Dho'insa hiriira Paartii Islaamummaa Paakistaanirratti mudateen namoonni 44 ajjeefaman

Maxxanfame

Paakistaanitti dho'insa hiriira paartiin Islaamummaa qopheesserratti qaqqabeen yoo xiqqaate namoonni 44 ajjeefaman.

Paartiin Jamiat Ulema-e-Islam-Fazl (JUI-F) jedhamu hiriira bulchiinsa biyyattii gama kaaba-lixaan jirtu Baajaawur jedhamutti qopheesse.

Dho'insa mudate kanaan namoonni 100 ol ta'an ammoo miidhaan irra gaheera.

Poolisiin BBC'tti akka himetti, dho'insi kun kan warri balleessanii badan raawwatan ta'uu akka danda'u ragaan akeeku jira.

Hojjettoonni yeroo balaa nama baraaran hoji isaanii kan xumuran yoo ta'u, namoonni sababa dho'insa kanaan miidhaan irra gahe hunduu gara hospitaalaa geeffamaniiru.

Aanga'oonni lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'u eeruun, namoonni 15 miidhaan hamaan irra gahe haala yaaddessaa ta'e keessatti argamu jedhan.

Haleellaa kanaaf wanti sababa ta'e hanga ammaa hin beekamne. Hojjetoonni nageenyaa bakka balaan kun itti raawwatame dalleessanii qorachaa jiru.

Namoonni dhibbaan lakkaa'aman hiriira paartichi Dilbata bakka daangaa Afgaanistaanitti dhihoo taate magaalaa Kahaar jedhamutti qopheessanirrattti hirmaataniiru.

Akka suuraawwan mul'isanitti, yeroo dho'insi kun waltajjii cinaatti mudatetti namoonni dhibbaan lakkaa'aman daasii tokko keessa turan.

Gaggeessaan naannoo paartii JUI-F, Maulana Ziaullah, dho'insa mudate kana keessa akka du'an aanga'oonni naannichaa BBC'tti himaniiru.

JUI-F paartii siyaasaa amantii ta'e isa guddaadha. Paarlaamaa Paakistaan keessatti ammoo kaan waliin gamtoomee mootummaa ijaareera.

Ministirri Muumme Paakistaan Shehbaz Sharif shororkeessitoota "warra Islaamaaf, Quraanaaf, akkasumas Paakisaaniif dubbatan irratti xiyyeeffatanidha" ittiin jedhan kana abaaruun, "adabbii hamaatu" isaan eeggata jedhan.

"Shororkeessitoonni diina Paakistaanidha; nuti akka isaan hin jiraannetti isaan dhabamsiisna," jedhan Ministirri Muummee ibsa baasaniin.

Hiriirri siyaasaa kun filannoo bara kana keessa gaggeffamuuf jiru dursee, JUI-F'n deeggarsa akka argatuuf carraa gaariidha.