Haleellaan saalaafi malaammaltummaan UN keessaa akka qoratamu gaafatame

Madda suuraa, Purna Sen
Himannaawwan haleellaa Saalaa fi malaammaltummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti raawwatamaniiru jedhaman atattamaan qaama walabaan akka qoratamu hojjettuun sadarkaa hooggansaarra turan Aadde Purnaa Seen gaafatan.
Yaadni kuni qorannoo BBC'n addatti erga gaggeesseefi hojjettootni gocha badaa kana saaxilan ar'iamuu bira gahuu booda kenname.
Seen dhaabbatni guddaan addunyaa kanaa yaada ogeeyyiin dhiyeessan dhagahee tarkaanfii akka fudhatu gaafatan.
UN gama isaan hojjettoota dhaabbatichaa odeeffannoowwan iccitii ta'an miliqsanii baasuutti jiran gaafatamtoota nan godhaa jedha.
Dookumentariin BBC gocha badaa UN keessa jiru mata duree 'The Whistleblowers: Inside the UN' jedhuun hojjete keessatti malaammaltummaan fi haleellaawwan saalaaf hooggansi olii gurra dhorkachuun ibsameera.
Hojjettootni dhaabbatichaa dhimma kana ifatti dubbataniifi saaxilan hoogganoota oliin adabamuu kaanis hojiirraa ari'atamuu BBC'tti himaniiru.
Fiilmii BBC'n hojjete keessatti bara 2018'tti dhimma haleellaa saalaafi qollifannaa irratti dubbii himtuu ta'uun kan ramadamanii turan Seen, dubartootni waajira UN keessatti dirqiin gudeedaman jiru jechuun himaniiru.
Hammuma dhiironni gocha kana raawwatan dhiifamaa deeman kan gochicha raawwatan ammoo dabalaa adeemuu jedhan.
Dhugaa bahumsa namoota haleellaawwan saalaa kana irraa dhagahan nagaa akka isaan dhowwe himanii, dhaabbilee keessatti miidhaa hambisuurra eeggannoo hooggantootaaf godhamu cimaadha jedhan.
''Dhaabbatuma mirga namoomaa kabachiisuuf hojjetu keessa muddamni jiraachuu agarsiisa, ofiiyyuu bakka mirgootni namoomaa irraa maddan ta'ee garuu mana isaatti fidee hojjettootaa isaaf hojjetaniif akka hojjetu hin goone.''
Sen Barreessaa Olaanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Gutaareez gartuu ogeeyyii walabaa dhaabbatichaan ala ta'an hundeessuun qorannoo gaggeessanii tarkaanfii fudhatamuu qaburratti waan akeekan akka hojiitti hiikan gaafatan.
Waajirri Barreessaa Olaanaa Dhaabbatichaa dhimma kana irratti ibsa baaseen, qorannoo qaama alaa kamuu badii kamuu dhaabbaticha keessa jiru qoratuuf banaadha jedheera.
Mirga himatamuu dhabuu
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii mirga addaa qaba, hooggantootni dhaabbatichaa olaanoonis seerota biyyoonni baasaniin himatamuurraa bilisa godhamu(Diplomatic immunity).
Mirgi kun kan kenname dhaabbatichi hojii dameelee isaa adda addaan hojjetu dhiibbaa malee akka milkeessu yaadamee malee hooggantootni dantaa dhuunfaa isaaniif akka itti dhimma bahan miti.
Kanaaf mirgi himatamuu dhabuu kun warreen yakka akka haleellaa saalaa raawwataniif gaaddisa hin ta'u.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka hojimaata dhaabbatichaatti komiin hunduu waajira Office of Internal Oversight Services (OIOS) jedhamu kanuma waajiricha keessa jiruun kan ilaalamu ta'us aangoo seeraan adabbii fudhachuu garuu hin qabu.
BBC qaamni kun hojii milkaahaa akka hin dalagne ragaa argateera. Akka ragaa argateen hoogganaan damee qorannoo kanaa Been Swaanson, himata hojjettuun dubaraa dhaabbatichaa tokko gargaaraan Barreessaa Olaanaa akkamiin dirqiin qaama ishee tuttuqaa akka ture boohaa itti himuu ibsa.
Namni kun himannaa kana Barreessaa Olaanaa dhaabbatichaafi warra kaanittis himus, nama gurra kennuuf dhabuu dubbata.
Booda dubartootni haleellaa irra gahu dubbachuuf akka hin jajjabeeffamneefi namni dubartittiin himattu nama ''ilma jaalatamaa'' jedhamuu akka ta'e ibsan. "favoured son".
Waggoota afuriif waajiricha keessa ta'ee odeeffannoo icciitii baasuun(whistleblower ) ta'uun ragaa kana BBC'f kan dabarse Piter Gaaloo namni jedhamu ''muuxannoo koorraa dhaabbatichi gaaraa hanga gajjallaatti malaammaltummaan weerarameera jedheen amanaa'' jedha.

Madda suuraa, Piteer Gaalo
Hooggantuun duraa dhaabbatichaa Sen Barreessaan olaanaa dhaabbatichaa ''maaliif callisan maaliif imaammatni koo gocha kanaaf obsi keenya zero dha hin jedhanii'' jechuun gaafatu.
Waajirri Barreessaa Olaanaa ibsa baaseen ''Hojjetaa dhaabbatichaa, hooggansa ta'ee hojjetaa idilee gocha haleellaa saalaarratti hirmaate adabuuf kotatoodha'' jedha.
Gorsituun duraanii dhaabbata UNAIDS Maartiin Bostrom BBC'tti yoo dubbattu isheenis miidhamtuu haleellaa saalaati jette.
''Miidhaan saalaa, saamichichi humnaafi nama xiqqeessuun waajira olaanattis Wiixataa hanga Jimaataa raawwata. Yeroo hojii idileettis, yeroodhuma maraa raawwata'' jette.
Hoogganaa itti aanaan UNAIDS Luwiiz Laawures kan gargaaraa Barreessaa Olaanas kan ta'e bara 2015'tti yaa'ii Baankook irratti hirmaatanii yeroo bahan liiftii keessatti dirqiin hidhiirra dhungachuu dubbatte.

Madda suuraa, Maartiin Bostrom












