    Dhaabichi hojjetaa kana kan hordofuu jalqabe erga Ebla darbe haala hin baratamneen qarshii qabsiisnaani jedheera.

    Waan kuni kan mudate gabaa qotinyaa namoonni qaamoti adda addaa jechoota fayyadaman irratti qarshii yeroo qabsiisanidha.

    Taphattoonni dorgommii akkasii keessa seenan haasaa keessatti jechi diinagdee ykn dhaadannoon faayidaarra oola yoo taheef qarshii qabsiisuun tilmaamu.

    Marsariitiin Kaalshii jedhamu ''jechi namoota siyaasaa, pireezidantoonni fi bulchitoonni baankii fa'a gabaa jijjiirraa qarshii alaa, boba'aafi aksiyoonaa doolaarri biiliyoonaan lakkaa'amu akka socho'u godha,'' jechuun hubachiiseera.

    Hojjetaa Waayita Haawus kana akkaawuntiisaa fayyadamuun akka bira gahe marsariitiin kuni beeksiseera.

    Hojjetaan Waayita Haawus kuni doolaara kuma 90 qotinyaa qabachuun argate otoo hin baafatiin jalaa dhorkameera.

    Pirees Seekireetariin Waayit Haawus Kaarolaayin Liveet Pireezidant Tiraamp waa'ee teeleepiroomtarii kanaa akka hin beekne himteetti.

    Yeroo ammaa kana hojjetichi kaffaltii malee boqonnaa akka bahu godhamuu himuun kana booda WaayitHaawusiif hojjechuu akka hin dandeenye beeksisaniiru.

  12. FIFA'n injifattoota Waancaa Addunyaaf qubeelaa badhaasufi

    FIFA'n Sambata dhufu tapha xumuraa Waancaa Addunyaa garee mo'atuuf qubeelaa akka badhaasu himuun Donaaldi Tiraamp taphicha akka daawwatanii ibseera.

    Ameerikaatti taphattoota mo'ataniif qubeelaa badhaasuun waan baratame dha.

    Garee Waancaa Addunyaa mo'atuuf qubeelaan 30 kan dhiyaatu yoo tahu qubeelaan 1,996 tahu ammoo deeggartootaaf gurgurama.

    Qubeelicha irratti Waancaa Addunyaafi barreefamni irratti bocameera.

    Badhaasa qubeelaa kana garee mo'atuuf akka kennan kan eegaman Tiraamp tapha 102 hamma yoonaa taasifame keessaa tokkosaayyuu hin daawwanne.

    Ameerikaan Beeljiyeemiin mo'amtee taphaa ala yeroo taateyyuu pireezidantichi hin daawwanne.

    Pireezidantiin FIFA Jiyaanii Infaantinoo pireezidantichi tapha xumuraa irratti akka argaman dursanii himanii ture. Pirees Seekreetariin Waayit Haawus Kaaroolaayiin Liveetis kanuma mirkaneessaniiru.

    Taphni Waancaa Addunyaa baranaa Ameerikaa, Meeksikoo fi Kaanaadaadhaan qophaa'e.

    Sambata borii Ingilliziifi Faransaay sadarkaa sadaffaaf kan falman yoo tahu Arjantiinaafi Ispeen ammoo waancaaf wal falmu.

  13. Tiktookariin waa'ee pireezidantii Gaanaa oduu sobaa tamsaaste hidhaan adabamte

    Tiktookariin lammii Gaanaa waa'ee pireezidantii biyyattii Joon Maahimmaa oduu sobaa tamsaasuun balleessaa dha jedhamtee hidhaan waggaa tokkoo irratti murameera.

    Tiktookariin Kaamilaa Al-hasan jedhamtu pireezidantichi filannoo bara 2024 mo'achuuf jecha sirna amantii raawwachiisuuf saawwan 32 aarsaa akka taasisan viidiyoowwan himan Caamsaa darbe irraa qabee qoodaa turte.

    Dubartiin ganna 43 kuni, dabaluunis mootummaan namoota lolaan miidhamaniif moodeesiin akka arjoomamuuf tarkaanfii kan fudhate sirna waaqeffannaa pireezidantichi godhu dhoksuufi jetteetti.

    Daanyaan dhimmicha ilaalan adabbiin akka hir'atu ol iyyannoon gaafatamullee adabbii haalli akkasii akka irra hin deebi'amne gargaaru jedhan dabarsaniiru.

    Abbaan alangaa dubartiin hordoftoota kuma 70 ol qabdu Kaamilaan pireezidanticharratti maqa balleessii sobaa irra deddeebiin raawwateetti jechuun falmeera.

    Dubbiinshee kuni miidiyaa hawaasaa Gaaanaa irratti bal'inaan waan qoodamaa tureef yakkaafi yaada ofii bilisaan ibsachuu gidduu madaala jiraachuu qaburratti falmii kaaseera.

    Daanyaan murteen kuni ragaa sobaa miidiyaa hawaasaa irratti babal'ataa dhufe ittisuuf barbaachisaa dha jedhaniiru.

    Gaanaa keessatti namni miidiyaa hawaasaa irratti beekamu hidhamuun kan jalqabaa miti.

  14. Tiraamp Chaayinaan filannoo Ameerikaa 2020 gidduugaltee turte jedhe

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp ibsa kenneen Chaayinaan filannoo Ameerikaa bara 2020 gidduugaltee sirni sagalee kennuu ''akkaan saaxilameera,'' jedhe.

    Tiraamp dubbii kana WaayitHaawusirraa kan kenne yoo tahu filannoon bara 2020 waliidhahamuufi humni alaa gidduugaluu ragaa otoo hin dhiyeessiin dubbataa ture.

    Filannoon Ameerikaa marsaa walakkaa baatiin sadii yeroo hafutti haasaa taasiseen sanadoota basaasaa dhibbaan lakkaa'aman kan Chaayinaan filannicha Joo Baayidan akka mo'atu deeggaru agarsiisu akka ofharkaa qabu hime.

    Hawaasni basaasaa Ameerikaa filannoo bara 2020 keessa harki Chaayinaa akka hin jirre kanaan dura mirkaneessee ture.

    Haasaa taasise kanaaf ministeerri hajaa alaa Chaayinaa filannoo Ameerikaa bara 2020 gidduu akka hin galleefi ''waan ofumaa uumanii odeessan'' akka tahe himeera.

    Waan Tiraamp jedhu ''maqa balleessii'' bu'uura hin qabne akka tahe mirkanaa'era jechuun dubbihimaan ministeerichaa Liin Jiyaan himan.

    Tiraamp Chaayinaan sanada filattootaa miiliyoona 220 tahu seeraan ala argateetti jechuun haasaa isaa kana keessatti dubbateera.

  15. Iraan miidhaa haleellaa Ameerikaatiin mudate ibsite

    Ministeerri Fayyaa Iraan akka beeksisetti, haleellaa qilleensaa Ameerikaan baatii Adoolessaa qofa keessa raawwatten lubbuu namoota 38 gaagatee jedhe.

    Namoota gara 400 ol ta'an irra ammoo miidhaan salphaa fi cimaan qaqqabuu eera.

    Dursaan Giddugala Hariiroo Hawaasaa Ministeera Fayyaa biyyatti Huseen Kermanpohur toora miidiyaa X irratti hanga saatii ibsi kun bahutti lakkoofsi namoota haleellaa Ameerikaatiin miidhaman 400 kan caalu yoo ta'u, namoonni nagaa 38 wareegamaniiru jedhan.

    Isaan keessaa dubartootni 22 kan madaa'an, yoo ta'u dubartoota 3 du'aniiru.

    Akkasumas daa’imman umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’an sagal madaa’aniiru, daa’imni tokko immoo lubbuun isaa darbeera.

    Akka ibsa isaanitti, namoonni 47 amma iyyuu hospitaala keessatti yaalamaa jiru.

    Haleellaan Ameerikaan yeroo dhiyoo Iraan irratti raawwatte Adoolessa 7 kan eegale yoo ta’u, kunis dooniiwwan hedduu ulaa Hormuz keessatti haleeluu isheetiif deebii kennuuf ture.

    Ergasii Iraan haleellaa haaloo bahuu kan dantaa fi buufataalee Ameerikaa naannicha keessa jiran irratti xiyyeeffate jette raawwatteetti.

  16. Iraan dhaabbilee Ameerikaa barbadeesse jette

    Gareen Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) ibsa baaseen buufata raadaaraa Ameerikaan fayyadamtu lama Omaan keessatti barbadeessuu ibse.

    Akka ibsa isaatti, raadaarri sochii doonii Salalah fi raadaarri qajeelcha balalii Ganem jedhaman haleellaa irratti raawwatameen barbadaa'aniiru.

    Gareen kun ibsa isaa keessatti tarkaanfiin deebii Iraan cimee akka itti fufu, akkasumas ulaan Hormuz to'annoo humna galaanaa Iraan jala akka turu beeksisera.

    Dhimma kana irratti Ameerikaa fi Omaan irraa hanga ammaatti ibsi kenname hin jiru.

    Kuni utuu kanaan jiruu,Chaayinaa fi Paakistaan Ameerikaa fi Iraan waraana hatattamaan akka dhaabanii gara marii nagaatti deebi'an waamicha dhiyeessan.

    Ministeeronni Dhimma Alaa biyyoota lamaanii, Wang Yi fi Ishaq Dar, Shanghaayitti erga mari'atanii booda haalli nageenyaa hammaachaa jiru yaaddessaa ta'uu ibsanii, biyyootni wal waraanaan kunneen marii fi araara akka jalqaban gaafataniiru.

  17. US Israa’el Ameerikaanota amansiisuun waraana Iraan dheeressuuf yaalaa jirti jechuun himatte

    Pirezidaantiin Itti Aanaa Ameerikaa JD Vansi qondaaltonni mootummaa Israa’el tokko tokko Ameerikaan waraana Iraan irratti geggeessaa jirtu akka itti fuftu amansiisuuf yaalaa akka jiran dubbatan.

    Vaansi Gaaffii fi deebii miidiyaa biyyatti tokko waliin taasisaniin hoggantoota Israa'el tokko tokko irratti amantaa akka qaban ibsuun, tokko tokko garuu ''tapha siyaasaa taphachaa fi Ameerikaanota gara waraana dhuma hin qabnetti harkisuuf yaalaa jiru'' jedhan.

    Vaansi itti dabaluun mootummaa Israa’el keessaa namoonni tokko tokko marii nageenyaa Ameerikaa fi Iiraan gidduutti gaggeeffamaa jiru gufachiisuuf socho’aa jiru jedhe.

    Mootummaan alaa fedhii isaanii Ameerikaa irratti dhiyeessuun kun waan haaraa mitis jechuun ibse.

    Dubbi himtuu Haayit Haawus Karoline Liivit mootummaa alaa hedduun yaada uummata Ameerikaa irratti dhiibbaa uumuuf akka yaalan Tiraampis irratti walii ni gala jedhan.

    Dubbiin Vaansi kun yeroo mootummaan Tiraamp waraana dhaabuu fi marii Iraan waliin furmaata barbaaduuf tattaaffii taasisaa jirutti dhaga’ame. Kana jechuun walitti dhufeenya Ameerikaa fi Israa’el irratti garaagarummaa yaadaa akka jiru agarsiisa.

    Baatii darbe Ameerikaa fi Iraan marii deebi’anii jalqabuuf waliigaltee duraa irra ga’anii turan.

    Akka gabaasaaleen jedhanitti, mariin kun qormaataan kan guutame ta’us, dhukaasa dhaabuu guyyoota 60 fi tarkaanfiiwwan ulaa Hormuz deebi’anii banuuf fudhataman irrattis waliigalanii ture.

    Haa ta'uu malee amma waligalteen sun xumuramuun bifa haaraadhaan waraanaa walirratti gaggeessa jiru.

    Mootummaan Israa’el ibsa kanaa ilaalchisee deebii hatattamaa hin kennine.

  18. Iran Kaataar, Kuweet Bahireen fi Siiriyaa haleeluun haaloo ba'aa jirti

    Ameerikaa haleellaa Iraan irratti raawwataa jirtu cimsuu hordofee, Teehiraan Kuweet,Kaataar fi Baahireen irratti haleellaa raawwachuun haaloo ba’aa jirti..

    Iran Kamisa halkan gara biyyoota akka Kataar, Kuweetii fi Bahireen irratti haleellaa miisaa'elaa fi diroonii raawwachuu biyyoonni kunneen beeksisan.

    Ministeerri Ittisaa Kaataar ibsa baaseen, humnoonni waraanaa biyyattii haleellaa miisaa'elaa irratti raawwatame qolachuu isaanii beeksisan..

    Ibsi ministeerichaa, "Humni waraanaa Qataar haleellaa miisaa'elaa biyya keenya irratti kaayyeffate milkaa'inaan qolateera," jedha.

    Ministeerri biyya keessaa Kaataar haalli nageenyaa sadarkaa yaaddessaa irra ga'uu ibsuun, lammiileen hundi manneen isaanii yookaan iddoowwan nageenyaa qabu keessa akka turan waamicha dhiyeesse.

    Kuweetittis, Humni Ittisaa biyyattii sirni ittisa qilleensaa miisaa'elotaa fi diroonota haleellaa raawwachuuf dhufan qolachaa jiraachuu beeksise.

    Bahireenis sirna akeekkachiisaa yeroo balaa kennuun, lammiilee fi jiraattota gara iddoo nageenyaa qabuutti akka deeman waamicha dhiyeessite.

    Miidiyaaleen mootummaa Iran gama isaaniin, humni waraanaa Iran buufata waraanaa Ameerikaa Bahireen keessatti argamu keesstti xiyyaarotaa fi helekoopteroota Ameerikaa haleeluu ibsan.

    Akka gabaasa miidiyaalee mootummaa Iranitti, haleellaan kun Ameerikaan bu'uuraalee misoomaa fi lammiilee nagaa Iran irratti raawwatteef deebii kenniteedha.

  19. Ameerikaa halkan 6ffaaf haleellaa Iraan irratti raawwatteen bu'uraalee misooma barbadeessite

    Ameerikaan halkan jahaffaaf walitti aansuun Iran irratti haleellaa waraanaa gaggeessite.

    Miidiyaaleen mootummaa Iran akka gabaasanitti, haleellaa kanaan bu'uuraaleen misoomaa siivilii hedduun manca'aniiru.

    Riqicha, buufata baaburaa fi buufata xiyyaaraa dabalatee bu'uuraalee misoomaa siivilii irratti raawwatameera.

    BBC'nis Bulchiinsa Hormozgaan keessatti, magaalaa Bandar Abbas irraa gara dhihaatti riqichi tokko haleellaa kanaan rukutamuu isaa mirkaneesseera.

    Ibsa dabalataa argachuuf waajjira waayit Haawus akkasumas Ajaja Waraana Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) gaafateera.

    Haleellaa kana keessatti, miisaa'eloonni Ameerikaa Odoola Qaashim, naannoo Hormuuzitti argamtu, akkasumas naannoo Bushehir kan buufata humna niwukilarii qabdu irratti xiyyeeffatanii rukutuu isaanii gabaafameera.

    Magaalaan buufaatat doonii Bandar Abbasis qiyyaafnnoo misaa'eloota Ameerikaa taaterti.

    CENTCOM akka ibsetti, haleellaan kun humna waraanaa Iran dadhabsiisuuf kan kaayyeffate ture.

    Akkasumas doonii tokko uggura Ameerikaan ulaa Hormuuz irratti kaa'e cabsuuf yaalaa ture to'achuu isaa beeksiseera.

    Haa ta'u malee, ibsa isaa keessatti riqichoonni akka kaayyoo waraanaatti rukutaman jechuun hin eerre.

    Torbee kana jalqaba irratti Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, Iran gara mariitti yoo hin deebine riqichootaa fi buufataalee humna ibsaa biyyattii irratti haleellaa raawwachuu akka danda'an akeekkachiisanii turan.

    Kana duraas Traamp bu'uuraalee misoomaa siivilii, akka riqichootaa fi buufataalee humna ibsaa dabalatee, haleellaa keessa galchuu akka danda'an ibsan

    Yeroo sanatti Komishinarri Olaanaan Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Volker Türk, lammiilee nagaa fi bu'uuraalee misoomaa siivilii irratti haleellaa raawwachuun yakka waraanaa ta'uu isaa hubachiisanii turan.

    Akka Waliigaltee Geneva bara 1949tti, yeroo waraanaatti lammiilee nagaa fi bu'uuraalee jireenya isaanii tiksuuf barbaachisan irratti haleellaa raawwachuun seeraan dhorkaadha.

  20. 'Bu’aan waraana Iraan waliin gaggeeffamuu yeroo dhiyootti ni beekama'- Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp bu'aan Waraan yeroo ammaa Iran irratti gaggeeffamaa jiru yeroo dhihoo keessatti akka ifa ta'u dubbatan.

    Haasaa isaanii keessatti Tiraamp, Ameerikaa fi Israa'el hojii waraanaa isaanii keessatti milkaa'ina galmeessuu itti fufaniiru jechuun ibsan.

    Waraanicha keessatti mootummaa isaanii - Ameerikaan olaantummaa qabdi jedhan.

    "Bu'aan isaas yeroo dheeraa hin fudhatu, yeroo dhihootti ni mul'ata," jechuun dubbatan.

    Dabalataanis, "Iran irratti injifannoo guddaa galmeessaa jirra," jechuun himan.

    Garuu injifannoon kun maal akka ta'e hin ibsine, yaada kana deeggaruufis akkasuma ragaa hin dhiyeessine.

    Tiraamp kana kan dubbatan yeroo waraanni Ameerikaa fi Iraan giddutti bifa haaran deebi'ee cimaa jiruttidha,