'Rakkoo guyyaa Kibxataa uumameen namni lama nu jalaa miidhameera' - Bulchaa Aanaa Fantaallee

Madda suuraa, KEREYU PRESS/FACEBOOK
Walitti bu’iinsa hidhattoonni Faannoo naannoo ollaa kan taatee Amaaraa irraa karaa daangaatiin Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee keessatti guyyaa Kibxataa raawwataniin namoonni lama miidhamuu bulchaan aanichaafi jiraataan BBC’tti himan.
“Naannoo Irraan Buutee irratti jarri hidhattoota Faannoo uummata eeggatanii lolan. Akkasitti nama lama waraanan. Lola hamaatu ture,” jedhan jiraataan Aanaa Fantaallee Obbo Mahaammad Awwal.
Walitti bu’iinsa guyyaa Kibxata ALI Hagayya 02, 2015 godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee tureen namoota lama irratti miidhaan gahuu Bulchaan Aanaa Fantaallee Obbo Boruu Jiloo BBC’tti himaniiru.
“Haala yeroo ammaa waliin walqabatee humna horsiise bulaa keenyaan ala humni finxaaleyyii guyyaa Kibxataa rakkoo uumee jira,” jedhan.
“Rakkoo mudateenis namni lama nu jalaa miidhameera. Silaa namni nujalaa miidhamuu hin qabu,” jechuun haala guyyaa Kibxataa ture ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuunis hidhattoonni Faannoo haleellaa Wiixata darbe magaalaa Naannoo Oromiyaaa Mandiidaa kan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuufi Nya’aatti raawwataniin lubbuun miseensoota poolisii Oromiyaa lamaafi barataa tokkoo darbuu qondaalliifi jiraataan BBC'tti himuunisaanii ni yaadatama.
Taateen haleellaa hidhattoota Faannoo kunis yeroo humnoonni federaalaa sochii hidhattoota kanaa to'achuuf Labsiin Yeroo Muddamaa Naannoo Amaaraatti labsuun tarkaanfii fuhachaa jiraachuu itti himeetti dhagahame.
Dhimma haleellaa kanarrattis qoondaala aannaa Fantaalleefi jiraattoonni kan jedhanii alatti naannoo Amaaraafi ta’e ykn hidhattoonni himataman kunneen wanti jedhame hin jiru.
Aanaa Fantaalleetti ammoo walitti bu’iinsichi iddoowwan Irraan Buutee fi Arroollee jedhamanitti uumamuu kan himan jiraataan aanaa Fantaallee Obbo Mahaammad Awwal, “lafa uummataa bakka duraan ilmooleefi re’een keessa ooltu keessa seenanii dursanii iddoo qabatanii eeggatan. Ganama subii naannoo sa’aa 1:00 yoo ta’u lolli ka’e,” jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Lolli sunis kan qindaa’eedha. Irraan Buuteerraa kaasee Arroollee bal’aan hanga Funyaan Waangayyoo gahutti, hanga Qorkee gahutti jarri waraana guddaa galchitee uummata eeggatti,” jedhan.
Hidhattoonni kunneen naannoo Amaaraa aanaa Minjaar Shankooraa irraa kan dhufan ta’uu kan dubbatan jiraataan kun, qaamoleen kunneen irra deddeebiin aanicharratti haleellaa raawwataa kan turan ta’uu himu.
“Humna isaaniitu yeroodhaan dabalaa deema malee taateen kun waan yeroo dhiyootii as qofa ta’e miti. Warra qaataa hidhatee, uffatas of danda’aa akkuma waraanaatti qabu, kan meeshaa hidhannoo guutuu qabudha,” jedhan.
Gama biraatiin ammoo, “Meeshaan isaan qabanii fi horsiise bulaan keenya qabus wal hin gitu. Guyyaa Kibxataas meeshaan gurguddaa dhuka’aa akka ture odeeffannoo hawaasa keenyarraa dhageenyeerra,” jechuun bulchaan aanichaa Obbo Boruun haala ture himaniiru.
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee naannoo Qorkee jedhamutti bara darbe Bitootessa 29, 2022 keessa haleellaa hidhattootaan raawwatameen milishoonni godinichaa fi miseensoonni poolisii federaalaa 26 ta'an ajjeefamanii, 15 kan ta'an ammoo madaahuu gabaafnee turre.
Qaamni hidhateefi eenyummaan isaa ammatti adda hin baane milishoota gareen socho'aa turan irratti dhukaasa banee miidhaan qaqqabeera jechuun ture bulchaan godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo kan BBCtti himan.
‘Iddoowwan haaraa hin qabanne’
Hidhattoonni Faannoo haleellaa amma raawwatan illee iddoowwan duraan qabateen ala iddoowwan haaraa qabate akka hin jirre Bulchaan Aanaa Fantaallee Obbo Boruu Jiloo BBC’tti himaniiru.
“Humni horsiise bulaa keenya miidhe yeroo baay’ee ajjeechaa namaatiif kan deemani, daangaa diiguudha kan deeman, lafa mataruudha, lafa qotuudha,” jechuun kaayyoo haleellaa hidhattoota Faannoo jechuun himatan kanneenii ibsan.
“Fakkeenyaaf, Irraan Buuteen daangaa keenya keessa. Achii gadi dhufuudhaan kan horsiise bulaa miidhuutu jiran. Iddoowwan duraan qabatan malee guyyaa kaleessaa daangaa keenya darbanii hin qabanne,” jechuunis himan.
Haala guyyaa Kaleessaa (Roobii ALI Hagayya 03, 2015) ilaalchisee kan gaafataman angawaan kun, “Haalli guyyaa Roobii ture naguma. Rakkoon uumame hinjiru,” jedhan.
Kana malees, “uummata keenya Abbootii Gadaa, jaarsoolii biyyaa hubachiisnerra. Tokkoffaa horiin isaanii gara daangaa saniitti dhiyaatee miidhaan akka irra hin geenye hubannoo kennineerra. Lammaffaa immoo daangaa ofii eeggachuu akka qabanis hubachiisnerra,” jedhan.
Gama biraatiin ammoo Aanaan Fantaallee naannoo Amaaraa jalatti kan argamu Aanaa Minjaar Shankooraa waliin waldhabdee daangaa bubbule akka qaban dubbatu jiraattonnii fi aangawoonni.
Walitti bu’iinsawwan irra deddeebiin mudatanis lubbuu namaa galaafachaa fi mancaatii qabeenyaa qaqqabsiisaa turan.
aanaa kana keessatti haleellaan irra dedeebiin mudatuun lubbuu namaa darbaa tureera. Bara 2021 keessas haleellaa irra gaheen abbootiin Gadaa Karrayyuu ajjeefamuu isaanii ni yaadatama.
Oduu kana keessatti jalqaba namoonni miidhaman akka du'anitti waan ibsameef sirrateera.












