Raashiyaan diroonii Yukireen daangaa ishee seente lafaan dhahuu himte

Ministeera Ittisaa Raashiyaa Sargeeyi Shaayigu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministeera Ittisaa Raashiyaa Sargeeyi Shaayigu
Maxxanfame

Humni Ittisaa Raashiyaa diroonii Yukireen lafaan dhahuu Moskoon himte.

Dirooniin kuni kan haleelame magaalaa Kireeyeevask daangaa Yukreen irraa km400 fagaattee argamtuttidha jedheera humni ittisaa Raashiyaa.

Miidiyaan biyyaalessaa Raashiyaa erga dirooniin lafaan dhahamteen booda dhohiinsa uumameen yoo xiqqaate namoonni sadii miidhamaniiru jedhe.

Yukireen kanaan dura namoota nagaa Rashiyaa keessatti haleeluun himannaa irratti dhiyaate kan waakkatte yoo tahu, taatee miilanaa irratti immoo homaa hin jenne.

Raashiyaan Yukireen loluuf dirooniiwwan dhibbaan lakkaa'aman bobbaasteetti.

Humnoonni nageenyaa Raashiyaa dirooniin rukutanii kuffisan (Tu-141) UAV akka jedhamuufi waan dhohu akka of keessaa qabu himan.

Wiirtuu magaalaa iddoo dirooniin kuni haleelametti boolli guddaa uumameera.

Gamoowwan manneen jireenyaa magaalattii keessa jiran baay'een miidhamaniiru.

Bakka balaan itti dhaqqabe Tulaa jedhamuufi magaalaa Moskoo irraa gara kibbaan km220 fagaatte argamtu kana keessatti miidhaan hamaan hin qaqqabne.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ibsa baaseen Yukireen haleellaa raawwachuuf yaalte jechuun himate.

''Sirni fayya xiyyaaraa Humna Qilleensaa Raashiyaa naannoo diroonii rukutamte keessatti bobbaafameera,'' jedhe ministeerichi.

''Keessumaa teeknoloojiin waraanaa 'Pole-21' jedhamu haleellaa diroonii Yukireen raawwatte qolachuu danda'eera,'' jedhe.

Mudde keessa ogeessonni humna qilleensaa Raashiyaa sadii naannoo buufata humna qilleensaa Enjiils jedhamutti caccabaa dirooniin rukutamanii lubbuun isaanii darbeera.

Buufatni humna qilleensaa Enjiils jedhamu Raashiyaan Yukireen erga weerarteen as haleellaa misaayelaa raawwachuuf iddoo irra deddeebiin fayyadamtu dha.