'Siyaasa osoo hintaanee imimmaan uummata Oromoo ilaaluu qabu'- Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo

Abbootii Gadaa Oromoo

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo yaa’iisaa 3ffaa ALI Hagayya 14 fi 15 bara 2016 magaalaa Adaamaatti taa’een naannoo Oromiyaa keessatti nageenyi akka bu’uuf waamicha taatsiseera.

Naannoon Oromiyaa waggoota muraasaa as lola humnootii mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti taasifamaa jiruun gaaga’ama hedduu keessummeessaa jira.

Lubbuun lammiilee nagaa darbuu, dhaabbileen tajaajila barnootaafii fayyaa laatan cufamuun, sochiin diinagdee danqamuun akkasumas namoonni nagaa butamanii maallaqa gaafatamuun dhimmoota idilee naannichaa erga ta’anii bubbuleera.

Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee naannicha keessatti argamanis waggoota darban keessa nagaan akka bu’uuf araara kadhachaa turanis milkiinsaa xiqqaadha.

Haata’u malee, Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo ammas jiraattonni naannichaa qilleensa nagaa akka argataniif waamicha nagaa dhiyeessera.

Abbaa Gadaa Maccaafii Walitti Qabaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo, Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa, dhimmi nageenyaa dhimma ijooo yaa’ii gamtichaarratti ka’ee ta’uu BBC’tti himaniiru.

“Ajandaa ijoo ta’ee kan ka’e dhimma nageenyaa biyya keenyaati. Akka Sirna Gadaatti Gaaddisa Gadaatiin akkamitti hiikuun akka danda’amu, wal ajjeechaan akka dhaabbatu, wal waraansi akka dhaabbatu, dhukaasni akka dhaabbatu, qaamni hidhate hundi nagaa akka buusu, gara nagaatti akka dhufu, waamicha keenya akka dhagahu bal’inaan mari’atameera” jedhan.

“Biyya kana keessatti akkamiin nagaa fiduu akka dandeenyufii Abbootiin Gadaa maal hojjechuu akka qaban, hawaasnillee dhiibbaa akkamii gochuu akka qabu mari’anneerra” jechuunis himan.

Nama hidhatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

'Uummanni Oromoo dararamaa jira'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Nagaan hangafa jiruuf jireenyaati, bakka nagaan hinjirre hoomtuu hinjiru,” kan jedhan Abbaa Gadaa Warqinaa, qaamoleen naannoo Oromiyaa keessatti walwaraanan gara nagaatti akka deebi’an gaafataniiru.

Miidhaa dhabiinsi nageenyaa naannicha keessatti qaqqabsiisaa jiru kaasunis, “Uummanni Oromoo dararamaa jira; diinagdeensaas keessumaa baadiyyaarratti gadi bu’aa jira. Kana ilaalanii isaanillee nagaa yaa buusan” jedhan.

Mariiwwan nagaa mootummaafi WBO gidduutti kanaan dura taasifamanirratti Abbootiin Gadaa affeeramuu dhabuu kan kaasan walitti qabaan gamtichaa dhimmichi yaa’iirratti ka’uusaas himaniiru.

“Karaa mootummaas yaa ta’u karaa qaamolee hidhatanii Abbootii Gadaa affeeruu dhiisuun araara kanaaf gufuu ta’eera kan jedhu ka’eera” jedhan.

Mariin araaraa itti fufuu akka qabu himuunis, “uummanni dararamaa jira. Isaan siyaasa yookiin dhimma biraa miti kan ilaaluu qaban. Imimmaan uummata Oromoo kana ilaaluu qabu” jedhan.

“Keessumaa Oromoon goodaatti wal ilaaluun aadmaleedha. Safuutu cabe, safuun kun bakkatti nuuf yaa deebi’u. Dhaloonni amma jiru kana dhagahuu kan dadhabe duudhaafii safuurraa maqee laata kan jedhutu ka’e,” jechuunis himan.

Dhimmoota marii gara biraa

Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo yaa’iisaa guyyoota lamaaf taasiseen ciminootafii hanqinootasaarratti akka mari’achuu kan himan Abbaa Gadaa Warqinaa, kabaja Ayyaana Irreechaa gama babal’isuutiin hojiillee gaggaarii hojjechuu himaniiru.

Haaluma kanaan Irreechi naannolee Gaambeellaa fi Benishaangulitti akka deebi’u taasisuu dubbatan.

Kana malees gaheen gamtichi marii biyyaalessaa keessatti bahachaa jiru dhimma akka ciminaattii ka’u ta’uu himan.

Gama biraatiin “Gadaa bakka hundatti walfakkeessuu dadhabuun, namoonni Abbootii Gadaafii Abbootii Sirnaa osoo hinta’in Abbaa Gadaa jedhanii maqaa Abbaa Gadaatiin warra daldalan dhaabsisuu dadhabuun akka hanqinaatti ka’eera” jedhan.

Meeshaa ulfoo Abbootiin Gadaafii Haadholiin Siinqee qabatan yeroo ammaa kana hundatu qabatee deema kan jedhan Abbaa Gadaa Warqinaa, “isa sirreessuu dadhabuu akka haanqinaatti ilaallerra” jedhan.

Dabalataan kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2017 irratti mari’atamuu himuun Irreechi ardaalee jilaa hundatti akka deebi’uuf hojjechuuf waliigalamuusaa eeraniiru.

Gama biraatiin Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo miseensota 103 kan qabu yemmuu ta’u, yaa’ii ALI Hagayya 14 fi 15 taasifamerratti Abbootii Gadaafii Haadholii Siinqee dabalataan hayyoonnifii ogeeyyiin aanaaleefii magaalota garaagaraarra dhufan hirmaachuunsaanii himameera.