Namichi barattuu duubaan dhufee qaamashee qaqqabe gadhiifamuun dheekkamsa kaase

Madda suuraa, Instagram
Qoccollaan saalaa sekondii 10 gadii raawwate yakka tahuu danda'aa?
Dargaggoonni Xaaliyaanii erga abbaan seeraa nama qoccollaa saalaa raawwate bilisa jedheen booda mufii ibsachaa jiru.
Abbaan seeraa qoccollaan saalaa sekondii 10 gaditti raawwate jedheeti hojjetaa mana barumsaa barattuu akka malee fi haala fedhii saalaa agarsiisuun itti bu'e kan bilisaan gadhiise.
Barattuun ganna 17 yoo taatu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Roomitti baratti.
Akka isheen jettutti, ''otoo isheen gulantaa gamoo ol bahaa jirtuu kara duubaan bolaaleen yoo irraa gadi buufamu, taa'aa [udduu] koo harki wayii tuqe achiin gonofee [paantii] qabate.''
''Bareedduu, beekta mitii qoosaa dha,'' jedheen namni kuni yeroo garagaltee isa ilaaltu.
Barattuun kuni gochi kuni Ebla 2022 mudachuun booda to'ataa gamoo mana barumsaa, nama ganna 66 Antooniyoo Avoolaa himatte.
Namni kunis eeyyamashee malee barattuu kana harkaan qabuu amanus, qoosaa ture jedhe.
Abbaan alangee Room hidhaa waggaa sadiifi walakkaan akka adabamu gaafatus namni bilisaan gadhiifameera.
Akka abbaan seeraa jedheetti, gochaan raawwate ''akka yakkaatti hin lakkaa'amu'' sababiinsaa sekandii 10 gadi waan tureefi jedhe.
Erga murtoon kuni kennamee Xaaliyaanii keessatti Inistaaagiraamii fi TikTok irratti haashtaagii sekandii10 jedhu bal'inaan qoodamaa jira.
Lammiileen Xaaliyaanii viidiyoo sakandii 10'f callisaan yeroo kaameraa ilaalaniifi qaama saalaa isaanii qaban agarsiisu maxxansaniiru.
Viidiyoowwan miidiyaa hawaasummaa irratti mul'atan kan namatti hin tolle tahuu malu garuu kaayyoon isaanii sakandiin 10 akkam akka namatti dhagahamu agarsiisuufi.
Jalqaba taatoo beekamaa Paawoloo Kaamiil jedhamutu dhimma kana maxxansinaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman isa hordofan.
Viidiyoon biraa ammoo dubartii miidiyaa hawaasumma Inistaagiraam irratti hordoftoota miiliyoona 29.4 qabdu Chaayaaraa Feraanyiitu maxxanse.
''Eenyutu sekandiin 10 yeroo dheeraa miti jedhe? Eenyutu yeroo qoccolamaa jirtu sa'aatii qabate?'' jechuun namni miidiyaa hawaasummaa irratti dhiibbaa kan uumu Firaansiskoo Kikooneetii TikTok irratti barreesseera.
''Dhiiroti maaliif sakandii tokkoof hin tahiin mirga qaama dubartii tuquu hin qaban, sekandii 5-10 dhiisiitii,'' jechuun barreesse.
Abbaan seeraa murtoo kana kennuun namicha bilisaan gadhiisuun qoccollaan saalaa hawaasa Xaaliyaanii keessatti hangam baratamaa akka tahe agarsiisa jedhe.

Madda suuraa, PAOLO CAMILLI/INSTAGRAM
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan seeraa akka jedhutti namni kuni yeroo dheeraa hin fudhanne.
Barattuu kana, ''waan saal-quunnamtiif otoo hin taane yerooma gabaabduuf waan raawwate dha,'' jedhe.
''Abbaan seeraa qoosaadha jedhee murteessee? Anaaf garuu qoosaa hin turre,'' jechuun barattuun kuni gaazexaa Seeraa jedhamutti himte.
''Kara duubaa homaa tokko otoo hin dubbatiin dhufee harkasaa bolaalee koo keessa galchee, gonofee koo qaqqabe,'' jette.
''Taa'aa koo na qabe. Achiin na harkise - qaama koo na miidheera. Kuni anaaf qoosaa miti. Maanguddoon akkasitti miti barattuu wajjiin kan qoosuu qabu,'' jette.
''Sekandii sanatti waan raawwate anaan natti dhagahamuun qofti gahaa ture,'' jette.
Mana barumsaa fi sirna haqaa biyyattii keessa jiruun akka ganamtetti itti dhagahamuu dubbatte.
''Ammatti dhaabota haqaafi kaan amanuu kootti akkan dogoggore natti dhagahamaa jira. Kuni haqa miti.''
Barattuun kuni murtoon akkasii dubartoonni yeroo miidhaan irra gahu as bahanii himachuu akka sodaatan godha jette.
Ejansiin Mirgoota Bu'uura Awurooppaa dubartoota Xaaliyaanii bara 2016 hanga 2021 qoccollaan saalaa irra gahe keessaa harki 70 qaama ilaallatutti hin gabaasan jedhe.
''Haleellaa saalaa gabaasuun homaa faayidaa hin qabu jedhanii yaadu.
''Garuu yoo hin himanne namni miidhaa raawwatu waan fedhe raawwatee akka homaa hin taanetti yaada,'' jedhan.












