Pireezidantii Laayibeeriya ilmasaa Kataaritti US'f taphatu daawwachuuf ta'uun dheekkamsa kaase

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Laayibeeriyaa Joorji Wiihaa guyyoota sagaliif Waancaa Addunyaa Kaataaritti adeemsifamu daawwachuuf seeneetii biyyattii beeksise.
Taphataan urjii kubbaa miilaa Laayibeeriyaa fi kilaboota Ingiliziifi Xaaliyaanii duraanii Wiihaan daawwannaawwan hojii adda addaaf jecha biyyaa kan bahe guyyoota dura ture. Dawwannaan isaa hundi garuu iftoomina hanqata.
Imala isaanii keessaa inni ijoon ilma isaanii xurree isaa hordofee waltajjii addunyaatti dhufe ilaaluufi jajjabeessuudha.
Ilmi pireezidant Joorji Wiihaa Timootii kan jedhamu lammummaa Yunaatiid Isteets kan qabu yoo ta'u, garee kubbaa miilaa biyyaalessaa US keessatti makamuun Waancaa Addunyaa Kaataar irratti ni hirmaata.
Dargaggoon ganna 22 Timootiin Liigii Faransaay isa jalqabaa keessatti kilaba Liil jedhamuuf sarara fuulduraa cinaan hireeree taphata.
Abbaan isaa Wiihaan taphataa gurraacha Afrikaa jalqabaa Ballon d'Or injifateedha.
Wiihaan fuula isaa kubbaa miilaarraa siyaasatti deebisuu dura kilaba Xaaliyaan AC Milaaniifi kan Ingiliz Cheelsii keessatti maqaa guddaa horate.
Wiihaan amma nama ganna 56 yoo ta'u, bara 2017 irraa eegalee pireezidantii Laayibeeriyaa ta'uun tajaajilaa jira.
Imalli biyyoota alaa pireezidant Wiihaa dhagaahamuun duuba namootni hedduun mormii isaanii sagantaawwan raadiyoo fi miidiyaa hawaasaatti gadi baasaa jiru.
Namootni kun lammiilen biyyattii hedduun rakkoo nyaataan qoramaa wayita jiraniifi adeemsi lakkoofsa uummataa barfate irratti komiin cimetti Kataara deemee Kubbaa miilaa daawwachuun haala biyyi keessa jirtu hubannaa keessa kan hin galchine jedhu.
Dhimmi lakkoofsa uummataa danqaaleen waan isaa mudataniif pireezidant Wiihaan yeroo jahaffaaf yeroo biraatti akka darbu murteesse.
Imala pireezidant Wiihaa alaanaan baasii biyyi baaftu ilaalchiisee deebii kan hin laanne hooggansi waajira pireezidantichaa, imalli biyya alaa pireezidantichaa ''bu'aa hedduu biyyaaf fidee dhufa'' jechuun komii dhiyaatu busheessan.












