Misaa’eela ‘Raashiyaan hojjatte’ jedhame Poolaand irratti dhokaafamuu hordofee maaltu ta’aa jira?

Joo Baayidan waahillan isaanii waliin

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Erga kaleessa Sadaasa 15, 2022 misaa’eelii kan Raashiyaadhaan hojjatame jedhame Poolaandii irratti dhokaafamee kaasee naannicha keessatti taateewwan gargaa garaa raawwatamaa jira.

Haleellaa Poolaandi keessatti ollaa Przewodow jedhamtu kan kaabaa Yukireen irraa fageenya km 6.4 irratti argamtu keessatti qaqabeen lammiileen Poolaandi lama ajjeefamu hojjattoonni balaa ibiddaa himan.

Ameerikaafi biyyoon Awurooppaa kaanis haleellichaa qorataa kan jiran yoo ta’u, hanga ammaatti misaa’eelichi kan Raashiyaa irraa furgugfame ta’usaatiin ragaan argame hin jiru.

Raahshiyaan gama isheetiin haleellichaa keessaa harka akka hin qabne waakkattee jirti. Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ‘‘haleellaan daangaa Poolaandiifi Yukireen irratti kiyyeeffchuun taasifamee kamuu hin jiru’’ jedhaniiru.

Itti dabalunis, kun gochaa ‘‘itti yaadamee dubbii barbaacha haalichaan mudama umuudhaaf’’ jedhaneera ministeerichi ibsa dhimma kanarratti baaseen.

Poolaandi miseensa Nato kan gamtaa waraanaa Yukireen deeggaraa jiruufi UK, Jarmanii fi Ameerikaan keessatti miseensa ta’aniiti.

Miseensoonni Nato yoo haleellaan waraanaa irratti raawwatameetti waliin dhaabbachuuf waliigaltee qabu.

Kanaafuu miisaa’eeliin amma Poolaandi irratti furgugfamee kun dhuguma Raashiyaa irra ta’uun yoo mirkanaa’e, akka yaadaatti kan walitti bu’insicha harbeessuu ta’a.

Haata’u malee xinxaltoonni waraanaa mudamni kan mudatuu hin fakkaatu jechaa jiru,.

Joo Baayidaan maal jedhan?

Hooggantoota G7

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayida ammo haeellaan miisaa’eelii Poolaandi keessatti kufuun namoota lama ajjeessee  kan Raashiyaadhaan dhokaafame ta’u akka hin daneenyee himan.

Baayidan ragaaleen jalqabaa haleellichi dhugaatti kan ‘‘Raashiyaan raawwatameedha’’ yaada jedhu kan gaaffii keessa galacheedha jedhan.

Haleellaa miisaa’eelii lama ollaa Poolaandi keessatti guyyaa kaleessaa raawwate hordofee keessattuu biyyoota miseensa G7 mudamma dippilomaasii keessa galchee ture.

Walumaagalattis, Ameerikaa dabalatee deebiin biyyooti miseensa Nato ta’an irraa taateerratti balaaleeffannaa irraa of qusataniiru.

Joo Baayida karaa tiwitaraatiin akka jedhaniitti, pirezidantii Poolaandiitti dubbachuun ‘‘qorannoo dhohiinsicha irratti gaggeeffamuuf deeggara guutuu akka taasisaniif’’ itti himaniiru.

 Poolaandi maal jette?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Dhimma Alaa Polaandi miisaa’eeliin ‘’Raashiyaan hojjatamee’’ Kibxata kaleessaa akka sa’aatii biyyaatti 15:40 irratti daangaa poolaand keessatti kufuun ollaa xiqqoo keessatti namoota lama ajjeessuu hime.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Poolaandi Luukaasz Jaasinaa akka jedhaniitti, Ambaasaadarri Raashiyaa Poolaandii keessaa taatee kana ilaalchsee ‘‘ibsa akka kennaniif’’ waamamaniiru.  

Ibsichi eenyuu akka misaa’eelich furgugsee omaa kan hin jennee yoo ta’u, gareewwan wal waraanaa jiran lamaanuu miisaa’eelii Raashiyaa hojjatteetti fayyadamaa jiru.

Ollaan amma miisaa’eliichi keessatti kufee Przewodow Kaaba magaalaa Lviivn daangaa Poolaandiifi Yukireen irrratti kan argamtuudha.

Pirezidantiin Poolaandii haleellaa miisaa’eelii raawwatamee duuba eenyuu akka jiru ilaalchisee ‘’ragaa qabatamaan’’ hin argamne jedhan.

Haaluma walfakkaatunis Ministirri Mummee Poolaandi

Haaluma walfakkaatunis Ministirri Mummee Poolaandi Mateusz Morawiecki haleellaa misee’aalaa sana hordofe ummannii akka tasgabbaa’uuf waammicha taasisan.  

Pirezidantiiin US Joo Baayidan Waayiti Hawusiitti dhimma haleellaa miisaa’elii jedhame irratti marii atatamaa gaggeessan.

Hooggantoonni G7 dhimma Poolaandii mari’achuuf walgahan

Haleellaan miisaa’eela Poolaandi keessatti raawwatameera jedhame kunis wayita hooggantoonni biyyoota G7 yaa’isaanii Baaliitti taa’aa turan guyyaa dhumaarra gahaniitti ture.

Haaluma kanaanis hooggantoonni yaa’icharra turan Kibxata walgahii idilee cinaatti dhimma haleellaa misaa’eelii namoota lama ajjeessee irratti mariif taasifatan.

Hooggantoonni G7 Baalii keessatti irratti hirmaataa jiran hundi Ministiroota Ittisaa isaaniitti bilbiluun taatee Poolaandi keessa itti himuu eegalan.

Pirezidantii Ameerikaa Joo Baayidaniifi MM UK Rishii Suunaak kanneen magaalaa guddoo Poolaandi Waarsaaw quunnaman keessaay.