Haala du'aa weellisaa Maadingoo Afawarq qorachaan jira jedhe poolisiin

Madda suuraa, EBC
Artiistiin maqaa guddaa Maadingoo Afawarq Kibxata ganama boqochuu Komishiniin Poolisii Finfinnee beeksise.
Du'a weellisaa Maadingoo Afawarq jalqaba kan gabaasan miidiyaalee biyya keessaa yoo ta'an, weellisaan kun yeroo dheeraaf dhukkubsachaa waldhaansarra akka ture himan.
Rakkoo fayyaa isa mudatee tureefi haala du'a isaarratti garuu odeeffanoon dabalataa kennan hin jiru.
Komishinii Poolisii Finfinneetti dubbii himaa kan ta'an Komaandara Itti aanaa Maarqoos Taaddesee weellisaa Maadingoon ganama har'aa sa'aa sadiitti boqochuu BBC'tti himan.
''Ragaa hanga ammaa jiruun ganama naannoo sa'aa 1:30tti hakiima isaaf akka bilbile ibsame.
Achii booda gara mana yaalaa deeme. Achittis qoricha dhukkubbii wayyeessu, pain killer naa kenni jedhee qorichoota muraasa fudhachuu fi boodas sa'aa sadii irratti lubbuun isaa darbuudha.''
Ammatti sababiin du'a isaa dogoggora waldhaansaatiini moo haaluma uumamaani kan jedhamu akka beekamuuf qorannoon reeffaa hospitaala Abeetiti raawwatamaa jiraachuu ibsan.
Poolisiin du'a weellisaa kanaan walqabatee iyyani waan isa qaqqabeef dhimmicha adda baasuuf qorannoo akka gaggeessaa jiraachuus himan.
Hakiimni weellisaa kanaa waajira poolisiitti yaadni irraa fudhatamee gadhiifamuus Itti aanaa Komaandar Maarqoos dabalanii himaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Ministirri Muummee Abiy Ahimad du'a weellisaa Madiingootti gaddi itti dhagaahamuu kan ibsan yeroo ta'u ''weellisaan kun umrii isaa gabaabduu keessatti ogeessa waan baayee dalage. Biyyi wayita waraanamte dhukkubbii isaa dandamate raayyaa gootomseera. Leenjitoota jajjabeesseera.'' jedhan.
Dinqisiifattootni isaa hedduun fuula miidiyaa hawaasaarratti gadda isaanii ibsaa jiru.












