Netaaniyaahuufi hogganaan Hezbollaa Hasan Nasrallaa duula walitti banuu booda maal jedhan?

Madda suuraa, AFP
Hamaasiifi Israa'el gidduutti waraanni erga eegalee ifatti Hamaasiin jajjabeessaa kan ture Hezbollaan, dachee Libaanos keessaa haleellaa darbee darbee gara Israa'elitti taasisu Dilbata kaleessaa sadarkaa biraatti guddiseera.
Hezabollaan rookkettiifi misaayeloota 320 ta'an gara Israa'el dhukaaseera. Kun ammoo dubbii qamolee lamaan gidduu jiru hammeesseera.
Haleellaan Israa'el raawwatte erga lola gidduu isaanii bara 2006 dhalatee booda kun isa guddaadha.
Ministirri Muummee Isra'eel Biniyaamiin Netaniyahuu marii kaabine waraana isaanii booda yaada kennaniin ''wanti har'a dhalate hin raawwanne'' jedhan.
Rookkeettota Hezbollaarraa dhufan qolachuu kan himan Netaaniyaahuun haleellaa diroonis fashalsaa turuu dubbatan.
''(Sheek Hasan) Nasrallaa Beeruut jiruuufi (Ayaatoolaa Ali) Haminiin Teehraan jiru haala Kaaba jiru jijjiiruuf kun tarkaanfii dabalataa akka ta'e baruu qabu'' jedhan.
Ministirri Haajaa Alaa Israa'el, Israa'el Kaatz ammoo michoota isaanii idil addunyaaf ergaa dhaamaniin biyyi isaanii waraana guutuutti galuuf fedha akka hin qabne himuu dubbatan. Ammoo lammiilee keenya eeguuf wanta barbaachisu mara goona'' jedhan.
Haleellaa Israa'el eegalte booda Hezbollaan buufataalee waraana Israa'el 11 xiyyeeffannaa godhatee haleellaa rawwaachuu ibseera.
Garichi ibsa baaseen opireeshiniin isaanii ''galma gahee raawwatamuu'' ibse. Israa'el odeeffanoo dabalataa osoo hin kenniin loltuun humna galaanaa tokko du'uu beeksifteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hogganaan Hezbollaa Hasan Nasrallaa Dilbata galgala ergaa gama viidiyoon dabarsaniin haleellaan isaanii daangaa Israa'el irraa gara keessootti 110km ol seenuun magaalaa guddoo Tel Aviiv irraa fageenya kiilomeetira 1.5 irratti buufataalee basaasa waraanaa irratti xiyyeefachuu himan.
Raawwiin haleellaa isaanii akkuma karoorsanitti akka ta'eefi dirooniiwwan marti milkiin daangaa Israa'el qaxxaamuraa turan jedhan jechuun Rooyitarsi gabaaseera.
Haleellaa amma raawwataniin bu'aan argatan xiqqaa taanaan ammallee haleellaa dabalataa raawwachuuf dhaadataniiru.
Ministirri Muummee Libaanoos Najiib Mikaatii muddamni kun kana caala akka hin hammaanne michoota biyyattii waliin dubbachaa akka jiran himan.
Mootummaan Libaanos Hezbollaarratti aboo hedduu hin qabu.
Najiib 'Israa'el weerara'' raawwachuu akka dhaabdu gaafataniiru. Murteen Mana Maree Nageenyaa UN waraana bara 2006 booda baase akka rawwatamus gaafataniiru.
Ministirri Muummee Libaanos duula qaamoleen idila addunyaa waraanni Gaazaa akka fala argatu godhan akka deeggaranis himaniiru.
Gama Kaanin US muddamni Hezbollaa fi Israa'el kun waan amma jiru caala akka hin hammaanne abdii qabu ibseera.
Gorsaan Nageenyaa biyyaalessaa Waayit Haawus Jeek Sulivaan abdiin isaanii waraani naannawaa sanii biraan akka hin dhalanne ta'uu dubbataniiru.
Israa'el dursitee Hezbollaa kan haleelte, garichi haleellaa qilleensaa guddaaf qophaa'aa jirachuu adda baafachuu booda ta'uu dubbii himaan waraana Israa'el Daani'el Hagaarii himaniiru.
Walitti dhukaasa qaamolee lamaan kanaan booda Ministeerri Fayyaa Libaanos namootni sadii ajjeefamuu gabaaseera.












