Maanchistar Yunaayitid v Liivarpool: Miira dunquqqaa’aa, ‘abaarsa falfaltuu’, injifachuu dadhabuufi wantoota beekuu qabdan

Tapha Maan Yuunaayitidii fi Liiverpuul

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Maanchistar Yunaayitid fi Liivarpuul waancaa Piriimiyar Liigii Ingilaandi 39 injifachuun kilaboota hundarratti caalmaa qabu.

Garuu morkattoonni lamaan kun Wiixata galgala Oldi Tiraafoorditti yoo wal-argan, erga dorgommiin bara kanaa eegalamee as injifannoo jalqabaa argachuuf wayita yaalaa jiranittidha.

Yunaayitid taphoota jalqabaa lamaan injifatamaniiru, Liivarpuul ammoo lamaanuu wal-qixa ba’ani. Yunaayitid yoo tapha kana mo’aman, taphoota xumuraa lamaan bara darbe mo’aman dabaluun walitti aansanii injifatamuun seenaa badaa bara 1972 as kan galmeessisan ta’a.

Daarwiin Nuuneez kaardii diimaan kan dhaban Yergan Kilooppi, miidhamuun taphattootaas isaan yaaddessaa jira.

Akkaataa qabiinsa kilabichaa ilaalchisuun deeggartoota Yunaayitidiin abbootii qabeenyaa irratti mormiin haaraa akka geggeeffamu kan eegamu yoo ta’u, dirree alaafi dirree irratti waan qalbii hawwatu argisiisa jedhamee eegama.

Liivarpuul Oldi Traafoorditti injifachuu eegalaa laata?

Yunaayitidoonni akka malee wayita waan qabanii dhiisan wallaalan kanatti, Liivarpuul olaantummaa taphoota darban irratti qaban fidanii dhufu taanaan, qabxii sadii jalqabaa kan bara kanaa fiduun waan shakkii hin qabnedha.

Taphoota 8 darban kilaboonni lamaan geggeessan keessaa Liivarpuul qabxii 18 sassaabuun olaantummaa fudhatu, Yunaayitid yeroo dhumaaf 2018’tti Liivarpuuliin erga mo’anii as, leenjistoota lama Hoozee Mooriinhoo fi Soolshaayer ari’uun, yeroo gabaabaaf Kaariik akkasumas Raalfi Raanyiik muudanii buusuun leenjisaa haaraa Eeriik Teen Haag muudaniiru.

Liivarpuul 2002 asitti yeroo jalqabaaf taphoota afur walitti aansuun Yunaayitidiin injifachuuf akkasumas qabxii sadii jalqabaa argachuuf yaalii kan taasisan ta’us, taphoota lamaan darban irratti qabxii gatuun isaanii akkasumas tapha jaha booda galchiin dursa itti lakkaa’amuun Kilooppiif mata-bowwuudha.

Rakkoo isaan mudate kana furanii Oldi Tiraafoorditti abbaa injifannoo ta’uu laata?

Dhimma Roonaaldoo furtuu dhabeefi morkiin ala ta’uu kilabichaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Onkololeessa darbe Yunaayitid wayita Liivarpuuliin keessummeessanitti, Leestariin 4-2 injifatamanii waan deebi’aniif miirri ture badaadha. Baranammoo inumaa 4-0’n Bireentifoordiin erga mo’amanii booda wal-arguun isaanii miira jiru daran balleesseera.

Bireentifoordiin akkasitti mo’amuu isaanii hordofee, Waldaan Deeggartoota Yunaayitid ibsa jabaa base jira.

‘‘Akkuma yeroo hunda jennutti, qurxummiin mataarraa tortoruu eegala, maatiin Gileezaris haala badaa kilabichi keessa jiruuf itti gaafatamummaa fduhachuu qabu’’ jedha ibsichi.

Taphataa Biraaziil tibbana mallatteesse Kaasemiiroo dabalatee, Liisaandiroo Maartiineez, Taayrel Maalaasiyaa fi Eriiksen taphattoota kilabichi bitatedha.

Haata’u malee, sochiin badaan bara darbee baranattis ce’uun, taphoota 8 irraa qabxii 24 argachuu qaban keessaa afur qofa sassaabani. Tapha Noorwiich waliin taasisan irratti Roonaaldoon haattiriik hojjechuun 3-2 erga mo’anii as, tapha tokko injifachuun tokko qixa ba’anii jahaan ammoo injifatamaniiru. 

Taphoota michummaaf kan hin argamne Roonaaldoon, kilabicha dhiisee deemuufi oduun jedhu ammallee inuma tamsa’a, innis dhiheenya kana ‘dhugaa jiru’ na hima jedheera.

Tapha jalqabaa geeddaramee galuun, isa lammaaffaa ammoo guutummmaatti kan taphate Roonaaldoon, kilabicha rakkoo jiru keessaa nibaasamoo? Kan jedhu gaaffii guddaadha.

Teen Haag ‘yoo moonus yoo mo’amnus walumaani waan ta’eef ebaluuf ebalu jechuu hin barbaadu’ jedhu. Waan kilabichiifi deeggartoonni argachuu qaban kennuufii qabna isa jedhurratti xiyyeeffachuun.

Falfaltuun mana Liivarpuul jeeqaa jirtii laata?’

Barri dorgommii kun erga eegalamee ammallee yeroo gabaabaa ta’us, Liivarpuul qabxii sadii jalqabaa argachuu qabu. Sanas kan godhan kaardii diimaan tapha Paalaas waliin tasisan irratti kan ba’e Nuuneez osoo hin qabatini.

Tapha Boornimaz waliin Hagayya 27 taasifamuufi kan hagayya 31 Niiwukaasil waliin geggeffamu irrattis taphataan kun hin argamu.

Tiyaagoo Alkaantaaraa, Diyoogoo Jootaa, Kartis Joonsi, Jool Maatiippi, Firmiinoo, Chaambarleen fi Koonaatee miidhamaan kan dhaban Kilooppi, Nuuneez ilaachisuun taphataan kun garichaaf faayidaa akka kennuuf ‘hojiiin irratti hojjetamuu qabu jira’ jechuun yaada kennaniiniru.  

Miidhamuu taphattootaa ilaalchisuunis, ‘‘Torbee rakkisaa dabarsine, guyyaa guyyaan namni ta’e nimiidhama, maaltu ta’aa jira akka jettus sitaasisa, falfaltuun mana kana seentee jirtimoo?’ jechuun dubbatani.