Warshaan Meeshaalee Qonnaa Adaamaa Birrii Biliyoona 10 ol qisaasessuun isaa mirkanaa'e

Madda suuraa, Ethio-engineering Group
Biiroon Oditara Muummee Fedeeraalaa mana maree bakka bu’oota uummataaf gabaasa dhiyeessen Itoophiyaa Injinaring Giruup jalatti kan argamu Warshaan Meeshaalee Qonnaa Adaamaa maashiniiwwan qonnaa kuma 6 ta’an bitus tajaajila osoo hin kennin jiraachuu ibseera.
Kana malees, liqaa maallaqaafi galii gurgurtaa walitti qabuun wal qabatee walumaa galatti maallaqa uummataa birrii biliyoona 10 ol akka qisaasesse Oditaara Walii Galaa kan ta’an Aadde Masarat Daamxee mana marichaaf ibsaniiru.
Dhaabbatichi qajeelfama sirna bittaa mootummaan diriirse akka hin hordofneefi fedhii gabaa osoo hin qoratin tiraaktaroota akka bitaa ture odiitaroonni mirkaneessaniiru jedha gabaasichi.
Akka gabaasa mana mareef dhiyaatetti, meeshaalen bitaman haala teessuma lafa Itoophiyaa wajjin wal-simuu fi dhiisun isaanii osoo hin qoratamin bara 2003 hanga 2007 qofaatti caalbaasii tokko malee dhaabbatichi tiraaktaroota kuma 14 ol biteera.
Gabaasni Odiitara Muummee Federaalaa akka agarsiisutti dhaabbatichi bittaa meeshaalee qonnaa kanaaf kaazenaa mootummaa keessaa sharafa alaatiin birrii biliyeena 4 akka baase fi meeshaalee bitaman keessaa 6000 kan ta’an sadarkaa tajaajila hin kennine irra jiru.
Warshaan Oomisha Meeshaalee Qonnaa Adaamaa maashinaroota kana gaafa bitu mala to’annoo qulqullinaa kan hin qabne yoo ta’u akkasumatti tiraaktaroota walakkaan isaanii suphaman bitee galchaa akka tures eeramee jira.
Dhaabbanni kun erga hundaa’ee waggaa 40 kan lakkoofsise yoo ta’u, qisaasama maallaqaa qaqqabsiise caalatti erga hundaa’ee hanga ammaatti tiraaktaroota biyya alaatii galchee suphuuddhan alatti fooyya’iinsa homaatuu akka hin agarsiifnes komii irratti ka’e keessayi.
Akkasumas sirna sassaabbii galii gurgurtaa fi sassaabbii liqii waan hin qabneef walumaa galatti birrii biliyeena 4 osoo walitti hin qabin hafeera.
Rakkoo hojmaatatiin alattis dhaabbatichi naannolee akka Oromiyaa, Somaalee fi Affaaritti priojektoota jallisii hojjachuuf fudhate xumuree osoo hin kennin hafuu irraa kan ka’e birrii biliyeena tokko qisaasessuu danda’eera.
Oditarri Muummeen Federaalaa bara 2014 A.L.I tti manneen hojii federaalaa irratti bu’aa odiitii gaggeessuu isaa ibsee yaada furmaataati kan jedhes dhiyeessera.












