Ga'een koo galaa Alii Birraan kaa'ee deeme dhalootaaf dabarsuudha - Lillii Birraa

Ali Birraan waggoota 50 oliif walleewwan Afaan Oromoofi kaaniin weellisuun kabajaa guddaa horate

Madda suuraa, Ali Birra Foundation/ Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Ali Birraan waggoota 50 oliif walleewwan Afaan Oromoofi kaaniin weellisuun kabajaa guddaa horate
Maxxanfame

Maqaa artistii gameessa Oromoo Alii Birraan kan hundeeffame Faawundeeshiniin Alii Birraa hojii eegaluufi.

Faawundeeshiniin kabajaa fi jaalala artistii kanaaf hundeeffame kun, ''duudhaa fi beekumsa inni jireenyasaa guutuu gabbifate kunuunsuu fi qindeessuun dhalootaaf dabarsuu kan kaayyefatedha,'' jedhan haati warraa isaa Aadde Lillii Birraa.

''Maqaa Alii Birraan dhaabbata hundeessanii gaggeessuun hojii bal'aa fi guddaa waan ta'eef nama tokko yookiin qaama tokko qofaan kan raawwatamu miti. Kanaafuu waan karoorfanne raawwachuuf tumsi ummataa murteessaadha.''

Alii Birraa wayita umriin addunyaa kanarra turetti karaa walleesaa kan leellisaa ture keessaa dhimmi adda durummaan eeramu waa'ee barnootaati.

''Kanaaf kaayyoo gooroon faawundeeshinii kanaa dhaloota sadarkaa gadiirraa kaasnee barsiisuun ga'oomsuudha,'' jedhan Aadde Lilliin.

Gargaarsi namoomaas duudhaa Alii Birraa ittiin beekamu keessaa tokko waan ta'eef kaayyoo faawundeeshinii kanaa keessa galeera jedhan.

Muuziqaa fi aartiin ogummaa ittiin karaa nagaan yaada ofii ibsataniidha kan jedhan Aadde Lilliin, ''akkaadaamii muuziqaa fi aartii maqaa Alii Birraan ni hundeessina,'' jedhan.

''Akkuma Alii Birraa jechaa ture dhaloota xiqqummaarraa barnootaan qaruudha kaayyoon keenya. Warra ogummaa qofarratti xiyyeeffanna osoo hin taane xiqqummaarraa kaasnee daa'imman barsiifna. Haala kanaan duudhaa Alii Birraa isa dhugaa kunuunsuu dandeenya.''

Faawundeeshiniin dhihootti hundeeffamu kun guyyaama tokko labsamee guyyaama sana galma isaa milkeessee waan dhababatu miti jedhu Aadde Lilliin.

''Faawundeeshinii kana hundeessuu jechuun ummataaf balbala banuu jechuudha. Guyyaa tokkoon waan goolabamu miti. Adeemsaan kan milkaa'aa deemudha,'' jedhan.

''Faawundeeshinii kana sochoosuuf sagantaa maallaqa walitti qabuu ni mijeessina, namoota dhuunfaa fi dhaabbilee miti mootummaas ni hirmaachisna,'' jechuun dhimma madda maallaqaa isaanii ibsan.

Garuu faawundeeshiniin kun jaarmiyaa bal'aa ta'ee akka itti fufuuf tumsi hawaasa bal'aa murteessaa ta'u dubbatan.

Alii Birraa fi Lilliin kanaan duras waliin ta'uun ijoollee abbaa fi haadha isaan gargaaran hin qabne baasii isaanii danda'uun barsiisaa turan.

Faawundeeshiniin amma maqaa Alii Birraan hundaa'e kun ittiin fufiinsa hojii tola ooltummaa sanaatii? jennee kan gaafanneef Aadde Lilliin akkas jedhan.

''Lakki sun seenaa biraadha. Kun waan haaraa mataasaa danda'edha. Sanarra guddaadhas.''

Sagantaan tola ooltummaa sun wayita isaan Kanaadaa jiran eegalamuu kan ibsan Aadde Lilliin ''wayita sana Aliitti dhukkubi deddeebi'aa waan tureef isa dhukkubsachiisuutti ko'oommadheen baayyee deemuu hin dandeenye,'' jedhan.

''Ijoolleen nuti yeroos gargaaraa turre garuu amma jiruu fooyya'aatti ba'aniiru.''

Amma ammoo hojii tola ooltummaa sanarra bal'isuun dhalootaaf waa gumaachuu eegalleerra jedhu.

''Alii Birraa malee jiraachuun ni ulfaata''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Waa'een Alii Birraa wayita ka'u yeroo hunda miira keessan gala, hanga yoonaa na biraa hafuu hin dandeenye. Isa of dhabee jiraachuun ni ulfaata. Garuu of to'adhee, yeroo hedduu waa hojjechuudhaan dabarseen dagachuuf yaala.''

Alii Birraa qaamaan na bira jiraachuu baatus yeroo hunda haalaa fi amala isaa of biraa dhabee hin beeku jedhu Aadde Lilliin.

''Gargaarsa namoonni naaf taasisan hunda keessatti Aliin arga. Yeroo hunda akkan jabaachuu qabu waadaa seenaafiin ture. Kanaaf waadaa sana eeguuf jedheen of jabeessa.''

Alii Birraa dantaasaaf dursa osoo hin kennin anaafis, ummata cunqurfamaa hundumaaf qabsaa'aa ture kan jedhan Aadde Lillii, ''hojiin koo duudhaa inni kaa'ee darbe dhalootaan ga'uudha,'' jedhan.

''Faawundeeshinii tokko hundeessanii itti fufsiisuun ni ulfaata. Garuu dhalooti jaalala Aliif qaburraa ka'uun duudhaasaa kunuunsee dhaloota itti aanuuf ni dabarsa jedheen abdadha,'' jechuun himu.

''An guyyaa tokko as jiraachuu dhiisuun danda'a. Garuu duudhaan Alii ammoo akka darbee jiraatun barbaada. Faawundeeshinii kana kophaa koo gaggeessuuf humna hin qabu. Garuu hundeessee dhaloota Alii jaallatutti dabarsuun dirqama kooti.''

Namni kaayyoo faawundeeshinii kanaatti amanu kamuu amantiin, lagaan, sabaan osoo wal hin qoodin akka tumsus gaafatan.

Faawundeeshinichi erga hojii eegale booda maallaqa jaarmiyaa kana ittiin jabeessan walitti qabuu akka eegalu ibseera.