Neel Paarish: Gocha maraatummaa, fiilmii saal-qunnamtii daawwachuu kootiifan hojiikoo gadhiise

Miseensi mana maree UK Neel Paarish paarilaamaa keessatti yeroo lama fiilmii saal-qunnamtii (porn) daawwachuu erga amaneen booda miseensummaa mana maree keessaa bahuu BBCtti hime.
Aab Paarish kan erga bara 2010 kaasuun Deevoon keessatti Tivertoon fi Honiton bakka bu'ee ture, ''taateen maraatummaa'' isa mudachuu dubbata.
Taateen jalqabaa kan akka tasaa marsariitii osoo ilaaluu mudate yoo ta'u, inni lammataa garuu, itti yaadumaan paarilaamaa keessatti ilaaluu dubbata.
Himannaan kanaan walqabatees guyyaa Jimaataa Paartii Conservative'n ari'atameera.
Miseensoonni dubartii lama osoo isaan bira taa'anuu bilbila harkaa isaatiin qabiiyyee saal-quunnamtii ilaalaa akka ture argu himan.
Aab Paarish gaafiifi deebii BBC South West waliin taasisaniin, ''Haalliisaa jalqabaa akkuma qoosaatti ture kan ilaale.
''Booda ammoo marsariitii maqaa baayyee walfakkaatu qabu kan biraa argannaan isas xiqqoo ilaalee, kanas gochuu hin qabuun ture.
''Garuu yakki koo- yakki kiyya guddaan- yeroo lamataatiif deebii'ee daawwachuukooti.''
Yeroo lammataa kan daawwatee itti yaadee akka ture fi kan daawwataa tures osoo sagalee kennuuf eegataa jiruu Paarilaamaa keessa taa'ee ta'uu amaneera.
Aab Paarish akka jedhaniitti, ''guutummaa guutuutti dogongora'' jechuun, ''bara jireenyaa kiyya hafaattis qaanii kana waliin jiraachuun qaba. Dogongora sukkaneeraafi cimaan hojjadhee addunyaatti himuufan kunoo asi jra,'' jedhan.
Itti dabaluunis, taateen sunis 'mudannoo maraatummaati' jechuun, garuu ammoo haala namoonni kaan arganiitti ilaaluu isaa haaleera. Baayyee dhoksuun ilaaluu yaaleen ture jedhe.
''Kana raawwachuukootti dongongoreera garuu ammoo fiilimiicha ilaalaa dubartoota qaaneessee yaadni jedhu dhugaa mit. Ani paarilaamaa keessatti waggaa 12'f tureera, tariis maqaa gaarii horadheen ture,'' jedhe.
Fiilmii saal-quunnamtii sana maaliif akka paarilaamaa keessatti daawwachu barbaadee kan gaafataman Aad Paarish, omaa akka hin beekneefi tarii ''miirrii yaadaafi dambobiinaa isaa guutummaan jalaa fudhatamee'' akka ture dubbatan.
Erga miidhaa gochaan kuni maatii isaa, bakka irraa bakka bu'eefi waldaa naannoo isaa irratti qabaatu hubateen booda baayyee itti dhagahamu yoo dubbatu baayyee miiraan guutameeti.
''Dogongoreera, baayyee balleesseera, sammuukoon dhabee ture,'' jechuun ''gochaa isaatiif dhiifama guutuu akka gaafate hime.


Madda suuraa, UK Gov
Neel Paarish eenyuu?
- Gaheessi umuriin waggaa 65fi kan bara 2010 kaasee miseensa mana maree turan, bara 1999- 2009tti Kiba Lixa Ingilaand irraa miseensa Paarilaamaa Awurooppaas turan.
- Bara 2000tti wayita dargaggoo waggaa 16 jiruu qonna maatii isaa bulchuuf jecha barnoota isaa adda kute. Tibba filannoo paarilaamaa Zimbaabweettis taajabaa filannoo ture.
- Riifarandamii 2016tti gaggeeffameen Brexit mormeera. Seera gaa'iila saalaa walfakkaataa beeksiisuuf motummaa Deeviid Kaameeruun dhiyaatees mormeera.
- Aab Paarish nama gaa'ila qabaniifi ijoollee lama godhatan yoo ta'u, ijoollee ijoollee lamas arganiiru.

Dhimmi kunis guyyaa Roobii erga ministiroonni dubartii lama waahillisaanii osoo Paartilaamaa keessa taa'anu fiilmii saal-quunnamtii doowwachaa akka ture gabaafteen booda ture kan barame.
Akkasumas miseensa mana-maree kun tibba dhimmi koree filatamoo dhagahamaa tureettis paarlaamaa keessatti fiilmii saal-quunnamtii doowwachaa ture jechuu The Times gabaaseera.
Miseensi mana marichaa kan biraa Tory osoo inni fiilimicha ilaalaa jiruu viidiyoo waraabuuf yaaltulleen akka hin milkaa'iin hafte himte.
Boodara himannichi dubartoota kennaniin dhiyaate kunis kan Aab Paarish ilaalatu ta'un ifa ta'e.
Himanni kun kan dhiyaate kora Kibxata galgala gaggeeffame kan dubartiin miseensa mana-maree paartii warra 'Conservative' irraa taate taateewwan miidhaafi hacuuccaa saal-qunnamtiin walqabatan jettu qoodderratti ture.
Haata'u malee Ministirri eeguumsa motummaa Raacheel Maakliin himannaa paartiin Conservative irratti dhiyaatee haaluun, ''Akkan yaaduutti mana marichaa keessaa rakkoo ifaatu jira. Kunis kan paariiwwan hunda ilaalatuudha,'' jette jirti.














