Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finfinneetti har'a manneen barnootaa cufamuun barame
Magaalaa Finfinneetti har’a Guraanndhala 10, 2023 manneen barnootaa cufaa akka oolan mana barnootaa ijoolleen isaanii itti barataniin itti himamuu maatiiwwan BBC’tti himan.
Magaalaa Finfinneetti maatiiwwan maneen barnootaa naannoo adda addaa afuritti ijoollee isaanii barsiisan, manneen barnootaa daa’imman isaanii itti baratan irraa hubachuu akka danda’anitti, Jimaata har’aa barnoonni akka hin jirree itti himamu BBCtti himan.
Ergaawwan karaa miidiyaalee hawaasaa adda addaatiin maatiiwwaniif ergameefi BBC ilaaleen, ‘‘haaluma biiroo barnootaa bulchiinsa magaalatiin ajajameen Guraandhala 10, 2023tti barnoonni akka hin jirre’’ ibsameera.
Maatiiwwan kaan ammo guyyaa har’aatti barnoonni akka hin jirre jecha afaanitiin ijoollee isaaniitti himamuu akka dhagahan BBCtti himan.
Haata’u malee, maatiiwwan hunduu sababii manni barnootaa guyyaa tokkoof akka cufamu taasifameef ilaalchisee wanti ibsameef homtuu akka hin jirre dubbataniiru.
Akkuma beekamu yeroo seemistara jalqabaa xumuramuun barattoonni erga boqonnaa irra turaniin booda, deebii’ee barnoonni seemistara lammaffaa kan eegale guyyoota muraasaan dura ture.
BBCn sababii maneen barnootaa akka cufaman itti taasifamee biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee irraa qulleeffachuuf yaaliin taasifamee milkaa’u baatulleen, daareektarri maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan tokkoo garuu walgahiin barsiisoota waliin taasifamu ni jiraata jedhamuu ibsaniiru.
Akkas haa jedhamu malee, isaan dura walgahichi jiraachuu ilaalchisee wanti beekamu akka hin turreefi waa’ee ajandaa walgahichaas omaa akka hin beekne dubbatan.
Barsiisaan gara biraa tokkoos gamasaanitiin, walgahiin jiraachuu ilaalchisee omaa akka hin beekneefi kanaan dura garuu wayita walgahiin jiraatutti guyyootaan dura barsiisoti akka beekan akka taasifamu BBCtti himaniiru.
Maatiiwwan tokko tokkoo ammo manni barnootaa cufamuun tarii wal dhabdee mana amantaa Ortodoksii keessatti umameen kan wal qabate ta’uu danda’a tilmaama jedhu akka qaban dubbatanii, barattoonni mana akka oolan taasifamuun waan gaarii ta’uu himan.
Wal dhabdeen torban lamaan dura mana amantaa Ortodoksii keessatti umamee amma cimaa adeemuun dureewwan bataskaanichaafi hordoftoonni akkasumas amantoonni warra batasikaanicha keessaa bahan bira darbuun mootummaa irratti mormii dhageessisaa jiru.