'Wanti miidiyaa hawaasummaarra jiruufi lafa jiru gargari' - Daandii Qilleensa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa fedhii namoota gara Maqalee imaluu barbaadan bu'uura godhachuun lakkoofsa guyyaatti balali’u guddisuu akka danda'u ibse.
Dhaabbatichatti hojii gaggeessaan damee daldalaa Obbo Lammaa Yaaddechaa BBC'tti akka himanitti, wanti miidiyaa hawaasummaa gubbaa barraa’uufi haqni lafa jiru gargari.
Obbo Lammaan kan kana jedhan hanqinni balalii mul’achuu gaaffii ka’eef deebii yeroo kennanittidha.
Sababa waraana Kaaba Itoophiyaa tureen waggaafi ji'a jaha oliif balaliin xiyyaaraa adda citee ture ALI gaafa Roobii Mudde 19, 2015 gara Maqalee balali'uu jalqabeera.
Yeroo ammaa dhaabbatichi xiyyaarota namoota 82 fe'u danda'aniin guyyaatti si'a lama gara Maqalee balali'aa jira.
Miidiyaa hawaasummaa irratti garuu namootni gara Maqalee imaluu barbaadanii tikkeeta ittiin imalan akka dhaban barreessaa turan.
Obbo Lammaan garuu dhaabbati isaanii fedhii maamiltootaa guutaa akka jiru dubbatu. Inumaa balalii Maqaleedhaa gara Finfinnee taasifamu irratti teessumni banaallee akka jiru himan.
''Yeroof kan eegamaa ture ol fedhiin hin jiru,'' kan jedha qondaalli kuni ''yoo barbaachise walakkaa guyyaatti balalii shanis jahas gochuu dandeenya,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka isaan jedhanitti, balalii gaafa Roobii Maqaleedhaa gara Finfinnee imale irratti teessumni 12 banaa ture.
Gaafa Kamisaammoo kanneen Maqaleedhaa deebi'an irratti takka teessuma 21 balalii lammataa irrattimmoo teessumni 34 banaa ture jedhan.
''Dhugaan miidiyaa hawaasummaa irratti ibsamuufi wanti lafa jiru gargari,'' jedhan.
Isaan akkana haa jedhan malee marsariitiin Daandii Qilleensa Itoophiyaa tikkeetoti Finfinneeti gara Maqalee akkasumas Maqaleedhaa Finfinnee imalan ALI hanga Mudde 29, 2015'tti dursee cite akka dhume agarsiisa.
Namoonni bilbilaan bilbilanii tikkeeta muruu barbaadaniis eeggattummaan galmaa'uun ala tikkeeta argachaa hin jiran.
''Balaliin guyyaatti si'a lama jiru fedhii amma jiru waan galmaan ga'e fakkaata. Xiyyaara qabna, hojjettoonnis jiru. Bakkichis dhihoo waan ta'ef deddeebi'anii dalaguu danda'u.
''Sababa kanaaf yoo fedhiin jiraate daangaa tokko malee maamiltoota keessummeessuuf nuti qophiidha jedhan,'' Obbo Lammaan.
Waraana dura Daandiin Qilleensa Itoophiyaa guyyaatti gara Maqalee si'a 10 - 14 balali’a ture.
Kunis, balalii biyya keessaan baay'inaan isa duraarrati argamudha.
Maqaleen ala gara Shireefi Aksuumis ni imala ture.
Obbo Lammaan guyyoota dhihoo keessatti gara magaalaa Shiree balal'uu akka eegalan ibsaniiru.
Buufati xiyyaaraa Aksuum irratti wanti sirraa'u sirraatee balaliin akka eegalamullee ibsan.
Waraana Naannoo Tigraay keessa tureen geejjibaan ala tajaajilli baankii, ibsaa, bilbilaafi kaan waggaa oliif adda citaniiru.
Waliigalteen nagaa mootummaafi TPLF gidduu mallattaa'uu hordofee garuu tajaajiloonni kuni suuta suutaan eegalaa jiru.












