Gaazaatti boombii caalaa dhibeetu nama fixuu mala- WHO

Madda suuraa, AFP
Gaazatti bu'uuralen fayyaa deebi'anii akka hojjatan hin godhaman taanan, boombii caala dhibeen wal'aanamuu danda'u akka nama fixu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akeekkachiise.
Kaampiwwan baqattootaa Gaazaa bakka namoonni miliyeena 1.1 jiraatan keessatti dhibeewwan akka garaa kaasaafi sirna hargansuu fa'aa osoo yaalamuu danda'anuu sababa waraanan babal'ataa jiraachuu WHOn ibse.
Dhukkubsattoonni akka dhibee kaansarii fa'aas waldhaansa argataa hin jiran jedhame.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akeekkachiisa kana kan kenne waraanni Israa'elifi Hamaas gidduutti gaggeeffamu deeggarsi namootaa Gaazaa akka qaqqabuufi namoonni butaman akka gadi lakkifamaniif walii galteen waraana dhaabuu guyyootaf godhamuu hordofeeti.
Ji'a Onkoloolessaa keessa erga waraanni Israa'elifi Hamaas gidduutti eegalee Israa'el Gaazaa irratti duula waraanaa labsite. Sababa duula waraana kanaan lammiilen Filisxeem 14,800 ta'an du'uu Hamaas beeksise.
UN akka jedhetti hanga ammaa namoonni miliyeena 1.8 ta'an qe'eesaanirraa buqqa'aniiru. Isaan keessaa 60% kan ta'an bu'uuraalee UN 156 keessa buufatanii jiraachuu UNtti ejansiin baqattoota Filisxeem (UNRWA) beeksise.
Bakkeewwan qubsuma baqattootaa kanatti dhiibeewwan daddarbaan akka garaa kaasaa mudachuu dubbi himtuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan ta'an Dr. Margaaret Haaris ibsa miidiyaaf kennaniin himan.
Keessumaa fayyaan daa'immanii hammaachaa deemuu himuun waldhaansi homaatuu akka hin jirres himan.
Akka UN jedhutti, Kaaba Gaazaa keessatti hospitaalota shan qofaatu walakkaan hojjata. Kaabni Gaazaa ammoo bakka waraanni Israa'el irratti xiyyeeffatedha.
Kibba Gaazaatti ammoo hospitaalota jiran 11 keessaa saddeet qofaatu hojjata. Kanneen hojjatan saddeettan keessaa waldhaansa baqaqsanii yaaluu wal-xaxaa ta'e raawwaachuu kan danda'u tokko qofaadha.
"Sirna waldhaansaa iddootti hin deebisnu yoo ta'e, kanneen boombin du'aa jiran caalaa kanneen dhibeen du'uuf jedhan arguuf deemna," jedhan Dr. Margaaret.
Dubbi himaan UNICEF Jeemsi Ildar Gaazaa irraa karaa marsaa intarneetii gaazexeessitootatti akka dubbatanitti hospitaalonni Gaazaa ijoollee madaa'anii gidiraa hamaa keessa jiran arguu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ijoollen maatii isaanii waliin waraana baqatan bakka mataa keewwataniifi huccuu dhabuun, keessumaa waktii roobafi qorraa kanatti, rakkoo hamaaf saaxilamanii jiru.
Walii galtee waraana dhaabuu guyyaa arfan jalqabaatin konkolaatawwan deeggarsa namoomaa fe'an 800 ol Gaazaa seenuu, isaan keessaammoo muraaasni Kaaba Gaazaa dhaqqabuu qondaalonni US ibsaniiru.
Deeggarsa namoomaa barbaachisuun yoo wal-bira qabamu kan Gaazaa qaqqabe akka coba galaanati.
Haala uummanni Gaazaa amma keessa jiruun waraana itti fufuun waan yaadamu miti jechuun dhaabbataadhaan waraanni akka dhaabbatuuf ejansiiwwan UN gaafataa jiru.
Muummen Ministeera Israa'el ammoo walii galteen waraana dhaabuu erga dhumatee booda humna guutuun duula waraanaa akka itti fufan beeksisaniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Kaatar ammoo waraana dhaabuu kanatti fayyadamuun akkaataa itti waraanni kun guutummaan dhaabbaturratti akka hojjatan beeksise.
"Waan harkaa qabnurratti hundoofnee hojjataa jirra. Waanti amma harkaa qabnu waraana dhaabuun guyyoota dabalataaf akka dheeratu nu taasisuudha, kunis hanga Hamaas nama 10 illee yoo ta'e gadi lakkisutti," jedhan Majeed Ansari.
Hamaas ammoo namoonni Israa'el jalaa butaman kaan harkasaa akka hin jirreefi garee Palestinian Islamic Jihaad harka jiraachuu ibsuun walii galteen waraana dhaabuu akka dheeratu gaafatee ture.
Gama biraan ammoo walii galteen waraana dhaabuu bifa xiqqaa ta'een cabuufi Israa'el loltoonnisheellee jalaa miidhamuu ibsitee turte.
Loltoota Hamaasifi Israa'el jidduu walitti bu'iinsi muraasni jiraachuufi kanaaf ammoo lamaansaanituu quba walitti qaban.
Gaazexeessan Gaazaa jiru BBCtti akka himetti namoonni hedduu waraanni yeroo gabaabaf dhaabbachuu kanatti fayyadamuun gara Kaaba Gaazatti deebi'uuf yaalaa akka jiraniifi loltoonni Israa'el ammoo akka isaan hin deebineef dhukaasa akeekkachiisaa itti dhukaasaa turan.












