Afrikaan Kibbaa hojjetoota amantaaf eeyyama jireenyaa fi hojii kennuu dhaabde

Madda suuraa, Getty Images
Afrikaan Kibbaa lammilee biyyaa alaa hojii amantaa adda addaa irratti bobba’anii jiraniif, eeyyama hojii fi eeyyama jireenyaa kennaa turte dhaabuu ishee ministeerri biyya keessa beeksise.
Ministeer Aroon Motosaaledi, dhimma lammii Maalawii Sheepard Bushrii fi haadha warraa isaa irratti koree paarlaamaa qorannoo gaggeessaa jiru duratti dhiyaachuun, bara 2020tti maallaqa karaa seeraan alaan argame akka seera qabeessa ta’etti fakkeessuun dhiyeessuun himatamanii akkamiin biyya isaan baqatanii akka ba’an ibsaniiru.
Bushriin Afrikaa Kibbaatti eeyyama jireenyaa akka argatuuf gargaaraniiru jechuun anga’aan olaana ministeera biyya keessa Afrikaa Kibbaa tokkoo fi hojjatoonni waaajjiricha afur hojiirra ari’amaniiru.
Bushriin gara Maalaawiitti erga deebi’ee baqatee booda, Afrikaan Kibbaa karaa seeraan Maalawiin Bushrii dabarsitee akka itti kennituuf gaaffii dhiyeessiteetti.
“Adeemsa to’annoo sochi qabnu keessatti nuti Bushrii fi haadha warraan isaanii biyyaa ba’uu isaani ragaa mul’isu hin arganne, kana jechuun karaa seeraan alaan ba’anii jechuudha, “ jechuun Ministeerri biyya keessa Motosaaleedii dubbataniiru.
Dabaluunis, himatni gudeeddii fi haala seeraan alaan nama daddabarsu kan irratti dhiyaate lallabaan lammii Naayjeeriyaa Timootii Omootsoo, akkamiin Afrikaa Kibbaa keessatti eeyyama jireenyaa akka argate adda baasuuf qorannoon eegalamuu isaa ibsaniiru.
“Nut ikan jechaa jirru namootni kun akka daawwattootaatti qofaa dhufuu qabuudha. Ta’us garuu akka daawwataa tokkootti dhufanii hojii hojjechuu danda’u. Jijjiirama kanaan hojjettoonni amantaa kunneen haalli isaan ittiin eeyyama jireenya argatan hin jiraatu jechuudha,” jechuun ministeerichi dubbataniiru.








