Hulaa Hormuuz bakka bu'uun sararri boba'aan addunyaaf ittiin rabsamu kan biraa jiraa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Walitti bu'iinsi Iraanfi Ameerikaa irra deebiin eegaluusaatiin dhimmi Ulaa Hormuuzis irra deebiin mataduree haasaa ta'eera.

Ulaan dooniiwwan daldalaa idil addunyaa keessa darban kun qalbii namoota heddus hawwateera.

Iraanifi Ameerikaan waraana isaan gidduu jiru bifa itti fufiinsa qabuun dhaabuuf sanada waliigaltee mallatteessani turanillee waraanichi torbeewwan darbe keessa irra deebiin eegaleera. Sababa kanaanis gatiin boba'aa dabaleera.

Garuu Ulaa Hormuuz keessa darbuun dooniiwwaniif yaaddessaa yoo ta'e biyyoonni galoo galaanaa omisha boba'aasaanii gabaa idil addunyaaf dhiyeessuuf filannoo biraa qabuu?

Filannoowwan biroo akka jiran ogeeyyiin himanillee filannoowwan kun Ulaa Hormuuz bakka bu'uu kan danda'an miti.

Ulaan Iraan fi Omaan gidduutti argamu Ulaan Hormuuz, sarara ijoo biyyoonni galoo galaanaa boba'asaanii itti geejibsiisaniidha.

Haaluma kanaan ulaan kun biyyoonni kunneen boba'aa baay'ee baasii gadi aanaan akka geejibsiisan kan dandeessisudha.

Ujummoo daddabarsa boba'aa wajjin yeroo madaalamus Ulaan Hormuuz biyyoonni baasii xiqqaan omisha boba'aa guddaa akka daddabarsan dandeessisa.

Boba'aa dadaabarsuuf ujummootti fayyadamuun maallaqa ujummoo diriirsuuf bahu dabalataan baasiin suuphaa isaatiif barbaachisus olaanaadha.

Ejansiin Anniisaa Idil Addunyaa akka jedhutti guyya guyyaan boba'aafi gaazii barmeelii miliyoona 20 ta'utu Ulaa Hormuuz keessa darba. Kunis dhiyeessii boba'aa addunyaa keessaa dhibbeentaa 25 ta'a.

Boba'aa Ulaa Hormuuz keessa darbu kana keessaa dhibbeentaa 80 kan ta'us gara biyyoota ardii Eeshiyaatti geeffama. Dabalataan gaazii uumamaa akka addunyaatti omishamu keessaa dhibbeentaa 20 kan ta'us Ulaa Hormuuz keessa darba.

Keessattuu daddabarsi gaazii uumamaa dhangala'aa Ulaa Hormuuz irratti kan hirkatedha. Gaaziin uumamaa dhangala'aan gabaa addunyaaf kan dhiyaatu ulaa kana keessa darbuun qofa waan ta'eef filannoon biraa hinjiru.

Sararoota geejiba boba'aa kan biroo

Ulaan Hormuuz qabeenya uumamaa Iraaniif olaantummaa kennudha. Ulaan kun Iraan gabaa anniisaa idil addunyaarratti olaantummaa akka qabaattu kan taasisu yemmuu ta'u, biyyoonni galoo galaanaas boba'a maloota biroon geejibsiisuuf maallaqa guddaa kaffalu.

Kunneen keessaa tokko Sarara Ujummoo Boba'aa Bahaa-Lixaa kan Saawudi Arabiyaa (East-West Pipeline) yemmuu ta'u, ujummoon daddabarsa boba'aa kun kilomeetira 1,200 dheerata.

Ujummoon kun boba'a kutaa baha biyyattiitii gara kutaa lixa biyyattii Galaana Diimaarratti kan argamtu buufata doonii Yaanbuutti geessa.

Sararri daddabarsa boba'aa kun bara 1980'moota keessa waqtii waraana Iraanfi Iraaqitti diriire.

Yeroo waraanaa Iraanfi Iraaqitti biyyoonni lamaan dooniiwwan boba'aa fi daldala idil addunyaa biroo irratti akeekuun haleellaa raawwachaa turan.

Bara 2019'tti dandeettiin daddabarsa boba'aa sarara kanaa guyyaatti barmeelii miliyoona 7 gaheera.

Gamtaan Imireetota Arabaa (UAE) immoo sarara filmaataa biroo kan dheerina kilomeetira 406 qabu diriirsiteerti.

Ujummoon daddabarsa boba'aa 'Abu Daabii Kiruud Oyil Paayiplaayin' jedhamu kun iddoo omisha boba'aa Abu Daabii keessatti argamufi Habshaan jedhamu buufata doonii Fujaayiraah kan qarqara galaana Omaanitti argamuun qunnamsiisa.

Sararri kun boba'aa Ulaa Hormuuziin alatti daddabarsuuf garagaara.

Namoota dhimmichatti dhiyoo ta'an eeruun Faayinaanshiyal Taayims akka gabaasetti, dhaabbanni loojistiksii Dubaay keessatti argamu DP Worlid, Fujaayiraahitti buufata tajaajilawwan heddu kennu hundeessuuf karoorfateera.

Kunis pirojektii buufata Jabal Alii qofarratti hirkachuurra filannoowwan biroo qabaachuu kaayyeeffatte qophaa'edha. Ulaa Hormuuziin ala sararri daddabarsa boba'aa kan biraan akka jiraatnis dandeesisa.

Ujummoowwan daddabarsa boba'aa ijoo

Boba'aafi gaazi daddabarsuuf Ulaa Hormuuziin alatti filannoowwan biroon jiraatanis sochii bal'aa taasisuuf rakkisaa ta'uu Ejansiin Anniisaa Idil Addunyaa hima.

Dandeettiin daddabarsa boba'aa sararoonni akka filannootti kaayaman qaban guyyaatti barmeelii miliyoona 3.5 hanga miliyoona 5.5 qofa ta'uu ragaan dhaabbatichaa agarsiisa.

Kunis boba'aa barmeelii miliyoona 20 guyya guyyaan Ulaa Hormuuz keessa darbu walin yeroo madaalamu baay'ee xiqqaadha.

Kiings Kollej Landanitti ogeessa nageenya idil addunyaafi qorannoo baha gidugaleessaa kan ta'an Deevid B Roobartis, "hammi kun gahaa miti" jechuun waa'ee sararoota filannoo kunneenii dubbatu.

Sararoonni filannoo kun bu'aa qabeessa akka hintaaneef qormaatawwan garagaraas isaan mudatu. Fakkeenyaaf buufanni Yaanbuu 'saffisa kanaan boba'aa hanga kana keessummeessuu hindanda'u' jedhu.

Kana malees sararoonni filannoo Saawudi Arabiyaa fi Gamtaan Imireetota Arabaa diriirsanis akeeka haleellaa Iraan ta'aniiru.

'Iraan buufata Fujaayiraah irratti haleellaa raawwatteerti' jechuun Gamtaan Imereetota Arabaa (UAE) kan himatte yemmuu ta'u, haleellaa kanaanis ibiddi kuusaawwan boba'aatti qabachuufi sababa kanaanis fe'umsi boba'aa adda cituu beeksisteerti.

Ji'a Eeblaa darbes haleellaa ujummoo daddabarsa boba'aarratti raawwatameen boba'aan barmeeliin kuma 700 guyyaa tokkotti geejibsiifamuu qabu osoo hin geejibsiifamin hafuun himameera.

Dhaabbanni boba'aa Saawudi Arabiyaa Araamkoonis sarara kana suuphuun adda citiinsa guyyoota sadi keessatti tajaajilatti akka deebi'u taasiseera.

Gama biraatiin Iraanis sararoota daddabarsa boba'aa Ulaa Hormuuzif filannoo ta'an diriirsiteerti.

Ujummoon daddabarsa boba'aa kilomeetira kuma tokko dheeratu fiixee galoo galaanaarratti kan argamu Goreh irraa ka'uun galoo galaanaa Omaanirratti kan argamu hanga buufata Jaaskitti diriiree argama.

Sararri kunis guyyaa tokkotti boba'aa barmeelii miliyoona tokko daddabarsa. Boba'aan Iraanis Ulaa Hormuuziin alatti gabaa idil addunyaaf akka dhiyaatu dandeesisa.

Haa ta'u malee qoqqobbiiwwan Iraan irratti kaayamanfi rakkooleen bu'uraalee misoomaa ujummoon daddabarsa boba'aa kun akka karoorfametti tajaajila akka hinlaanne taasisaniiru.

Sararawwan daldala alaa kan biroo

Sararoonni daddabarsa boba'aa Ulaa Hormuuz qofarratti hirkachuurra akka filannootti diriirfaman keessaa tokko sarara boba'aa Iraaq fi Tarkii qunnamsiisudha.

Sararri kilomeetiroota 970 dheeratu kun Iraaq kutaa biyyaa Kirkuuk irraa ka'uun hanga buufata doonii Tarkii Cheeyaahaan jedhamufi qarqara galaana Meditiraaniyaaniitti argamutti diriiree jira.

Ujummoon waggoota lamaaf walakkaaf cufamee ture Fulbaana 2020'tti irra deebiin banamuun tajaajila kennuu eegaleera.

Hammeentaan boba'aa guyyaatti daddabarsus Bitootessa 2026'tti barmeelii kuma 250 gaheera.

Sararri kun Iraaqif Ulaa Hormuuziin ala filannoo ta'us daldala alaa waliigalaashee walin yeroo madaalamu gumaachisaa murtaa'aadha.

Iraaq guyya guyyaan jikita boba'aa barmeelii miliyoona 3.4 gara alaatti ergiti.

Kana keessaa dhibbeentaa 95 kan ta'us buufata doonii kutaa kibba biyyattiitti argamu gama Baasraatiin darbee Ulaa Hormuuz keessa qaxxaamuruun gara biyyoota biroo deema.

Sararri boba'aa Kirkuuk-Cheeyaahaanis boba'aan biyyattii Ulaa Hormuuz keessa darbuun osoo irraa hin eegamin gama Sooriyaan buufata doonii Meditiraaniyaanii akka gahu taasisa.

Sararri kilomeetiroota 800 dheeratu kun bara 1952 ture ijaarsisaa kan xummurame.

Haa ta'u malee sararichi yeroo waraana Iraan-Iraaq cufame. Yaada naannichatti sararoota daldala alaa babal'isuu jedhuunis Ameerikaa, Iraaq fi Sooriyaan sararicha akka haaraatti diriirsuuf waliigaluusaanii gabaasawwan yeroo dhiyoo agarsiisu.

Pirojektiin 'For Siis' jedhamu kun galaanni Meditiraaniyaanii, galaanni Gurraachi, galaanni Kaaspiyaan fi galoon galaana Arabiyaa gama Sooriyaafi Tarkiin akka walitti hidhaman taasisuuf karoorfatamee kan qophaa'edha.

Haasaa ministirri anniisaa Tarkii, Alpaarslaan Baayraaktaar ji'a Eeblaa 2026 taasisaniin sarara daddabarsa boba'aa Qaatar fi Tarkii qunnamsiisu ilaalchisee haasaan akka taasifamu hubachiisaniiru.

Marichi bara 2009 adda kan cite yemmuu ta'u, gama galoo galaana Arabiyaan diriirfamuuf kan karoorfame ture.

Gama biraatiin sarara boba'aa Iraaq omishtu gara buufata doonii biyya Jordaan kan Aqaabaa jedhamutti geessu diriirsuuf kan karoorfame bara 1983 ture.

Ijaarsi sarara Baasraa- Aqaabaa kunis sababa siyaasaafi hanqina maallaqaan irra deddeebiin dheereeffamaa tureera.

Qaamoleen Ulaa Hormuuziin alatti sararawwan daddabarsa boba'aa kan biroon akka jiraatan deeggaran, filannoowwan biroon jiraachuunsaanii dhiibbaa Iraan yaa'a anniisaa idil addunyaarratti qabdu akka hir'isu himu. Dhiyeessiin boba'aa biyyoota galoo galaanaan taasifamus akka addaan hincinne akka taasisu himu.

Singaaporitti kan argamu Yunivarsiitii Tekinoloojii Naaniyaang- kutaa barnootaa qorannoo idil addunyaa S. Rajaratinaamitti ogeessa kan ta'an Huzee'ir Izki'eel Dizulhishaam, sararoonni haraaan kun diriirfamanillee gara fulduraatti sararawwan kunneenirratti hirkattummaan uumamuunsaa hin oolu jedhu.

"Sararoonni kunneen biyyoonni boba'aa hin omishne garuummoo sararri boba'aa keessa darbu aangoo to'annoo akka qabaatan taasisu" jedhan.

Biyyoonni akka Tarkiis naannichatti olaantummaa qabaachuuf sararawwan kuneenitti fayyadamuu akka danda'anis himu.

Kana malees sararawwan gama Iraaq fi Sooriyaatiin darban rakkoon nageenyaa itti aggaamameera. Naannichatti tasgabbiin dhabamuun, sochiin hidhattootaa fi haleellaawwan bu'uraalee misoomaa dhiyeessii anniisaarratti raawwataman yaaddoowwan sararawwan kunneen qabanidha.

Dabalataan biyyoonni galoo galaanaa hirkattummaa Ulaa Hormuuz irratti qaban hir'isanis gaaga'ama siyaasa sararoota biroo fayyadamuun dhufu jalaa bahuu hindanda'an.

Ujummoon daddabarsa boba'aa Masrii, SUMED (Suwiz-Meditiraaniyaanii) jedhamuun beekamu Galaana Diimaa fi galaana Meditiraaniyaanii wal qunnamsiisa.

Sararri kun bo'oo Suwiz osoo hinfayyadamin boba'aa gara Awurooppaatti daddabarsuu kan dandeesisu yemmuu ta'u, guyyaatti boba'a barmeelii miliyoona 2.5 hanga miliyoona 2.8 daddabarsa.

Yeroo dhiyootti hidhattoonni Huutii dooniiwwan galaana Diimaarratti akkasumas ulaa Baab al-Maandab irratti haleellaa raawwachuunsaanii ni yaadatama.

Sababa kanaanis hammi boba'aa ujummoo daddabarsa boba'aa Masrii fayyadamuun darbu dabalus dhiyeessii biyyoota Awurooppaaf barbaachisuun yeroo madaalamu xiqqaa ta'uusaa B Roobartis himu.

Gama biraatiin haleellaan Ameerikaan raawwachaa jirtu hanga dhaabbatutti Ulaan Hormuuz cufamee akka turu Iraan beeksifteerti. Daldala boba'a fi gaazii naannichatti adeemsifamu akka jeeqxus akeekkachiisterti.

Yunaayitid Kingidamitti garee ogeeyyii Inistitiyuutii Rooyaal Yunaayitid Sarvisisitti qorataa dhimma baha giddugaleessaa kan ta'an Dr. H.A Heeliyar akka jedhanitti biyyoonni galoo galaanaa hirkattummaa Ulaa Hormuuz irratti qaban hir'isuu barbaadu.

"Biyyoonni galoo galaanaa hanga isaaniif danda'ame ijasaanii gara filannoowwan Ulaa Hormuuzin ala jiranitti naannessaa jiru" jedhan.

Haa ta'u malee filannoowwan jiran Ulaa Hormuuz bakka bu'uu kan hindandeenye ta'uu ogeessi kun amanu.

"Sarara tokko filannoo biraatiin guutummaatti jijjiiruun salphaa miti" jedhu.

Haa ta'u malee biyyoonni hanguma sararoota daddabarsa boba'aa kan biroo barbaadan barbaachisummaan Ulaa Hormuuz "xiqqaachaa" akka deemus himu.

Biyyoonni naannichaa "olaantummaa" Israa'elis ta'ee kan Iraan akka hin barbaannes ogeessi kun himaniiru.