Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Laammileen Itoophiyaa Maayinamaaritti harka hidhattootaa turan hunduu gara biyyaa deebi'an
Lammiileen Itoophiyaa Maayinamaar kaampii yakki saayibarii itti gaggeeffamu keesaa miliquun harka hidhattootaa turan hunduu gara biyyaatti deebi'uun himame.
Koreen maatiifi maddeen Taayilaand akka mirkaneessanitti, lammiilee Itoophiyaa 751 harka hidhattootaa kan turan yoo ta'u, hunduu gara biyyaatti deebi'aniiru.
Haa ta'u garuu kaampii yakki saayibarii itti gaggeeffamu keessaa bahuu kan hin dandeenye lammiilen Itoophiyaa 42 ammayyuu haala rakkisaa keessa akka jirantu himama.
Inumaayyuu lammiilee Itoophiyaa kaampii yakka saayibarii keessatti hafan keessaa "tokko gamoorraa of darbachuun du'eera" jedhame.
Lammiileen Itoophiyaa gara biyyaa deebi'an Maayinamaar keessatti kaampii yakki saayibarii itti gaggeeffamu keessaa miliquun hidhattoota biyyattii Dimokiraatik Karan Benovalant Aarmii (DKBA) fi Boordar Gaard Foors (BGF) jedhaman harka turan.
Namoonni kunneen hojii ogummaafi maallaqa guddaa argamsiisu akka waan argataniitti itti himamee gowwoomfamanii gara Taayilaand erga geeffamanii booda, dirqisiifamuun gara kaampiwwan yakki saayibarii itti hojjatamuufi Maayinamaar keessatti argamuutti geeffamaa turan.
Kaampicha keessatti hojii karaa onlaayinii waliin dhahuu hojjatamu irratti hirmaachuu qofa osoo hin taane, gidiraan garaa garaa irratti raawwataa ture.
Lammiilee Itoophiyaa kanneen gadi lakkisiisuf imbasiiwwan Itoophiyaa Jaappaan, Hindiifi Taayilaand jiran akkasumas dhaabbilee miti mootummaa garaa garaa wajjin qindoominaan hojjatamee ture jedhame.
Namoonni kaampii yakki itti hojjatamu keessaa baqachuun hidhattota Maayinamaar harka turan gara biyyaa deebi'uu kan eegalan ji'a Ebla irraa kaasee ture.
Ji'oota lamaan darban keessaa lammiileen Itoophiyaa kunneen garee garaa garaatti qoodamuun Maayinamaar Irraa gara Taayilaanditti erga cehanii booda, gara Itoophiyaa akka deebi'an godhamaa turuu walitti qabduu koree maatii miidhamtoota kanaa kan ta'an Adde Abbabach Simal BBCtti himan.
Gareen dhumaa lammiilee Itoophiyaa 49 of keessatti qabate kaleessa, Waxabajjii 24, 2025, gara biyyaa deebi'uu himu.
Miidhamtoonni kunneen hunduu gara biyyaa galanis ammayyuu kanneen kaampii yakki saayibirii itti gaggeefamu keessaa miliquu dadhan 42 kaampii garaa garaa sadi keessatti ugguramanii hafuu himu Adde Abbabacha.
Kanneen achitti hafan kun kaampiwwan kanneen keessaa miliquuf yaalanii kanneen qabaman ta'uus kaasu.
"Kaampiwwan baay'ee rakkisaafi hamaa ta'e keessa jiru," kan jedhan Adde Abbabach "keessumaa [namoonni] 14 bakki isaan jiran kopheen irraa baafamee dhagaa caaccabaa irra deemsifamanii hundi isaanii miillisaanii madaa'ee jira," jedhu.
Kaampii kan biraa keessatti ammoo namni tokko du'uu kanneen biraa miliqanii galan ni himu.
Miseensa maatii nama du'e jedhamee sana BBCn dubbisus namni du'uu dhugaa ta'uu mirkaneessun waa'ee kanaarratti bal'inaan dubbachuu fedhii akka hin qabne himan.