Booranaatti miseensonni poolisii farra riphee lolaa obbolaa lama ajjeesan

Madda suuraa, Getty Images
"Obboleettiinkoo mana keessa teessumarra taa'aa turte. Kanuma dhukaasni baname dugda duubaan rasaasni isheen seenee achumatti ajjeese," jedhan obboleessi miidhamtootaa.
Dhukaasa miseensonni Poolisii Riphee Lolaa, godina Booranaa Aanaa Eelwayyee ganda Saabbaa keessatti bananiin, obbolaan lama ajjeefamuu maatii, jiraattonnii naannichaa fi angawaan Aanichaa BBC'tti himaniiru.
Ajjeechaan kun Sanbata Duraa ALI Mudde 5, 2017 waaree booda naannoo sa'aa 11:00 akka raawwatame BBC'tti kan himan jiraataan ganda Saabbaa maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, "Poolisii riphee lolaatu aanaarraa gara gandaa dhufan. Sababa maaliif akka itti dhufan hin beeknu, rakkoon nageenyaa biraallee hinjirtu ture" jedhan yoo haala naannicha ture ibsan.
Yerichatti jiraattonni gandichaa waajjira gandaa ijaaraa turuu kan himan jiraataan kun, miseensonni poolisii kunneen konkolaataarraa bu'uun dargaggoota jimaa qama'aa turan irratti dhukaasa banuu himan.
Sana boodas dargaggoonni fiigaa adda kan faca'an ta'us rasaasni dhukaafame shamarree waggaa 14 mana keessa turte rukkutuun lubbuunshee akka darbu taasisuu himan.

"Doorsisatu ture…"
Obboleessa miidhamtootaa akka ta'an BBC'tti kan himan Galma Bonayyaa Waaqoo, obbolaan isaanii ajjeechaan irratti raawwatame Xuunnee Bonayyaa fi Deebanoo Bonayyaa akka jedhaman himan.
Ka'umsa ajjeechichaa kanaa maal akka ture kan gaafanne miseensi maatii kun, guyyichatti caasaaleen mootummaa jiraattonni gandichaa waajjira gandaa ijaaramaa jiru hatattamaan ijaaranii akka xummuran dhiibbaa gochaafii doorsisaa akka turan himan.
Boodarras miseensi caasaa mootummaa bilbila bilbiluudhaan miseensota poolisii farra riphee lolaa gara iddichaatti waamuu dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Waraanni kun (poolisoonni) yeroo dhufutti naannoo mana keenyaa dargaggeessa sadi wayiitu taa'aa ture. Waraanni kun konkolaataa dhaabanii dargaggoota kunneeniin 'koottaa koottaa' jedhaniin. Ijoolleen 'humnaan waraana nu geessaa jiran' jettee keessa ofiitti shakkitee jalaa fiigan," jedhan.
Sana boodas dargaggoota sadeen keessaa inni tokko mana isaanii marsuun fiiguu kan himan Galma Bonayyaa, itti aansee dhukaasni eegalamuu himan.
"Kan gurbaan mana keenyarra maruu eegale dhukaasni irratti baname. Obboleettiin koo mana keessa teessoo gubbaa taa'aa turte. Kanuma dhukaasni baname dugda duuba isheen rasaasni seenee achumatti ajjeese," jechuun haala obboleetiinsaa mana keessatti rasaasaan itti ajjeeffamte ibsa.
Miidhamaan lammaffaafi abbaa ijoolee jahaa kan ta'e obboleessi nama kanaa, Deebanoo Boonayyaa immoo ajjeechaa obboleettiisaa dhagahuun gara iddichaatti fiigaa dhufuu himan.
"Yoo mana gahu mucattii duute argee warra waraana kana faana fiiguu eegale. Yeroo kana ummanni irraa qabaa ture" kan jedhan miseensi maatii kun, miseensi poolisii tokko "gadhiisaa yookiin walittin isin fixa" jechuun ummanni miidhamaa akka gadhiisan sodaachisuu himan.
Sana boodas wayita miidhamaan itti fiigu miseensi poolisii kun rasaasa itti dhukaasuun obboleessa isaas itti dabaluun ajjeesuu dubbatan.
"Yeroo gabaabduutti murtiin ni kennama"
Ajjeechaa obboleeyyan lamaan irratti raawwatame jedhame dhugaa ta'uu BBC'f kan mirkaneessan Bulchaan Aanaa Eelwayyee Obbo Galgaloo Dabbasoo, "namni miidhame nama lama, obboleeyyanumadha" jedhan.
Ka'umsi ajjeechaa kanaa qoratamaa jiraachuu kan himan bulchaan aanichaa kun, miseensonni poolisii eegumsa nageenyaaf gara iddichaatti bobba'uu himan.
Namoonni ajjeechaan irratti raawwatame kunneen tarii kan kana dura yakkaan shakkamanii barbaadaman turanii? jechuudhaan gaafanne Obbo Galgalooniif dhiyaateef, "lakkii, of eeggannoo gochuu dhabuun tarkaanfii fudhatame waan ta'eef ka'umsisaa maaliif akka ta'e seeraan qoratamee murtii kan argatu ta'a malee, isaan akka biraa kan qaban hin qaban," jedhan.
Ammatti miseensota poolisii riphee lolaa waliin turan 10 to'annoo jala oolchuun qorannoon adeemsifamaa jiraachuu kan himan aanga'aan aanichaa kun, "isaan keessaa kamtu nama rukkute kan jedhu seeraan qulqullaa'a. Yeroo gabaabduuttis murtiin kan itti kennamu ta'a," jedhaniiru.












