Hojjettuun manaa Abudaabiitti daa'ima ajjeesuun yakkamtuu taate du'aan adabamte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hojjettuun manaa lammii Indiyaa taate daa'ima warra ishee hojjechiisanii ajjeesteette jedhamuun yakkaan himatamtee magaalaa Yunaayitid Arab Emiratis, Abudaabiitti du'aan adabamte.

Abbaa warraafi haadha warraa Indoota ta'aniif hojjechaa kan turte Shehaazaaad Kihaan ji'a darbe ajjeefamuushee mootummaan Indiyaa beeksiseera.

Dubartiin kun daa'ima kana akka ukkaamsite sanadiin mana-murtii Abudaabii agarsiisullee doktorri dhaddacharratti raga bahan garuu reeffa qorachuun waan isaaniif hin hayyamamneef kana mirkaneeffachuu akka hin dandeenye ibseera.

Maatiin dubartii du'aan adabamte kanaa intallisaanii qulqulluu ta'uushee ibsuun, daa'imni ji'a afurii kun kan lubbuun isaa darbe dogoggora talaallii uumameen ta'uu dubbataniiru.

Dubartiin kun adeemsa mana-murtii keessatti "bakka bu'umsa gahaa hin arganne" jechuunis komataniiru.

Adabbiin du'aa dubartii kanaa kan raawwatame A L I Guraandhala 8,2017 ta'us, aanga'oonni Indiyaa garuu kan mirkaneessan dheengadda ture. Maatiin dubartii kanaa waa'ee intalasaanii odeeffannoo gaafachuuf mana-murtii olaanaa Deheliitti iyyata galfachuusaanii hordofee ture oduun kun kan ifa bahe.

Ajjeefamuun dubartii kanaa icciitiin qabamuun isaa ijoo dubbii miidiyaalee ta'eera.

Indiyaafi Yunaayitid Arab Emiretis hariiroo cimaa kan qaban yoo ta'u, Indoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman Arab Emiretis keessatt hojii garagaraarratti bobba'aniiru.

Shehaazaad bara 2021 maatii Indoota ta'aniif daa'ima kunuunsuuf gara Abudaabii deemuushee iyyata maatiin mana-murtiitiif dhiyeessanirraa hubachuun ni danda'ama.

Erga mana maatii kanaatti qacaramteen guyyoota muraasaan booda daa'imni kun kan dhalate yoo ta'u, isheenis hojiin ishee ijoon daa'ima kana kunuunsuu ta'uun ibsameera.

Akka abban Shehaadaa jedhanitti, intallisaanii maatiishee Indiyaatti argamaniif yeroo baayyee bilbilaa kan turte yoo ta'u, daa'ima sanas viidiyootiin isaan agarsiisaa turte.

Erga daa'imni sun du'een booda bilbilla intalasaanii kan dhaabbate yoo ta'u, boodarra Shehaadaan hidhamtee akka jirtu hubatan. Akka maatiin Shehaadaa jedhanitti, Mudde 7, 2022 daa'imni kun talaallii erga fudhateen booda saatii muraasaan booda lubbuun isaa darbeera.

Shehaadaan ammoo ji'a lamaa booda poolisiin to'atamte.

Akka daa'ima kana ajjeesste akka amantuuf dirqisiifamtee viidiyoon yaadashee irratti kennite akka waraabameefi mana-murtiitti deegersa seeraa akka hin argatiin dubbattee turte.

Bara 2023 murteen du'aa itti murtaa'e; waggaasaatti ammoo ol iyyannoon mana-murtiitti diyeeffatte jalaa kufaa ta'e.

Maatiin Shehaadaa yeroo dhumaatiif sagalee intalasaanii kan dhaga'an osoo hin ajjeefamiin guyyoota lama dursee yoo ta'u, bilbila bilbiluun buleesaa akka ajjeefamuu dandeessu dubbattee turte.

"Hadheeffattee boo'aa turte. Gadda adda ta'e keessa akka seenteefi lubbuun akka hin baaneefi bilbilashee isa dhumaa ta'uu akka danda'ullee nutti himte," jechuun abbaan ishee Shabiir Kihaan BBCtt himaniiru.

Isaan booda waa'ee intalasaanii waayyu kan hin dhageenye maatiin, haala isheen keessa jirtu hubachuudhaaf mana-murtii olaanaa Deheliitti iyyata dhiyeeffatan.

Duuti akka itti murtaa'e kan hubatan maatiin, "bakka bu'ummaa seeraa gahaa hin arganne ture. Kun ammoo akka mutee du'aan adabamtu ishee taasiseera," jedhan.

"Haqa hin arganne. Waggaa darberraa kaasee fiigaan ture. Bakka hundaa yaaleera. Abudaabii deemuufis ta'e abokaatoo qacaruudhaafis maallaqa hin qabu," jechuun abbaan ishee Indiyaa Press Trust'tti himeera.