Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraaq haleellaa boombiin namoota 300 ajjeestan jechuun namoota sadii fanniste
Haleellaa boombii konkolaataa irratti bara 2016 magaalaa Baagidaaditti raawwatee namoota 300 galaafatee keessaa harka qabu jechuun Iraaq namoota sadii fannistee ajjeeste.
Ji’a qulqulluu Ramadaanaa keessa yeroo uummanni baay’inaan ala bahuun bashannanaa turanitti haleellichi dhaqabe.
Erga Ameerikaan bara 2003 Iraaq weerartee as haleellaa boombii guddaa namoota hedduu galaafatedha.
Hidhattootni IS haleellicha duuba jiraachuu himaniiru.IS mo’amuun daangaa qabatee ture bal’aa gadhiiseera. Garuu ammayyuu biyyicha keessa socho’aa jira.
Murteen ajjeechaa kun Dilbata ykn Wiixata gaggeeffame jedhe waajjirri Ministira Muummee Mohaammad Shiyaa al-Sudaan.
Garuu namootni fannifamuun ajjeefaman eenyu fa’aa akka tahan maqaa hin eerre. Maddeen mootummaa irra aodeeffannoo argadhe AFP akka gabaasetti, IS keessatti shoora olaanaa kan qabu Gaazwaan al-Zaawbayee kanneen murtoo Kanaan ajjeefaman keessaati.
Namni kun bara 2021 qabamuun gara Iraaqitti geeffame.
Waajjirri Ministira Muummee maatii miidhamtoota beeksisuu himeera.
''Murtee du’aa sirriin yakkamtoota haleellaa boombii shororkeessaa raawwachuu keessaa harka qabaachuu mirkanaa’e irratti fudhatameera’’ jechuun maatii beeksiseera.
Adoolessa 3 bara 2016 konkolaataan meeshaalee dhohaniin guutte gidduugala gabaa namootni hedduun turan Karaddaa jedhamutti lubbuu namoota 300 galaafate.
Irra caalaan hawwaasa naannichaa Musiliimota Shiyaati.
Hedduun ammoo balaa abiddaa dhohinsicha irraa gamootti qabateen du’an. Ministirri Dhimma Biyya keessaa Mohaammad Gabaan sababa haleellaa Kanaan aangoo gadhiisanii ture.
Yeroo sana ministira muummee kan turan Musxafaa al- Kadhiimii, Zawbaayeen nama ''shakkamaa jalqabaa’’ haleellicha duuba jiru jedhanii ture.
IS, Gareen Musiliimota Sunii irra ijaarame yeroo tokko lafa biyyattii keessaa kilomeetir iskuweerii 88,000 tahu, Baha Iraaqii hanga Lixa Sooriyaatti fulla’u qabachuun seera isaanii hamaa uummata miliyoona saddet tahu irratti fe’anii ture.
Iraaq keessaa bara 2017, Sooriyaa keessaa waggaa lama booda mo’amus, ammayyuu biyyoota lameen keessa loltootni isaanii kumaatamni socho’aa jiru.
Ji’a Bitootessaa darbe keessa UN ammayyuu IS biyyoota lameen, Iraaqii fi Sooriyaa keessaa loltootaa fi deeggartoota 5,000 hanga 7,000 gahan qaba jedhe. Walakkaan isaanii loltootadha jedhe.