US yeroo jalqabaaf Arkitikitti Ambaasaaddara muuduuf

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Arkitikitti muddamni US fi Raashiyaa gama waraanaan jiru haalaan dabalaa deemnaan Ameerikaan Ambaasadara jalqabaa naannichatti muuduuf jetti.
Dubbii himaan Isteet Dippaartimantii US akka jedhanitti, naannoo bantii Kaabaa kanaatti ambasadarri US muudamu imaammata US irratti bal'inaan hojjeta.
Jimaata darbe hogganaan NATO Jiinsi Istoontelbergi, naannoo bantii Kaabaatti Raashiyaan muddama fidaa akka jirtu akeekkachiisaniru.
Akkasumas Chaayinaan naannichatti socho'aa akka jirtu himaniiru.
Ambaasaadarri Ameerikaa muudamu dabalataan biyyoota naannichaa torba akka Kanaadaa, Denmaarki, Iswiidin, Finlaandi, Ayislaandi, Raashiyaa fi Noorwey waliin kan hojjetu taha.
Akkasumas hawwaasa ganamaa naannichaa fi qooda fudhattoota biroos hirmaachisuun waliin akka hojjetu ibsi ministichaa eera.
Ministera Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinkenif nageenyaa fi tasgabbiin naannichaa dhimma dursi kennamuuf yoo tahu, US'f ammoo ''imaammata murteessaa faayidaa qabudha,'' jedhe dubbii himaan Isteet Dippaartimantii US, Veedant Paatel.
Antoonii Biliinken dhiyeenyatti naannichaaf Ambaasadar tokko kan muudan yoo tahu, seneetii biyyattiin ragga'uu qaba.
Tarkaanfiin kun kan fudhatameef akkuma Raashiyaan naannoo bantii Kabaa keessa socho'aa jiraachuu dhagahameeti.
Chaayinaan gidduugala qorannoo Arkitik keessatti ijaaraa jirti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barreessaa Ol aanaa NATO, Jiinsi Istooltenbergi, Jimaata darbe kana naannoo bantii Kaabaa Kanaadaa daawwataniiru.
Dandeettii Raashiyaan bantii Kaabaa keessatti qabdu istraateejii waraanaaf rakkoo tahuu danda'a jedhan.
Danqaawwan jiran yoo ibsan Raashiyaan ''buufata waraanaa Arkitik dhibbaan lakkaa'aman bara Sooviyeet taatee turte fayyadamaa turtee fi haaraa deebistee banuu,'' fi Raashiyaan bantii Kaabaa ''yaalii meeshaalee waraanaa jajjaboo akka haayipersoonik tahaniif itti fayyadamuu'' tahuu akka malan himan.
Istooltenbergi Chaayinaan tajaajila doonii fi qabeenya naannicha keessa jiru abuuruuf garasitti socho'aa jiraachuus himaniiru.
''Beejingii fi Mooskoon waliin tahuun oppireeshinii cimaa Arkitik keessatti gaggeessuu barbaadu.''
''Michummaan akkasii cimaan ammoo duudhaa fi fedha naanichaa qabnuuf danqaa guddaa tahuu danda'a'' jedhan.
Jijjiiramni qilleensaa naannoo bantii Kaabaa mijataa taasisaa jira jedhan. Kunis cabbiin isaa baqaa waan jiruuf akka naannicha galaniif haala mijataa uumaafii waan jiruuf.
Liisaa Murkowiskii, seenatarri Rippaabilikaanotaa Alaaskaa irraa muudamicha simatteetti.
Naannoo Arkitik keessaa US qofatu dippilomaasiif Sadarkaa Ambaasadaraatti bakka bu'aa hin qabu jette.
Ambaasadarri haaraan muudamu, baka qindeessaa dhimma naannoo Arkitik sadarkaa dippilomaatiitti turee Jiim DeHaarti bu'a.












