Feestivaalli Goobee fi shinooyyee Finfinneetti kabajamaa jira

Feestivaalli kun waltajjii guddaa dargaggootni aadaafi eenyummaa isaanii bu'uura godhatanii itti wal argan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2
Festivaalli kuni sadarkaa Oromiyaatti Finfinneetti yoo kabajamu kan baranaa kuni marsaa 6ffadha.
Dargaggoonni kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa dhufan garee gareedhaan sirboota aadaa agarsiisaa jiru.
Shinooyyeen weedduu dubartoonni yeroo barri haaraan dhufu Qaammee keessa weeddisani.
Dubartoonni mana namaarra deemanii Weedduu shinooyyee weeddisan abbootii warra mana sanaa nijaju, nileellisu akkasumas ni eebbisu.
Warri manaa ammoo dubartoota kana waanuma qaban kennuuf
Goobenis tapha dargaggootaati. Goobeen sirriitti kan beekamu Godina Shawaa Kaabaa ykn Salaaleetti.
Dargaggootni Goobe sirban irreessa marga jiidhaa harkatti qabatanii deemu.
Mana nama tokkootti Goobee taphatanii yeroo maallaqni kennamuufitti marga jiidhaa sana irraa hammaaranii laatu. Sana boodas abbaan qe'ee fi dargaggootni goobe tapahatan wal ebbisuun akka gargar bahan himu.
Nama nu kenne yaa waaqayyo kenni

Qotiyyoo cimdii yaa waaqayyo kenni

Namni nuf kenne hammami gahaa… kuunnoo hammana gaha

Dhugumaan hammami gahaa…kuunnoo hammana gahaa