Tiraamp galma shubbisaa ijaaruuf Waayit Haawus diiguu eegale

Foddaan kutaa Waayit Haawus karaa bahaan jiruu sababa ijaarsaan manca'e

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kutaan Waayit Haawus karaa bahaan jiru- East Wing jedhamu diigamuu eegale. Kunis galma shubbisaa Tiraamp ijaaruuf.

Pirezidant Tiraamp tarkaanfiin kun karoora Waayit Haawus ammayyeessuu keessaa isa ijoodha jedhe.

Galmi qophiileen shubbisaa fi sirnoonni adda addaa keessatti gaggeeffamu kan doolaara miiliyoona 250n ijaaramuuf jedhu kun ''kan duraan ture hin tuqu, garuu itti dhihaata,'' jedhe Tiraamp wayita karoorasaa ibsu.

''Galma amma jiru hin tuqu. Itti siqee ijaarama, garuu itti hin bu'u. Gamoon duraa jiru bakkuma jirutti eegumsi taasifamaaf, gamoo kana baayyeen jaalladha,'' jedhe Tiraamp Adoolessa darbe.

''Baayyeen jaalladha. Iddoo baayyee natti tolu. Jaalladheera.''

Kutaan Waayit Haawus karaan bahaa Kibxata irraa diigamuu eegale

Madda suuraa, BBC/Bernd Debusmann Jr

Ibsa waa'ee suuraa, Kutaan Waayit Haawus karaan bahaa Kibxata irraa diigamuu eegale

Tiraamp Waayit Haawus diigamuun galmi shubbisaa akka ijaaramu miidiyaa hawaasummasaa irratti ibse.

''Waggoota 150 oliif pirezidantonni hundi Waayit Haawus keessaa galma shubbisaa qabaachuu hawwaa turan,'' jedhe maxxansa isaa keessatti.

Kutaan Waayit Haawus karaan bahaa erga sirriitti diigamee booda kana fakkaata

Madda suuraa, Reuters

Tiraamp pirojektii kana ''arjoomtota gootota ta'an,'' hedduutu maallaqaan tumsan jedhe.

Waayit Haawus maqaa namoota maallaqaan tumsanii hin ibsine.

Waayit Haawus jaarraa lamaaf mana pirezidantota US ta'ee tajaajileera. Kutaan karaa bahaan jiru bara 1902 ijaaramee, 1942 ammoo haaromfameera.

Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaarratti akka maxxansetti kutaan karaa bahaan jiru Waayit Haawus irraa ''guutummaatti adda bahee ture.''

Dubbii falmisiisaa fi kunuunsa seenaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mooraa Waayit Haawus fi naannawa isaa kan bulchu Tajaajila Paarkii Biyyaalessaa ta'us, pirezidantiin hojiiwwan haaromsaa raawwachuuf aangoo guutuu qaba.

Tajaajila Paarkii Biyyaalessaa keessatti hayyuu seenaa kan ture Robert K Sutton, yeroo suphaan Waayit Haawus keessatti gaggeeffamu hunda yaaddoon hawaasaa ni mul'ata jedhe.

''Ijaarsa isaarraa eegalee akkaataa suphaa fi ijaarsa mooraa Waayit Haawus keessatti gaggeeffamurratti yeroo hunda uummanni yaaddoo qabaachuu ibsa,'' jedha.

Ijaarsa mooraa masaraa mootummaa kana keessatti taasifamu kamiifuu Tajaajilli Paarkii Biyyaalessaa ulaagaa fi qajeeltoo qaba. Kan ammaa kun akkaataa kanaan hin eegalamne.

''Gamoon kun, akkan yaadutti, addunyaarraa galma hoji raawwachiistuu isa sadarkaa tokkoffaarra jirudha. Akkas ta'ee garuu amma waan keessatti raawwataa jiru hin beeknu. Wanti deemaa jiru sirrii miti,'' jedha hayyuun seenaa kun.

Galmi nama 600 hanga 900 qabachuu akka danda'u oduun addunyaa walga'eera jedha hayyuun seenaa Sutton.

Waayit Haawus ijaarsi kun Fulbaana eegala jedhee ture. Tiraamp Tajaajila Paarkii Biyyaalessaa fi Tajaajila eegumsa aanga'oota Ameerikaa waliin waa'ee pirojektii kanaa dubbachuus ibse.

Tiraamp bara kana Waayit Haawus keessatti jijjiirama hedduu taasisaniiru.

Waajjirri pirezidantiin keessa taa'u- Oval Office faaya worqee fi wantoot adda addaan bareecheera.

Tiruumaan hanga Obaamaa jijjiirama pirezidantonni taasisan

Haaromsi ijaarsaa Waayit Haawus keessatti eegalame qaamolee garaagaraan qeeqamaa jira. Gareen kunuunsa seenaa gamoowwan addunyaarra jiranii irratti qorannoo gaggeessu Society of Architectural Historians jedhamu kanneen qeeqan keessaati.

Gareen kun ibsa torbee darbe baaseen kutaan bahaa Waayit Haawus erga bara 1942 danaa amma qabuun ijaaramee waggaa 83 keessatti yeroo jalqabaaf diigamuun galmi shubbisaa ijaaramuuf karoorri qabamuu akka hin deeggarre hime.

Jaarmiyaan ijaarsaa Ameerikaa- American Institute of Architects jedhamus yaaddoo qabaachuu ibseera. Pirojektii kana ilaalchisee karoorri ifaa fi bilisa ta'e jiraachuu akka qabu dhaame.

Garuu Tiraamp pirezidantii jalqaba haaromsa eegalchiise miti.

Tiraamp dura kan ture pirezidant Baraak Obaamaanis dirree teenisii guddicha Waayit Haawus keessa ture haaressuun tapha kubbaa kachoos akka keessummeessu taasiseera.

Bara bulchiinsa Pirezidant Richaar Niksan ammoo iddoon daakaa bishaanii gara galma pireesiitti geeddaramee ture.

Yeroo ammaa ibsi gaazexeessitootaaf kan kennamu bakka pirezidantonni bishaan daakaa turanirratti galma ijaarame keessaati.

Bakki daakaa bishaanii galma keessaa jalqaba bara 1933 Pirezidant Firaankiliin D Ruusveltiin ijaarame.

Erga kun cufamee booda bara 1975 Jeeraald Foord alatti ijaarsise.

Sana dura haaromsi guddaan bara bulchiinsa Pirezidant Haarii Tiruumaan Waayit Haawus keessatti gaggeeffamee ture.

Bara 1942 hanga 1952 Waayit Haawus keessatti jijjiirama guddaatu ta'e.

Yeroo pirojektoonni hedduun mooraa masaraa mootummaa Waayit Haawus keessatti gaggeeffamaa turan Tiruumaan mooricha keessa jiraachuu hambisee ture.