Magaalotnii fi gandootni Paakistaan lolaan liqimfaman

Uummatni Paakistaan lolaan liqimfaman bahuuf yeroo jedhan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ministirri Muummee Paakistaan naannoo lolaan miidhaman daawwatan ''hammi miidhaa dhaqqabee'' isa eegneen ol akka malee guddaadha jedhan.

Sheebaaz Shariif naannoo lolaan miidhame Sindii dawwachuun, roobni roobe isa ji'a Hagayyaa keessa dur beekamuun dacaa saddet tahuu hime.

Erha ji'a Waxabajji darbeen as lolaan sababa rooba cimaan mudate namoota 1,000 ol ajjeeseera.

Kumaatamni ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru. Miliyoonaan kan tilmamaman ammoo miidhaa adda addaaf saaxilamniiru.

BBC'n naannoo Sindii keessa imaluun akka daawwatetti gandoota hunda irraa jiraattoni buqqa'aniiru.

Miidhaan dhaqqabe waliigalaan ammayyuu hin beekamne, garuu jiraattotni irraa oolan balaa akkas cimaa tasumaa arginee hin beeknu jedhan.

Lolaan paakistaan keessatti waanuma barame tahus inni ammaa kun baruma kamirayyuu mudatee hin beeku jedhan jiraattotni.

Bulchaan gandaa tokko ''lolaa isa bara bishaan badinsaa Macaafa Qulqulluu irratti barreeffame'' fakkata jedhe.

Naannoo magaala Larkaanaa manneen dhoqqeen ijaaraman kumaatamni bishaaniin liqimfamaniiru.

Waan naanichaa mul'atu yoo jiraate fiixee mukeen gurguddoo naannichaa qofaadha.

Bakka bishaan xiqqoo hir'ate ammoo baaxiin manneenii xiqqoo bahee mul'ata.

Ganda tokko keessaa namoota hedduun deeggarsa nyaataa barbaadu.

Ganda biraa keessatti ammoo ijoollee hedduun dhukkuba bishaan irraa dhufuun qabamniiru.

Yeroo konkolaataan deeggarsaa dhufu ijoollee hunduu itti fiigu. Ijoolleen wal baatanii yeroo deeman argita.

Hiriiranii nyaata fudhachuuf eeggatu. Mucayyoon ganna 12 tokko anii fi obboleettiin koo guyyoota darbaniif homaa hin nyaanne jette.

Nyaatni as nuuf hin dhufne. Obboleettiin koo dhukkubsachaa jirti. Ishee haaqiisiisaa jira jette.

MM Paakistaan Shariif uummatni miliyoona 33 tahu balaa lolaan miidhameera jedhan. Uummata biyyichaa keessaa %15 kan tahu jechuudha.

Miidhaan qabeenya irra gahes isa yeroo kamiirrayyuun ol akka tahe himan. Deeggarsi idl-adunyaa akka isaan barbaachisu ibsaniiru.