Addunyaan doorsisa nikulara Raashiyaa dhaabsisuuf amma ka'uu qaba- Zeleniskii

Pirezidaantii Yukireen Zelensikii
Maxxanfame

Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii qondaaltonni Raashiyaa ''hawaasa isaanii waraanni yoo jiraateef meeshaa waraanaa qopheessuu'' eegalanii jiru jedhan.

Haata'u malee ammoo Raashiyaan itti fayyadamuu ishee hin amanu jedhe.

Pirezidanti Zelensikiin gaaffii fi deebii BBC waliin taasiseen, Raashiyaan ammaan tana waraana nikularaa haaraaf qophaa'aa waan jirtuuf addunyaan kana dhaabsisuuf amma tarkaanfii fudhachuu qaba jedhan.

Innis haleellaa osoo hintaanee qoqqobbaa eeruun ''mala ittisaa fudhachuutu barbaachisa,'' jedhe.

Torbanoota dhihoon asitti waraanni Yukireen haleellaa ofirraa qolachuu gaggeesseen eddoowwan loltoota Raashiyaatiin yeroo dheeraaf to'atamanii turan hunda deebisanii qabachaa jiru.

Eddoowwan kanneen Raashiyaanis dhiistee bahuuf dirqamtee jirti.

Yukireen kanas deebii gochaa pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin bulchiinsoota Yukireen afur of jalatti deebisuuf taasiseeti jedhu.

Gochaan bulchiinsota kanneen of jala galachu Raashiyaa akka seeraan alatti ilaalamees akka waraana baatii torbaaf gaggeeffame keessatti wal dhabde hin cimsineef sodaatameera.

Pirezidanti Puutiinii fi qondaaltoonni Raashiyaa angafoonni kaan niikulaara xixiqqaa, meeshaalee waraanaa taakitikaalii (tarsimoowaa)n eddoowwan kanneen ittisuuf faayidaarra oolfamu akka danda'amu yaada kennan.

Haata'u malee qondaaltoonni biyyoota Lixaa Mooskoon meeshaa waraanaa nikulaaraatti fayyadamuuf qophii taasisuuf ragaan hin jiru jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidaanti Zelensikiin gaaffiifi deebii Afaan Inglizitiin waajjira isaa Kiyiiv keessatti BBC waliin taasiseen, ''hawaasa isaanii qopheessuu eegalaniiru. Kun ammoo baayyee balaafamaadha.

''Itti fayyadamuuf qophaa'o miti. Garuu waa'ee isaa haasa'u eegalaniiru. Itti haa fayyadamanii ykn haa dhiisanii hin beekan. Anaaf waa'ee isaa haasa'un mataansaa balaa qaba'' jedheera.

Karaa turjumaanaatiin, Yukireen keessatti: ''Namoonni Raashiyaa aangoorra jiran jireenya jaalatu. Kanaaf yoon yaadu balaan meeshaa waraanaa nikulaaraatti fayyadamu waan salphaa akka oggeessoonni jedhan qofaa miti.

''Isaanis sababii tokkicha itti fayyadamnaan duubatti deebiisuun akka hin danda'amne hubataniifu, seenaa biyya saanii qofaa osoo hin taane, isaanumti akka dhuunfaatti miidhamu malu'' jedhe.

Haata'u malee, qophii karaa intarneetiin Kamisa ture irratti Raashiyaa irratti haleellaan akka raawwatamu waamicha taasisuuf haaluun, dubbii Yukireenootaa dogongoraan hubatame jedheera.

Gaaffiifi deebiin kunis kan gaggeeffamee erga pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Raashiyaan dorsiisoon meeshaa waaraanaa nikulaaraan fayyadamaa addunyaa yeroo kamu caalaa erga bara haleellaa Misaa'eelii Kubaa bara Waraana Holoolaa sana caalaa ''Badiitti'' (Armageddon)tti dhiyeessaa jirti jedhaniin sa'aatiiwwaniin booda ture.

Pirezidanti Zelensikiin amma tarkaanfii fudhachuun barbaachisaadha. Sababiinsaas doorsisoon Raashiyaa kunis ''pilaanetii guutuuf balaadha'' jedhan.

Mooskoon dhaabbata anniisaa niikulaara Awurooppaa guddicha Zaaporizhizhiyaa keessaa to'achuun beeksiifte jirti. Kanas Puutiin gara qabeenyaa Raashiyaatti geedaruuf yaalii taasisaa jira.

Loltoonni Raashiyaa gara 500 ta'an dhaabbaticha keessa jiru, hojjattoonni Yukireen ammalleen kan hojjataa jiran ta'ulleen.

''Addunyaan gochaa weerara Raashiyaa kana atattamaan dhaabsiisuf tarkaanfiiwwan fudhachu qaba'' jedha pirezidanti Zelensikiin.

''Addunyaa qoqopphii danda'amu hunda taasisuun akka dhaabbata annisaa nikulaaraa sana dhiisanii baha gochu qaba'' jedhan.