Raashiyaan konkolaataa bara Sooviyeeti deebistee oomishuu eegalte

Maxxanfame

Raashiyaan dhaabbata Renault duraanii keessatti konkolaataa bara Gamtaa Sooviyeetii oomishuu eegalte

Raashiyaan weerara Yukireenii hordofee warshaa konkolaatawwan Renault cufamee turre erga to’annoo mootummaa jala galchiiteen booda, amma konkolaattota bara Sooviyeetii oomishuu eegalate.

Oomisha konkolaatichaa kan eegale Kamaz oomishaalen jalqabaa baatii dhufaa keessa gabaaf dhiyaatu jedheera.  

Raashiyaan Yukireen weeraruu hordofee qoqqobbii biyyoonni lixaa Raashiyaa irra kaa'aniin dhaabbanni Faransaayi Renault Raashiyaa keessaa dhiisee kan bahe.

Warshaan amma deebiisee hojiisaa eegale kunis konkolaataawwan jaarraa Soviyeeti dizaayina fooyya’e oomishuun gabaadhaaf kan dhiyeessu ta’a jedhameera.

Waraanichaan walqabatee dhaabbiilee addunyaarratti maqaa guddaa qabaniifi Raashiyaa keessaa bahan keessaa Maakdoonaald fi Istaarbaaks ni argamu.

Raashiyaan weeraraYukireen irratti raawwatteef deebii kennuuf jecha qoqqophaan biyyoonni lixaa irra kaa’aniin kan turan yoo ta’u galteewwan biyya alaatii galchitu akka dhabdu taasisuu irratti kan xiyyeeffate ture.

Dhaabbanni Kamaz kan warshaa teeknoloojii konkolaataa oomishu ta’udhaaf Adooleessa keessa waliigaltee mallatteessee ture.

Kana malees, mootummaan Raashiyaa dhaabbata Chaayinaa konkolaataa oomishu JAC waliin hojjataa jiraachuu Rooyitarsi madda maqaan hin eeramin caqasuun gabaaseera.

Kazan ibsa baaseen akka jedhetti, galteewwan oomisha konkolaataatiif barbaachisan argachuuf dhiyeessitoota biyya keessaa wal jalaan cimsuu akka yaadee ibsuun, yeroof garuu oomishi isaa murtaa’aa akka ta’u himeera.

Haata’u malee dhaabbatichi baatii tokko ittaanuu keessatti konkolaataawwan 600 ta’a omishuuf hojjataa jiraachu himeera.

Bara haaraa (2023) keessa ammo hammi omisha isaa gara konkolaatoota kuma 100 kan qaqaban yoo ta’u, isaan keessaayis muraasni kan annisaa elektirikaatiin hojjatan ta’u jedhame.

Walumaagalattis, erga waraanni Yukireen eegalee as baayyinni konkolaataa raashiyaatti tolfamanii haalaan hir’ateera.   

Akkasumas hammi konkolaattoota bara kana keessa gurguramaniin miiliyoona tokkoo gadi bu’uu akka malu eegama.

Kunis seenaa Raashiyaa hammayyaa keessatti gurgurtaa gadaanaa yeroo jalqabaatiif mudatu akka ta’u Rooyitarsi gabaaseera.