Raashiyaan meeshaalee niwukilaraa ishee Belaarus keessa buufachuufi - Putiin

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan meeshaalee niwukilaraa ishee tooftaa waraanaaf akka ishee gargaaru Belaaruus keessa buufachuuf akka jirtu Pirezidantiin biyyattii Vilaadimiri Putiin himan.
Murteen kuni waliigaltee niwukilara biyya biraaf dabarsanii kennuu dhorku, hin cabsu jedhan. To'annoonis biyyuma isaanii jala akka ta'u ibsan.
Akka miidiyaan Raashiyaa gabaasetti Putiin Ameerikaanis meeshaalee ishee biyyoota Awurooppaa keessa keesseetti jechuun wal bira qaban.
Erga Raashiyaan akkana jettee booda Ameerikaan ibsa baasten Raashiyaan meeshaa waraanaa niwukilaraa fayyadamuuf waan jirtu hin fakkaatu jettee akka amantu ibsite.
Belaarus lafa daangaa dheeraa Yukireen waliin qooddatti.
Raashiyaan erga walakkeessa bara 1990'ti yeroo jalqabaafi meeshaalee niwukilaraa biyya ishii alatti buufachuuf kan deemtu.
Erga Gamtaan Sooviyeet bara 1991 diigamee booda meeshaaleen waraanaa biyyoota walabaa afur jechuunis Raashiyaa, Yukireen, Belaarus fi Kazaakistaanitti bu'uureeffateera.
Mootummaan Belaarus michuu Raashiyaa cimaadha. Yukireen weeraramuu ishees ni deeggara.
Pirezidant Putiin gaafa Sambataa miidiyaa mootummaa biyyattiitti yoo dubbatan pirezidantiin Belaarus Aleekisaandar Lukaashenko Raashiyaan maaliif niwukilara Belaarusitti camadu akka didde gaafataa turan jedhan.
Murteen Raashiyaa waan hin baramne miti kan jedhan Putiin, ''Jalqaba Ameeriaan waggootaaf kana dalagaa turte.
''Meeshaalee niwukilaraa isaanii biyyoota michuu isaaniitti geessaa turan,'' jechuun himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raashiyaan meeshaalee kana akka sochoosan torban dhufu eegalee namoota leenjisuu jalqabdi.
Buufati niwukilaraa Beelaarusitti ijaaramu Adoolessa 1 xumurama jedhaniiru Putiin.
Misaa'elonni lakkoofsaan xiqqaa ta'aniifi niwukilara dhukaasuuf oolan garuu Belaarusitti dabarfamanii akka jiran himan.
Yeroo niwukilarri geeffamu garii hin ibsine.
Dubbiin Putiin kuni eega Pirezidantiin Chaayinaa Shi Jinping Chaayinaa daawwatanii booda dhagahame.
Ibsa waloo daawwannaa booda baasaniin ''biyyoonni humna niwukilaraa qaban hundi daangaa isaanii darbanii meeshaa niwukilaraa bobbaasuu hin qaban, kanneen bobbaasan deebisuu qabu,'' jedhanii ture.
Gaafa Dilbataa gorsaan nageenyaa olaanaa Pirezidantii Yukireen, karoorri Raashiyaa ''keessoo Belaarus jeequudha'' jedhan.
Kunis miirri farra Raashiyaa guddisuu mala jechuun himan Oleksiy Daanilov Tiwiitara gubbaa yoo barreessan.
Dubbiin Putiin kuni erga Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin ammallee deeggarsi waraanaa akka isaan barbaachisu waamicha dhiheessan booda dhagahame.
Jalqaba torban kana biyyoonni 18 meeshaalee waraanaa artilarii miiliyoona tokko Yukireeniif kennuuf waliigaltee mallatteessuun isaanii ni yaadatama.












