Gaazatti sababa hanqina boba'aaf hojii deegggarsaa hir'isuuf dirqame jedhe UN

Maxxanfame

Ejansiiwwan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) sababa hanqina boba'aatiin Gaazaatti hojii deeggarsa namoomaa taasisuu xiqqeessuf dirqamuu beeksisan.

Kibba Gaazaa bakka namoonni heddu itti baqatanitti dhiyeessii bishaan fi boba'aa kuusaa keessatti hafetti dhimma bahaa akka jiranis ibsan.

Akka ejansiin dhaabbatichaa kun jedhanitti boba'aan jiru hanga har'a, Onkoloolessa 27, qofaatti kan turuudha.

"Waanti Sulula Gaazaa keessatti argaa jirru sammuu namaa gararraadha," jechuun dubbatan UN'tti Ejansii baqattoota Filisxeem (UNRWA) irraa Juuliyeet Toowumaa.

"Namoonni miiliyoona lama danqamanii jiru. Gaazaan deeggarsa biyya alaarraa dhufu baay'ee xiqqaa ta'een hudhamtee jirti," jedhan.

Israa'el haleellaa qilleensarraa Gaazaatti gaggeessituun alatti dhiyeessii ibsaafi bishanii akkasumas boba'aan gara Gaazaa akka hin galle gootee turte.

Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka ibsetti, haleellaa Israa'elin hanga ammaa namoonni 7,000 du'uu fi bu'uraaleen fayyaa guutummaatti carraan hojii dhaabuu mudate.

Akka qondaalonni fayyaa Gaazaa ibsanitti hospitaalonni Gaazaa hojiirra jiran tajaajila waldhaansa hatattamaa qofa kennaa jiru.

Dhuma torbee darbee gaafa Sambataa irraa kaasee konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe'an 74 karaa Masiriitin Gaazaa seenaniiru. Juuliyeet Toowumaa garuu kun deeggarsa barbaachisuun yoo wal-bira qabamu lakkoofsa keessayyuu akka hin galle dubbatu.

Akka UN jedhutti, guyyaatti konkolaatonni 100 deeggarsa namoomaa fe'anii Gaazaa seenuu qabu.

Osoo waraanni hin eegaliin dura guyyatti konkolaattota 500 Gaazaa akka seenan hayyamama ture.

Aadde Juuliyeet akka jedhanitti, namoota 629,000 buqqa'anii jiran hatattamaan qaqqabuuf boba'aan gahaan Gaazaa akka seenu hayyamamuu qaba jedhan.

"Itti gaafatamummaa Korri Walii Galaa UN akka bahannuuf nutti kenne akka galmaan hin geenye dhorkamnee jirra. Waanti nuti gaafannu hojii keenya akka hojjannuuf karri nuu banamuu qaba," jedhan qondaalli UN'tti Ejansii Baqattoota Filisxeem (UNRWA) kun.

Dubbi Himaa waraana Israa'el kan ta'an Leetinaant Koloneel Jonaatan Kornikas fuula X gubbaatti akka barreessaniitti, "hospitaalonni akkasumas guutummaa Gaazaa keessaa boba'aan akka dhumu hin barbaannu," jedhan.

Garuu ammoo Ejansiin UN kan baqattoota Filisxeem boba'aa liitira kuma dhibaan lakkaa'amu Hamaas daangaa Masiriitti dhoksee jiru akka dabarsee akka gaafatus dhaaman qondaalli waraanaa Israa'el kun.

"[Boba'aan] hospitaalotaafi tajaajila bishaanii dhiyeessuf guyyoota hedduuf tajaajilu jira. Hamaas garuu boba'aa hundumaa kaayyoo waraanasaaf jecha qabatee jira," jedhan.

Naannichatti hoji gaggeessaa deeggarsa namoomaa UN kan ta'an Liin Haastings Haamas boba'aa dhoksuuf dhiisuu gaafatamanii: "Boba'aan biraa Haamas akka itti fayyadamuuf kaa'amu jiraachuu isaa odeeffannoo homaa hin qabnu" jechuun BBC'tti himan.

Liin Haastings dabaluunis boba'aa gahaa lafaa yoo hin qabaanne jenereetaroonni hospitaalota Gaazaa hojii akka dhaabaniifi dhukkubsattoonni 1000 ol waldhaansa malee akka hafan yaaddoo qaban ibsan.

Hospitaalota qofa osoo hin taane, dhiyeessin bishaaniillee boba'aan yoo hin jirre rakkisaa akka ta'u kaasan.

Gama biraan ammoo waraanni Israa'el ammayyuu uummanni Gaazaa [kaaba Gaazaa] keessaa akka bahu akeekkachiisaa jiraachuus qeeqan qondaalli UN kun. Sabani ammoo uummani gara itti baqatu akka hin qabneefi dhiyyeessii deeggarsa namoomaa gahaa ta'e akka hin arganne ibsan.

"Ulaan namoonni ittiin baqatan yeroo haleelamu, uummanni kaabas ta'ee kibba Gaazaa jiran haleellaa kana keessatti yeroo danqamaniifi uummanni akka qe'eesaatti deebi'u wabii osoo hin argatin uummanni harkasaa qullaa hafe," jechuun qeeqan Liin Haastings.