Mootummaan Itoophiyaa gabaasni EBCn mootummaa Somaaliyaarratti hojjate 'dogoggora' jedhe

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa gabaasa miidiyaan biyyattii EBCn waa'ee mootummaa Somaaliyaa irratti hojjete 'dogoggora' jedhe.
Miniseerichi fuula feesbuukii isaarratti akka barreessetti saganataan 'Etv World' Kibxata (Fulbaana 6, 2022) dabarse, imaammata mootummaa Itoophiyaa bakka kan hin buuneefi faallaa hariiroo biyyoota lameenii ta'uu eere.
Gabaasi miidiyaa Itoophiyaa afaan Ingiliziin tamsa'e kun ''miseensota bulchiinsa Pireezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud keessaa hariiroo Itoophiyaa fi Somaaliyaa fooyyessuu kan hin feene jiraachuu dhibuuf wabiin hin jiru,'' jedha.
Hariiroon Pireezidanti Hasan Sheek Mahmuud wayita TPLF aangoorra ture waliin qabaachaa turan yaadi michummaan Itoophiyaa fi Somaaliyaa yaaddoo keessa gala jedhu dhaleera jedha gabaasi kun.
TPLF aangoo mootummaa Pireezidanti Hasan Sheek Mahmuud harkaa butuun karaa sanaan dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa keessa seenuuf hojjechaa akka jiru agarsiiftuuwwan jiru jechuun gabaasa shakkii qabu dabarseera miidiyaan Itoophiyaa kun.
Pireezidant Hasan Sheek Mahmuud bara 2012 hanga 2017tti aangoorra kan turan yoo ta'u, bara 2022 wayita deebi'anii pireezidantii biyyattii ta'an hariiroon Somaaliyaa fi Itoophiyaa akkaan dadhabuu mala yaadi jedhu bal'inaan ka'aa ture.
Pireezidanti Hasan Sheek Mahmuud dura aangoorra kan turan Mohammad Abdullaahii Farmaajoo Ministira Muummee Itoophiyaa waliin hariiroo cimaa qabu turan.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad wayita bara 2018 aangoo qabatan dirree siyaasaa bal'isuun Itoophiyaa tasgabbooftuu fi dimokiraasiin keessatti dagaage ijaaruun tasgabbii Gaanfa Afrikaaf akka hojjetan waadaa seenanii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ertiraa waliin erga michummaa uumanii booda Somaaliyaa fi Jibuu waliinis hariiroo jabeessuurratti hojjetaa turan.
Keessattuu qondaaltonni biyyoota kunneenii danqaawwan naannawa kana mudataa turan waliin ta'anii furuuf walfaana deemaa turan.
Yeroo dhiyoo as, keessattuu erga bara 2020 kaaba Itoophiyaatti waraanni eegalee garuu hariiroon kun akka wayita jalqabaa miti.
Erga Somaaliyaan filannoo falmisiisaa fi yeroo dheeraaf harkifataa ture gaggeessuun hoogganaa jijjiirrattee ammoo hariiroon Itoophiyaa fi Somaaliyaa hagas mara miti.
Akka gabaasa EBCtti mootummaan Somaaliyaa lootee seentummaa TPLF kana dura dhababachuu qabdi kan jedhu ejjennoo Itoophiyaati.
Mootummaan Somaaliyaa shira TPLF simachuu hin dhaabu taanaan, biyyattiifis diigumsa biraadha, shororkeessaa al-Shabaab irratti garee shororkeessaa biraa dabaluu ta'a jedha gabaasi kun.
Pireezidantiin Somaaliyaa haarofti erga aangoo qabatanii booda biyyoota heduu irra deemanii daawwataniiru, biyya irree waliif ta'uun waliin al-Shabaab irratti duulaa turan-Itoophiyaa garuu daawwatanii hin beekan, kun mataansaa gaaffii guddaa kaasise.
Akka gabaasa miidiyaa Itoophiyaatti TPLF Somaaliyaatti kan maxxanu yoo ta'u, Somaaliyaan michuu waliin al-Shabaab irratti duulaa baate- Itoophiyaa dhabuuf deemti.
Gareen al-Shabaab Somaaliyaa keessatti haleellaa wayita qaqqabsiisu guyyuu dhagahama, Pireezidanti hasan Sheek Mahmuud caasaa bulchiinsa mootummaa isaanii keessatti qondaala gameessa garee kanaa muudanis yaaddoo garechaa hin hambisne.
Ammallee gareen al-Shabaab Somaaliyaa keessaa bu'uura cimuu qabu mootummaa haaraa filameef yaaddoo ta'uurra darbee hanga daangaa Itoophiyaatti imalee haleellaa geessisaa jira.
Haleellaa al-Shabaab bakkeewwan Itoophiyaa daangessanitti raawwate hordofee mootummaan Itoophiyaa Hagayya darbe keessa miseensota garee kanaa 800 caalan ajjeesuu ibsee ture.












