Jimmatti bishaan miseensota maatii tokkoo namoota afur nyaate

Lolaa

Madda suuraa, FBC

Maxxanfame

Balaa lolaa Kamisa Hagayya 12 bara 2014 godina Jimmaa aanaa Maannaatti galgala naannoo sa’aa 1:00 irratti qaqqabeen namoonni afur lubbuu dhaban.

"Maatii shan ta’anii manaa tokkoo bahanii namni afur lubbuun isaanii darbeera” jechuun Itti gaafatamaan Waajjira Komunikeeeshinii aanaa Maannaa BBCti himan.

"Maatiin Abduraahmaan Abbaa Maccaa haadha warraa isaanii aadde Kadijjaa Kaddee waliin magaala Yabbuurraa gara ganda Haroo bakka addaa Busaasee jedhamtutti fira dubbisuuf ijoollee sadi qabatanii deemaa turan” jedhan Obbo Anwaar Abdoo.

Yemmuu laga Kombaa jedhamu bira gahanis abbaan warraa (Obbo Abduraahmaan) mucaa isaanii tokko lagicha ceesisuun gara haadha warraafii ijoollee isaanii hafan lamatti deebi’uun mucaa isaanii tokko qabatanii lagicha ce’uu eegalan.

Haa ta’u malee “lolaan dabalee dhufee abbaafii mucaa tokko yemmuu kuffisu haati immoo jara qabuuf mucaa tokko qabattee itti kufte. Akkasitti lubbuun daa’imman lamaafii haadhaaf abbaa darbee” jedhan Obbo Anwaar.

Haala kanaan lubbuun miseensota maatii tokkoo namoota afur yeroo tokkoon yemmuu darbu daa’imni jalqaba ceete tokko lubbuun hafuu himaniiru.

Lagichi laga xiqqaafii yeroo kaanis miilaan ce’amaa kan ture akka ta’e kan himan Obbo Anwaar, lolaan tasa dhufuun miseensota maatii kanaa nyaate lolaa sababa rooba tabba Saxxamma jedhamurra roobeen uumame ta’uus himan.

"Taatee raajiidha! Bishaan namni kana dura miilaan keessa ce’aa ture akkamitti nama afur akka nyaatellee baay’ee nama dhiba" jedhan.

Balaan kun erga qaqqabee booda jiraattootni naannoo reenfa miseensoota maatii kanaa barbaadaa turuu kan himan Obbo Abdoon, reenfi abbaa warraa Kamisuma yemmuu argamu kan haadha warraa fi ijoollee lamaanii immoo Jimaata ganama argamuu himaniiru.

Balaan miseensota maatii tokkoo irratti qaqqabe kun hawaasa naannoo biratti gadda cimaa uumuusaas himaniiru.

"Haalli hawaasni keessa jiru baay’ee rakkisaadha; gadda guddaatu namatti dhagahame. Namni nama haasofsiisullee hin jiru” kan jedhan Obbo Anwaar, reenfi miseensoota maatii kanaa gama poolisiin gara Hospitaala Jimmaatti ergamuu himaniiru.