Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US fi Sa'uudiin waliigalteen dhukaasa dhaabuu Sudaan akka dheereffamuuf gaafatan
Sa'uudi Arabiyaa fi Ameerikaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu gareewwan waraanaa Sudaan keessatti wal waraanaa jiran taasisan akka dheeressaniif gaafatan.
Ameerikaa fi Sa'uudii Arabiyaan dhukaasa dhaabuu namoomaa torbaniin dura gareewwan lamaan Sudaan keessatti wal waraanaa jiran taasisanii fi kan irra deddeebiin cabsan hordofaa jiru.
Sudaan keessatti waraanni janaraaloota waraanaa biyyattii lamaan: hogganaa raayyaa ittisa biyyaa fi hogganaa humnoota addaa kan humna addaa (RSF) jedhamu jidduutti baatii lamaan dura eegaleen lammiileen biyyattii miliyoonoonni biyyaa baqachuun, hedduun ajjeefamun gabaafameera.
Sababii waraana kanaatinis dhaabbiileen tajaajila bu'uuraa kennan hundi hojii waan dhaabaniif namoonni nagaa beelaafi rakkoolee garaa garaatiif saaxilamaa jiraachutu himama.
Waraanni garee janaraaloota lamaan jidduutti gaggeeffamu kun torbaniif kun dhaabbatee deeggarsi namoomaa akka ummataaf dhiyaatuuf waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyoota torbaaf Caamsaa 22 irraa eegalee waligalamee ture.
Jiraattoonni garuu halkan Sambatatti bari’u magaala guddoo biyyattii Kaartum fi magaalaa dhiheenyatti argamtu Omdurmaan keessatti walitti bu’iinsi akka ture himu.
Akkasumas haalli nageenyaa bulchiinsa Daarfur keessatti yaaddessaa ta’aa dhufuutu himama.
Hogganaan riphee lolaa duraaniifi bulchaan Daarfuur ammaa, Minni Minaawii namoonni nagaa akka qawwee hidhataniif waamicha taasiseera.
Sudaan erga hoggansaa biyyattii bara dheeraaf dursaa turan Omaar Al- Baashiir fonqolchaan aangoorraa buusanii booda hanga ammaatti nagaan bu’ee hin beeku.