Kariim Beenzeemaan ministira 'garee Muslim Brotherhood waliin hidhata qaba' jedheen maqa balleessiin himate

Taphataan duraanii Madriid amma Sa'udiif taphata

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taphataan duraanii Madriid amma Sa'udiif taphata
Maxxanfame

Taphattoota kubbaa miilaa collee Faransaay keessaa tokko kan ta'e Kariim Beenzeemaa, qondaala mootummaa ''garee Muslim Brotherhood waliin hidhata qaba'' ittiin jedhe maqa balleesseen himateera.

Ministirri dhimma biyya keessaa Faransaay Jeraald Darmaniin, Onkoloolessa 2023 ture Beenzeemaan garee Muslimoota Sunnii kunneen waliin hidhata cimaa qaba kan jedhaniin.

Himannaan qondaala mootummaa kun maqaa gaarii fi kabaja taphataa kanaa gadi buusa jedhe abukaatoon Beenzeemaa.

Gareen Muslim Brotherhood jedhamu biyyoota akka Masrii, Raashiyaa fi Sa'uudii Arabiyaa dabalatee biyyoota hedduu keessa akka hin sochoonu dhorkameera.

Aab Darmaniin yaada kana kennuun Beenzeemaa kan himatan erga inni deeggarsa lammiilee Gaazaaf qabu mul'iseeti.

Beenzeemaan akkas jechuun X (tiwiitara kan ture) irratti barreesse: ''Haleellaa haqa lammiilee dabsu, kan dubartootaa fi daa'imman lafarraa haxaawuun Gaazaan hiraarfamaa jirti.''

Jifataan duraanii Faransaay kun akkuma dhumaatii uummata Gaazaaf gaddasaa ibse, lammiilee Israa'el 1,300 haleellaa Hamaasiin ajjeefamaniif homaa hin jenne jechuun qeeqan Aab Darmaniin.

Kanarraa ka'uun ''taphataan kun garee Muslim Brotherhood jedhamuun hidhata cimaa qabaachuun beekama,'' jechuun dubbatan.

''Nuti hydra yookiin ammoo garee Muslim Brotherhood waliin wal lolaa jirra. Sababni isaa gareen kun jihaadii uumuu barbaada,'' jechuun TV CNews jedhamurratti dubbatan qondaalli siyaasaa kun.

Jeraald Darmaniin kanaan duras Beenzeemaa irratti xiyyeeffachuun himahcuun beekamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jeraald Darmaniin kanaan duras Beenzeemaa irratti xiyyeeffachuun himahcuun beekamu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan colleen addunyaa umurii waggaa 36 Kariim Beenzeemaan Muslima, amma Sa'uudii keessaa taphata. Himata irratti dhihaate kana haaluun, qondaala siyaasaa kana maqa balleessiin akka himatu dhaadateera.

Komiin inni barreeffama fuula 92 qabuun dhiheeffate miidiyaa Faransaa irratti bal'inaan qoodameera.

Komiisaa keessatti ''an gonkumaa garee Muslim Brotherhood waliin hariiroo qabaadhee hin beeku. Qaama miseensa garee kanaa ta'uu himatu waliinis walitti dhufeenya homaatuu hin qabu,'' jedhe.

Taphataan duraanii Riyaal Madriid kun dabaluun ''Sababan beekamaa ta'eef tapha siyaasaa akka narratti gaggeessan nan hubadha. Diraamaa Onkoloolessa 7 irraa eegalee raawwaterratti yaada akkanaa kennuun ammoo salphina,'' jedhe.

Abukaatoon Beenzeemaa, Huguwees Vigiyeer taphataan kun ''tapha siyaasaan miidhameera,'' jechuun midiyaa Faransaay RTL jedhamutti hime.

Ministirri dhimma biyya keessaa ''lammiilee Faransaay gidduutti qoqqoodiinsa uumaa jiru,'' jechuunis himate.

Aab Darmaniin kanaan duras sababoota addaa addaa uumuun Kariim Beenzeemaa irratti xiyyeeffataa turan.

Faaruu alaabaa biyyaalessaa Faransaay hin faarfatu, miidiyaa hawaasaa gubbaatti beekame fi waan kaan irratti kaasuun himataa ba'an.

Gareen Muslim Brotherhood waggaa 80 dura Masrii keessatti hundaa'e.

Jaarmiyaalee maqaa amantii Islaamaa himatanii fi yeroo ammaa bal'inaan socho'aa jiran taliiguun tumsa, Hamaas dabalatee.

Jalqaba caasaa qindaa'aan hin hundoofne, boodarra gareen yaada tokko qaban jaarmiyaa ta'an.

Masrii dabalatee biyyoota hedduu keessa akka hin sochoone dhorkameera, biyyoonni Gamtaa Awurooppaa gariin ammoo kan dhorkaa irra hin keenye jiru.