Magaalaan Finfinnee hayyama daldalaa dabalatee tajaajila 46 qaamni sadaffaan akka raawwatuuf dabarse

Maxxanfame

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhimmoota hayyama daldalaa ilaallatan hunda dabalatee tajaajilootni mootummaa 46 qaama sadaffaan akka kennamu dabarsee kennuufi.

Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee yaa'ii idilee Wiixata Sadaasa 20, 2023 gaggeessee murtee dabarse keessaa tokko tajaajiloota bulchiinsichi kennu keessaa hanga ta'e qaamni sadaffaan akka raawwatu gochuudha.

Sadarkaa Kantiibaa Itti Aantuutti Hooggantuun Biiroo Siivil Serviisiifi Misooma Humna Namaa Aadde Hikmaa Kaayireddiin yaada BBCf kennaniin, tajaajjilootni qaama sadaffaan akka raawwataman dabarfaman kanneen waajiraalee shaniifi hospitaalotaati jedhan.

Wajiraaleen bulchiinsichaa tajaajila isaanii dhaaba dhuunfaaf adaraan dabarsan Daldala, Geejiba, Misooma Manneenii fa'aa akka ta'an dubbataniiru.

Abbaan Taayitaa Hayyama Ijaarsaa fi to'annoo akkasumas Abbaan Taayitaa hayyama konkolaataa fi konkolaachisaas tajaajilli kennan gariin qaama sadaffaan akka kennamu murtaaheera.

Hospitaalotni bulchiinsa magaalichaa jalatti bulan Yekkaatit 12 fi Raas Dastaas akkasuma qaama sadaffaan tajaajilli isaanii akka hoogganamu murtaaheera.

Akka Aadde Hikmaan jedhanitti tajaajilootni dhaabbileen dhuunfaa akka hoogganaan dabarfamuuf murteen irratti darbe lakkoofsaan 46 dha.

Hayyama daldalaa kan ilaallatuufi gidduugaloota daldalaa bulchuunis tajaajiloota qaama sadaffaan raawwataman ta'uuf adeemu.

''Tajaajiloota dhaabbileen mootummaa kennan si'ataa, kan qulqullinasaa eeggateefi daran milkaahaa gochuufi'' jedhan Aadde Hikmaan sababa murteen kun darbeef yoo ibsan.

Gaaffii tajaajilamaan tajaajila gaarii argachuurratti kaasaa jiruu kan jedhan hooggantuun kun, ''gaaffilee kanaaf deebii kennuuf jecha dameeleen dhuunfaa bu'aaf waan hojjetaniif, bu'aa isaaniif jecha uummatatti siiqanii hojjetu'' jedhan.

Dabalataan ammoo ''mootummaan tajaajiloota hundarratti xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu hanqachuu danda'a'' jedhan. Murteen kun mootummaan hojii to'annoo fi raawwii seerotaafi dambiiwwanii akka jabeessu carraa uuma jedhan.

Dhaabbileen dhuunfaa tajaajiloota kunniin kennan kan filataman caalbaasiidhaan ta'uus dubbataniiru.

Dhaabbileen waldaan gurmaa'anii hojjetaniifi kaanis hiree tajaajiloota kunneen kennuu akka qabaatanis dubataniiru Aadde Hikmaan.

Tajaajilootni kunniin qaama sadaffaan akka bulan murtaahus, raawwii tajaajiloota kanaa mootummaan akka hordofamu dubbataniiru.

''Fakkeenyaaf istaandardiiwwan hayyama daldalaa kan baasu mootummaadha. Istaandardiiwwan bahan raawwatamaa jirachuufi dhiisuu kan to'atu mootummaadha.''