Liiverpuul Vs Maan Siitii, Baarseloonaa Vs Riyaal Maadiriid- Wantoota eegaman

Madda suuraa, Getty Images
Torban kanarra taphoonni gurguddoon akka adunyaatti eegaman gaggeeffamu. Piriimer Liigii Ingilaandii Liiverpuul dirree isaa irratti Maan Siitii waliin taphata.
Maan Siitiin qabxii tokko qofaan Arsenaaliin caalamee qabxii 23’n sadarkaa lammaffaa qabatee jira. Liiverpuul ammoo haala dhiyeenya hin baramneen qabxii kudhaniin sadarkaa kudhanaffaa irra jira.
Erliingi Haalaandi galchii Piriimer Liigii 15 ammumaan lakkoofsiseera.
Gama Liiverpuuliin ammoo morkataa cimaa taha jedhamee eegamaa kan ture Daarwin Nuunez gahumsaa gaarii agarsiisaa hin jiru.
Garuu Shaampiyoonsi Liigii Renjersi waliin taphatan irratti Mohaammad Saalaan daqiiqaa jaha keessatti galchii sadii lakkoofsisuun waliigalatti 7 fi ‘1’n mo’achuun isaanii Liiverpuul bayyannachaa jiraachuu agarsiisa jedhama.
Leenjisaan Liiverpuul Yargen Kilooppi Erlingi Haalaandi dhaabuuf herraga mataa keenyaa qabna jedhan.
Pep Gaardiyoolaan ammoo morkataan keenya biyya keessaa cimaan Liiverpuulidha jedhan.
Maan Siitiin Erlingi Haalandi taa’umsa jijjiirraa irra kaa’uun tapha Shaampiyoonsi Liigii Koppenhaagen waliin taasise galchii malee qixa xumuran.
Maan Siitiin waancaa Piriimer Liigii shaman darban keessaa afur mo’ateera. Liiverpuul yeroo lama qabxii tokkoon qofa caalamuun waancicha dhabe.
Ji’oota dura waancaa Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigiif dorgomaa kan ture Liiverpuul amma gahumsa sanarra hin jiru.
Kilooppi jijjiirraa taphattootaan akka Maan Siititti dorgomuu hin dandeenyu garuu karaatti isaan wlaiin dorgomnu qabna jedhan. Tapha kanaaf Luwis Diyaaz fi Aleksaander Arnooldi hin taphatan.
Baarseloonaa Vs Riyaal Maadirid
Baarseloonaan qabxii 22 qixa Riyaal maadirid waliin qabaachuun galchiin caalee tokkoffaa irra jira.
Taphoota Jahan darban irratti galchiin irratti hin lakkaa’amne. Haa tahu malee kilebootni kunneen Riyaal Vaalaadolid, Kadiiz, Elchee fi Riyaal Maayolkaa tahuun isaanii Baarseloonaan qorumsa guddaan akka isa hin muddanne agarsiisa.
Haa tahu malee, yeroo Shaampiyoonsi Liigii irratti kileboota gurguddoo waliin taphatu mo’ameera. Intermiilaan fi Baayern Munikiin mo’ameera.
Kun Baarseloonaan kilaba deebi’ee jabaachaa jiru tahus ammayyuu kileboota jajjaboo kanneen mo’achuurra hin geenye jedhe xiinxalaan kubba Miilaa Ispeen Baalaguun.












