Badhaasi haaraa MM Abiy Ahimed argatan maali?

Madda suuraa, PMO/TWITTER
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimed Badhaasa Looreetii Faayinaansii ‘Global Islamic’ 2022 jedhamu argatan.
Badhaasni kun hojii MM Abiy haaromsa damee faayinaansii keessatti fidaniif akka kenname waajjirri MM fuula Tiwiiterii isaa irratti maxxanse.
Baankiin Islaamaa Itoophiyaa keessatti akka banamu gochuuf hojii hojjetaniif badhaasichi kennameef.
MM Abiy Fulbaana 13,2022 sirna kakuu galuu pirezidaanti Wiiliyaam Ruutoo irratti argamuun booda gara Jibuutiitti imaluun Kora ‘Global Islamic Finance’ 2022 irratti argaman.
Kora kana kan dursan pirezidaantii Jabuutii Usmaa’el Umar Giilee yoo tahu, MM Abiy keessummaa kabajaa tahuun koricha irratti argamanii badhaasicha fudhataniiru.
‘’Itoophiyaan damee faayinaansii irratti haaromsi hojjetaa jirtu ija hawaasa idil-adunyaan beekamtii argataa jira. Badhaasa kana argachuu koof gammadeera,’’ jedhan Dr Abiy.
Kora kana irratti gaggeessitootnii fi namootni indastirii faayinaansii adunyaa keessatti shoora ol aanaa bahatan 15 ardiilee shan irraa badhaasicha argataniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
MM Abiy bara 2018 badhaasa Noobelii Nagaa injifatanis, booda morkiin gidduu isaaniitti mudate bal’achaa deemuun TPLF waliin gara waraanaatti galaniiru.
MM Abiy erga gara aangootti dhufanii haaromsa fidan keessaa tokko dame faayinaansii irrattidha.
Kana dura biyattiitti bifa hin baramneen tajaajilli baankii Islaamaa akka jalqabu taasisaniiru.
Baankiin dhala hin qabne ykn dhala irraa bilisa ta'e 'Islamic Bank' jedhamuun waamama.
Baankiin Itoophiyaaf haaraa ta'e kuni biyyoota adda addaatti maqaa gara garaa qaba.
Waggoota muraasa dura Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa baankiin addatti ykn qofaatti tajaajila dhala hin qabne kennu akka hundaa'uuf eeyyamee ture.
Yeroosuma garuu murtiin kuni gara tajaajila foddaa- jechuunis baankiileen tajaajila dhala qabu kennan biratti tajaajila dhala hin qabne akka eegalan eeyyamameef.
Baankiiwwan tajaajila dhala hin qabne dura aantummaan kanneen eegalan keessaa Baankiin Intarnaashinaala Oromiyaa isa hangafaati.












