Ayit Nuurii Arsenaal fi Liiverpuuliin barbaadamaa jiraachuu dabalatee jijjiirraa taphattootaa odeeffamaa jiru

Taphataa lammiiAljeeriyaa Ayit Nuurii

Madda suuraa, PM MEDIA

Maxxanfame

Arsenaaliifi Liiverpuul taphataa lammii Aljeeriyaa fudhachuuf fedhu. Taphataan umuriin isaa wagga 22 ta’e Ayit Nuurii kilaba Wolvisiif taphachaa jira. Kana kan gabaase ammoo Football Transfer.

Liiverpuul taphataa sarara gidduu Ispeen Tiyaagoo Alkaantiraa tursiifachuu barbaada. Haata’u malee, taphataa umuriin isaa wagga 32 ta’e kana kilabiin Biraazil Filaamiingoo, akkasumas Sa’udii Piroo Liigiirraa Al-Ettifaq isa barbaadaa jiru jedchuun Teamtalk gabaaseera.

Niiwukasil taphataan isaa sarara gidduu lammii Biraazil ta’en Jo’ilintan miidhamuu hordofee jijjiirraa taphattootaa Amajjii kanana karoora qabu ilaaluuf torban kora waamee keessa deebiyee ilaaluuf akka jiru Guardian gabaaseera.

Taphataan umuriin isaa wagga 27 ta’e Jo’ilintan Niwukasiliif baayyee murteessaadha.

Chelsiin gabaasaaleen paawondiin miliyoona 73 dhiyaateera jedhu jiraatus jifataa (taphata sarara duraa) Sporting CP fi Siwiidin Viktor Giyokeres hin barbaadu jedheera. Football Londan kan gabaase.

Bireentifoord ammoo taphataa lammii Ispeen Serjihoo Regu’iloon ergisaan fudhachuuf Tootenhaam waliin sadarkaa dubbiitti waliigaleera.

Taphataan sarara ittisaa umuriin isaa waggaa 27 ta’e kun bittaadhaan gara Bireentiford deemuu waan hin dandeenyeef ergisaan fudhachuuf carraaqqiin taasifamaa jira.

Midilsboroo taphataa lammii Ayivorii Koost Amad Dihaaloo mallatteessifachuu barbaadu. Haata’u malee. Maanchester Yunaayitid gahumsa ajaa’ibaa taphataan umuriin isaa wagga 21 ta’e kun agarsiisuun waan mo’amaniif tursiifachuu barbaadu.

Nootingihaam forest ji’a kana keessa taphattoota bituu caalaa gurguruurratti xiyyeeffacuuf filatan. Sababiin isaa ammoo Piriimer Liigiin danbiiwwan bu’aa buufachuufi walitti fufinsa qabaachuu cabseera jechuun himachaa jira.

Liiverpuul fedhii taphataa Chelsii Levii Koolwel fudhacuuf qabu ammallee agarsiisaa jira. Taphataan lammii Ingilaand umuriin isaa wagaa 20 ta’e kun garuu ganna darbe Chelsii waliin kontiraata dheeraa mallatteesseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

PSG'n ammoo taphataa isaa, Kiliyaan Imbaappee tursiifachuuf kontiraata haaraa dhiyeesseeraaf.

Kilabichi kontiraata haaraa kanaan jifataa lammii Faransaay umuriin isaa wagga 25 ta’e kanaaf bara taphaa tokko keessatti Yuroo miliyoona 100 akka kaffaluuf dubbateera.

Maanchester Yunaayitid taphataa lammii Daach umuriin isaa wagga 22 ta’e Joshuwaa Zikzee, Bolonyaarraa ganna dhuftu fudhadhu malee jechaa jira.

Wolvis taphataa sarara duraa Chelsii Armaandoo Birooyaa fudhachuuf fedhii agarsiisaa jiru.

Taphataan lammii Albaaniyaa umuriin isaa wagga 22 ta’e kun egereen isaa kan murtaa’u ji’a kana keessa Chelsiin isa ni mallatteesifatamoo ni dhiisa kan jedhurratti kan hundaa’u ta’a.

Arsenaal taphataa sarara ittisaa lammii Poorchugaala umuriin isaa wagga 32 ta’e Seedrik Soors fudhachuuf Besiktaas waliin dubbachaa jira.

Taphataan sarara fuula duraa Burkinaa faasoo Bertiraand Tiraaworee fi taphataan sarara ittisaa Ingilaand Kaalum Chaambers, lamaanuu umuriin isaanii wagga 28, Aston Viilaa gadhiisuu dandeessu jedhamee itti himamuu hordofee kilaboota Awurooppaa qalbi hawwachaa jiru.

Joosee Moriinoon erga Roomaarraa ar’amee booda gara kilaba isaa duraanii Poortootti deebi'uu danda’a jedhamaa jira.