Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirimerliigii torban kanaan Arsenaaliifi Liivarpuul bayyanatuu laata?
Pirmerliigii torban kanaatiin har'a taphoota sadiitu gaggeeffama. Bori ammoo taphoota Afuriu aphatama. Waancaa Pirimerliigii fudhachuuf kan dorgommiitti jiran Arsenaaliifi Liivarpuul morkii cimaatu isaan eeggata.
Liigicha dursaa kan jiru Maan Siitiin dorgommii FA Kaappii Cheelsii waan qabuuf hin taphatu.
Xinxaalaa kubbaa miilaa BBC kan ta'e Kiriis Suutaan dorgommii torban kanaan eenyu galchii meeqaan, eenyuu ammoo akka mo'atu tilmaama isaa kaa'eera.
Luutan - Bireetfoord
Luutan gabatee dorgommichaa keessaa akka hin buuneef jecha ciniinnatee tapahata. Bireentifoordis taanan akka salphaatti hin laalu taphicha.
Tapha kanaan Luutan kan mo'atu taanan ofii carraa bu'uu keessaa bahee Bireentifoord yaaddoo bu'uu keessa galcha.
Warri kanniisaa, Bireentfoord, taphicha mo'atu taanan yaaddoo Pirmirliigii keessaa bu'uu jalaa bahuuf carraa qabu jechuudha.
Kiriis Suuran garuu, Luutan akkuma ta'u ta'ee qabxii tokko ni argata jedhe.
Gareen lachuu 1-1 xumuruun qabxii qooddatu jedhee tilmaame.
Sheefiild Yunaayitid - Barnileey
Kilaboonni lamaanuu haala gaarirra hin jiran. Gabatee Pirimerliigiin Barnileen 19ffaa yoo ta'u Sheefild ammoo 20ffaarra jira- lamaansaanituu wal-duraa duuban dhumarra hiriiranii jiru.
Yeroo karra eegan Barnilee dogoggora isaan galchiin irratti galee kilabicha qabxii sadi dhabsiisera.
Tapha kanaan Barnileen akka mo'amu dubbate Kiriis suutan. Warri Sheefild baay'ee yoo dhama'anis liigicha keessa bu'uunsaanii waan hin oolledha.
Kiriis Suutan taphichi Sheefild 1-2 Barnilee xumurama jedhe.
Wolvis - Arsenaal
Taphni kun Arsenaalif tapha murteessadha. Arsenaal torban darbe direesaarratti Aston Viiladhaan galchii 2-0dhaan qaaniidhaan mo'ame.
Torbanuma kana Baayermunikiin mo'amee dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessaa bahe. Har'as ni mo'ama taanan dorgommii waancaa Pirimeerligiif taasisu keessaa galuusaati.
Namoonni tokko Arsenaal humnasaa fixateera yoo jedhan ani garuu kanatti walii hin galu jedha Kiriis Suutan.
Tapha Astoon Viilaa wajjin taasisaniin Arsenaal dur beeknu sana hin argine. Rakkoo kana har'as deebisanii agarsiisu jedhee hin amanu jedha Kiriis.
Tilmaa Kiriis Suutan: Wolvis 0 - 1 Arsenaal
Evartan - Notingiham Foorast
Taphni kun bu'uu dhiisuf dorgommii du'aaf jireenyaa taasifamuudha jedhe Kiriis. Taphicha eenyu akka irra aanu tilmaamufuu nama rakkisa jedha.
Evartan tapha Cheelchii wajjin taphatan irratti wal-qixa xumuru jedhee tilmaamee garuu galchii walakkaa darzanaatu itti gale.
Taphoota darban 9 irratti tapha tokko qofa kan injifate Nootingiham Foorest tapha kanarraayis homaa hin argatu jedha.
Tilmaama: Evartan 2- 1 Notingiham Foorast
Aston Viilaa - Bornmaaz
Astonviilan sadarkaa 4ffaan xumuruuf Tootanhaam wajjin kokkee wal-qabee jira. Torbee darbe Emireetis deemee Arsenaal 2-0dhan garafee mirgaan gale.
Amma qabxii 60 sassaabbatee sadarkaa 4ffaarra taa'era. Har'as mirgi kanumasaati jedha Kiriis suutan.
Tilmaama: Aston Viilaa 2- 1 Barnimaaz
Kiriistal Paalas - Weest Haam
Torbee darbe Kiristaal Paalas dirree Liivarpuul diimee irra aanee gale. Eenyitu kana yaadee beeka? jedha Kiriis Suutan.
Eezeefi Oliisen gara dirreetti gaafa deebi'an Kiriistal Paalas gahuumsa addaa agarsiisa.
Lamaansaanii gaafa waliin hiriiran Kiristaal Paalas carraa gaaritu isaan mudata jedheen yaada jedha.
Tapha kanaan Kiristaal Paalas 2-1 Weest Haam jedhee tilmaame Kiriis.
Fuulhaam- Liivarpuul
Dilbata boruu taphoota akkaan eegaman keessaa Fuulham dirreesaaarratti Liivarpuul keessummeessa.
Liivarpuul torbee darbe akkuma Arsenaal qe'eesaatti salphate. Kiristaal Paalas galchii 1-0dhaan isa injifachuun dursummaa liigichaa Maansiitif dhiise.
Taphni har'a dirree Fuulham irratti taasisus salphaa itti hin ta'u. TapTapha waancaa Karabaayoo irratti Fuulham dirreesaatti Liivarpuul keessummeessee 1-1 wal-qixa galanii ture.
Tapha kanaanis wal-qixa galu jedhee tilmaame Kiriis Suutan.
Tilmaama: Fuulham 1-1 Liivarpuul