Miseensi paarlaamaa hariiroo waraanaa Somaaliyaa fi Masrii morman ari'aman

Madda suuraa, Dr-Abdirashid Jilley/facebook
Miseensi Paarlaamaa fi ergamaan addaa pirezidantii Somaaliyaa, biyyattiin hariiroo waraanaa Masrii waliin uummachuu erga mormanii booda aangoorraa kaafaman.
Paarlaamaa Somaaliyaatti teessoo bulchiinsa Saawuz Westiif qabametti miseensa kan ta'an Abdirashiid Mohammad Nuur Jiilee, namoota isaan deeggaran waliin ta'uun dhimma kanarratti ibsa baasaniiru.
Ibsa isaanii kana hordofuun aangoo pirezidantiin biyyattii irratti muudan ''ergama addaa dhimma fayyaa fi sirna nyaataa'' irraa kaafamaniiru.
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud ergama addaa kana aangoorraa kaasuu ilaalchisuun ibsa baasan keessatti lammiileen biyyattii ''birmadummaa biyyasaanii eeguurratti'' akka kutannoon ka'an gaafataniiru.
Ergama addaa dhimma fayyaa fi sirna nyaataa kana aangoorraa kaasuu kan beeksisan Dilbata kaleessaa (Fulbaana 2, 2024) ture.
Bulchiinsota miseensa mootummaa federaalaa ta'anii fi teessoo paarlaamaa keessaa qaban keessaa tokko kan taate bulchiinsi Saawuz West, Itoophiyaa waliin wal daangessiti.
Miseensi paarlaamaa kun namoota yaadasaanii qooddatan waliin erga mari'atanii booda ibsa baasan keessatti irra jireessaan dhimma waliigaltee waraanaa Somaaliyaa fi Masrii irratti xiyyeeffatan.
Biyyoonni lameen bakka pirezidantonni isaaniin argamanitti maagaalaa guddoo Masrii, Kaayirootti waliigaltee waraanaa kan mallatteessan torban lama dura.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigaltee kana hordofuun xiyyaaronni waraanaa Masrii lama torbee darbe meeshaa waraanaa fe’anii Moqaadishoo galanii turan.
Miseensi Paarlaamaa Federaalaa kutaa bulchiinsa Saawuz West bakka bu’uun paarlamaa galan; waliigalteen kun paarlaamaaf hin dhiyaanne jechuun mormaniiru. Pirezidaantiin Somaaliyaa ''biyyoota waliif faallaa ta'an waliin waliigalteewwan adda addaa taasisaniiru'' jechuunis qeeqan.
Miseensi Paarlaamaa kun; waliigaltichi "waan balaa keessa nu galchuudha" jedhanii akka amananis ibsaniiru.
Miseensi paarlamaa kun Waliigaltichi "dhimma Abbayyaa" gara Somaaliyaatti kan fiduu fi waraana gaanfa Afrikaatti fiduu akka danda'u'' ibsuun, waldhabdeen akkanaa kun keessumaa ummata kutaa bulchiinsa Kibba Lixaa irratti rakkoo akka fidu hubachiisaniiru.
"Hoggansi biyyaa ummata walitti bu'iinsaa fi waraana keessatti hirmaachisuu hin qabu. Biyyoota waldhaban gara biyya keenyatti fiduun akka wal wraanan gochuun hin gorfamu" jechuudhan mormaniiru.
Miseensi paarlaamaa ibsa kana miidiyaaf dhiyeessan kun Miseensa Paarlaamaa kutaa bulchiinsa Saawuz west bakka bu’an Abdireshiid Mohaammad Nuur Jileeyiti.
Ogeessa fayyaa kan ta’an Abdirashid; baatii Bitootessaa keessa "Ergamaa Addaa Fayyaa fi Sirna Nyaata" ta'uun Pireezidaantii biyyattii Hasan Sheek Mahaammadiin muudamanii ture.

Madda suuraa, Horn Cable TV
Ibsi kun erga kennamee booda kaleessa halkan pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaamuud qondaala fayyaafi sirna nyaataa aangorraa kaasuusaanii beeksisan.
Abdiirashiid Mohaammad Nuur Jileey sababa itti aangorraa kaafaman ibsi kun ifa hin goone.
Pirezidaantin biyyattii “yaaddoo biyyattii mudate“ hambisuudhaf lammiilen biyyattiifi qondaalonni biyyattii cinaa akka dhaabbatan dhaamuu ibsicha irratti eerameera.
Walta’iinsa mootummaan Somaaliyaa Masirii wajjin taasise mormiin kann mudate bulchiinsa Saawuz Weest irraa bakka bu’uun miseensa paarlaamaa biyyattii kann ta’an qofa irraa miti.
Gaafa Sambataa, Hagayya 31, jiraattonni magaala Huduur humna waraana Itoophiyaa ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa deeggaruun hiriira bahuusaanii miidiyaalen biyyattii gabaasaniiru.
Jiraattonni humna waraana Masirii bakka humna nagaa kabachiisaa Itoophiyaa akka hin buune mormuusaanis ibsameera.












