MM duraanii Taayilaand jiruu baqaa waggaa 15 booda akkuma biyyatti deebi'aniin hidhaman

Madda suuraa, Reuters
Ministirri muummee duraanii Taayilaand Taaksin Shinaawaatraa jiruu baqaa waggaa 15 booda wayita biyyasaaniitti deebi'an hidhaman.
Garuu ministirri muummee duraanii kun yeroo muraasa qofa hidhamanii ba'uuf mootummaa waliin waliigalteerra akka ga'an amanu.
Qondaalli olaanaan Taayilaand Kibxata har'aa (Hagayya 22, 2023) ganama xiyyaara dhuunfaa isaaniin ture kan biyyasaanii galan.
Qondaalli umrii waggaa 74 Taaksin Shinaawaatraa yeroo lama ministira muummee ta'uun kan filataman yoo ta'u, fonqolcha mootummaa bara 2006 biyyattii keessatti gaggeeffameen aangoorraa kaafaman.
Aangoorraa buufamanii waggaa lama booda malaammaltummaan wayita himataman miliqanii biyyaa ba'an.
Himannaa malaammaltummaa irratti baname kanaan ajandaa siyaasaati jedhu qondaalli kun.
Waggoota dila kana Yunaayitid Arab Imireetis magaalaa Dubaayi jiraachaa turan.
Yakkoota hanga ammaa ittiin himatamaniin adabbiin hidhaa hanga waggaa saddeetii irratti murameera.
Qondaalli siyaasaa filannoodhaan aangoo qabatan kun Taayilaand keessatti hoogganaa akkaan milkaa'anii fi guddoo sodaataman turan.
Deeggartoonni sirna mootolee duraaniitti cichan humna waraanaa biyyattii fonqolchaan aangoo qabatan tumsu.
Dhimma MM duraanii irratti adeemsa dhaddachaa falmisiisaa ta'e deeggaruun ministira muummee kana dadhabsiisuuf hojjetaa akka turanis himama.
Amma namni akkaan sodaatamaa turee fi tujaara telekoomii biyyattii harkaa qabaachuun beekamu deebi'ee biyya galeera.
Wayita buufata xiyaaraa Baankook ga'an deeggartootni isaanii dhibbaan lakkaa'aman simannaaf ba'anii turan.
Ijoolleesaanii lamaan waliin yeroo muraasaaf buufata xiyyaaraa wayita turanitti suuraa warra mootummaa buufata xiyyaaraa sana bareechee jiruuf kabaja qaban dhaabbatanii ibsaniiru.
Achirraa kalltiimaan gara mana murtii geeffamanii himati irratti baname erga dhaggeeffatamee booda adabbiisaanii hidhaa waggaa sadeetii fudhatan.
Battaluma sana mana hidhaa Baankook Riimaand geeffaman.
Manni hidhaa kun nageenyi nama siyaasaa gameessa kanaa eegamaa ta'uu ibse.












