Taphoota Piriimer Liigii torban kanaa irratti maaltu eegama?

Taphoota Piriimer Liigii torban kana eegaman

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Maanchister Yuunaayitid walitti aansee tapha lama yeroo mo'atu erga leenjisaa Ruuben Amooriimii gara kilebichaa dhufee rikardii haaraadha.

Injifannoon lammaffaa Anfiildi irratti galmeesse garuu kilebichaaf qabxii sadiin olidha. Seenaa waggaa sagalii ol fudhate haaressan.

Amma erga bara 2022 as injifatee kan hin beekne Biraayitaniin dirree isaa Ooldi Tiraafoordi irratti keessummeessa.

Biraayitan walitti aansee tapha sadii Yuunaayitidiin mo'achuun ammoo taphicha ulfeessuu danda'a.

Leenjisaan Biraayitan, Faabiyaan Huuziler, Yuunaayitid irratti ol aantummaa qaba. Leenjisaa dargaggeesi kun gahumsa taphattoota isaa yeroo kaasu waa'ee Kaarlos Baalebaa dubbateera.

Baalebaan gara Maan Yuunaayitid deema jedhamee erga bal'inaan haasa'amee gahumsi isaa akka durii miti.

Qalbiin isaa gara Yuunayitidiitti godaaneera jedhamaa ture. Huuziler amma Baaleebaan waca alaa dhagahamu dhiisee hojii isaa irratti xiyyeeffachuu qaba jedhe.

Qofaattis waliin dubbachuu kan hime leenjisaan kun waca miiidyaalee to'achuun harka isaa keessa hin jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garuu taphataan ganna 21 kun matuma isaafiyyuu waan gaarii kan tahu haga kilaba kana keessa jirutti gahumsa olaanaatiin taphachuudha jedhe.

Ruuben Amoorim amantaa abbaan qabeenyaa kilebichaa irratti gatan dhugoomsuuf tapha kana dirree isaa irratti mo'achuu qaba.

Yoo kana mirkaneessan jijjiirama guddaan Yuunaayitid keessatti dhufuu agarsiisa.

Xiinxalaan kubba miilaa Kiriis Saatan Biraayitan 2-1'n Maanchister Yuunaayitidiin mo'ata jedhe.

Isin hoo maal jettu?

Arsenaal akka waancaa injifatuuf sababa guddaa tahuu kan danda'u taphattoota sarara ittisaa isaati.

Taphoota 12 keessaa taphoota sagal irratti galchiin irratti hin lakkaa'amne.

Arteettaan anaaf Arsenaal Awurooppaa keessaa kileba guddaadha jedheen yaada jedhe.

Dursaan taphattoota kilebichaa Maartiin Odeegaardi miidhama irra jiraatus barri kun kan keenya jedhee ture.

Arsenaal taphattoota haaraa saddet kilebichatti yeroo ganna kanaa makeera.

Miidhamni jiraatus akka bara darbee yaaddoo hin qabu. Arteettaan filannoo taphattootaa hedduu waan qabuuf jijjiiraa fayyadamuu danda'a.

Opta'n tilmaama yoo kennu Arsenaal bara kana carraa waancaa Piriimer Liigii injifachuu %44 qaba jedhe.

Shaampiyoonsi Liigii ammoo %18 injifachuu danda'a jedhe.

Arsenaal Kiristaal Paalaas waliin taphata. Paalaas ammoo erga walitti aansee mo'amee qabxii argachuuf morkata.

Kiriis Saatan tapha kana yoo tilmaamu: Arsenaal 2-0 Kiristaal Paalas jechuun tilmaame.

Isin hoo maal jettu?

Liiverpuul tapha Piriimer Liigii sadii walitti aansee mo'ame. Aanfiildi irratti Maanchister Yuunaayitidiin erga mo'amee kilebichi wal gahii taa'uun mari'ateera.

Ergasii Shaampiyoonsi Liigiin mo'ataniiru.

Garuu Aleeksaander Isaak, Firiimpoongii fi Giraavenbergi miidhama qabu.

Tapha kanaaf dhaqabuu dhiisuu danda'u shakkiin jedhu jira. Shaampiyoonaan bara dorgommii darbee rikardii hin taane galmeessuu irraa of oolchuuf jecha, tapha kana mo'achuun dirqama itti taha.

Mohaammad Saalaan taphataa gahumsa guddaa qabudha. Garuu bara kana qeeqamaa jira.

Arnee Isloot ''Saalaan akkuma keenya dhala namaati. Yeroo hundaa gahumsa wla fakkaataa irratti argamuu dhiisuu danda'a'' jedhe.

Kiriis Saatan tapha kana Liiverpuul 1-1 Bireentifoord jechuun tilmaame. Isin tilmaama biraa qabduu?

Maanchister Siitiin jabaachaa jira. Taphattoonni miidhama irra turan deebi'aniiru.

Aston Viilaa waliin morkata. Taphoota lama darban Viilaa Paarki irratti taphate mo'ee hin beeku.

Gahumsi bara kana Erliingi Haalaand irra jiru garuu adda. Gaardiyoolaan tapha kana injifachuuf waan hundaa ni taasisa. Garuu qabxii sadii hin argatu jedhe Saatan.

Kiriis Saatan tapha kana yoo tilmaamu Aston Viilaa 1- 1 Maanchister Siitii jechuun tilmaame.

Cheelsiin kilaba bara kana morkataa jabaa tahedha. Ammayyuu gareen Eenzoo Maareshkaa waancaaf kan morkatu garuu hin fakkaatu.

Liiverpuuliin erga injifatee garuu ofitti amanamummaan kilebichaa fi ol adeemtota isaa waan dabale fakkaata.

Sanderlaand waliin morkata. Sanderlaandiin namni leenjisu lammii faransaay yoo tahu barnoota Ispoortii Fiiziyoloojiidhan PhD qaba.

Abbaan qabeenyaa kilebichaa dargaggeessa umurii waggaa 27ti. Taphattoota murteessoo akka Giraanaayit Zhaakaa fa'a qabu.

Kiriis Saatan tapha kana Cheelsiin 2-0 mo'ata jedhee tilmaame.

Isin hoo akkamiin tilmaamtu?