Waan waggaa haaraa irratti karoorsite fiixaan baasuu maaliif akka rakkattu beektaa?

Maxxanfame

Bara haaraa irratti barri kan quufaa, kan badhaadhinaa akkasumas kan waan gaarii itti dhageenyu akka tahuuf walii hawwina.

Hawwiirra darbinee jiruufi jireenya keenya fooyyessuuf karoora baafanna.

Karoorri kuni barreefamaan ykn qalbiidhuma keenya keessa kan qabannu tahuu danda'a.

Baratan barana qabxii koo fooyyessuun barbaada jedha.

Hojjetaan guddina ykn daballii miindaaf karoorfachuu mala.

Daldalaanis galiinsaa akka guddatu ykn hojiinsaa akka babal'atuuuf yaada.

Tahus waan yaadne, kan karoorsine fiixaan baasuun garuu dhimma nama hundaaf milkaa'u miti.

Ameerikaa keessatti qorannoowwan garaagaraa akka agarsiisanitti waggaa haaraatti namni %50 tahu karoora baafata, kan milkeessu garuu harka saddeet qofa.

Gaaffiin asitti kaasnu namoonni waggaa haaraaatti karoora baafatan maaliif fiixaan baasuu rakkatu kan jedhu dha.

Waa fiixaan baasuuf karoorfatteetta taanaan qabxiiwwan armaan gadii afur gochuun danqaa sitti tahuu malan keessaati.

1, Galma qabatamaa hin taane kaa'uu

Dhimmi bara kana fiixaan baasuuf karoorsite kan gochuu barbaaddu malee kan gochuu qabdu tahuu hin qabu jedhu qorattoonni dhimma kana xiinxalan

Ogeessonni leenjii xiinsammuu kennan akka jedhaniitti, namoonni gariin galma milkeessuuf akkaan cimaa tahe kaa'u yookiin ammoo galma birqabaan salphaa tahe kaa'uun nuffanii waa'emasaayyuu dagatu.

Kanaaf karoora gaafa baastu fiixaan baasuu danda'aa? Milkeessuu koo qabatamaan waanin arguu ykn safaruu danda'u dha? Mul'ata koo wajjin deemaa ? Dhimmoota jedhan of gaafachuufi akkasumas guyyaa guyyaatti hojjedhee waanin fiixaan baasu dha kan jedhu baruun murteessaa dha jedhu.

Waan tokko itti cichitee iddoodhaan gahuu barbaadda taanaan amala kee hamma geeddaruu si gaafachuu mala, kanaaf gaafa karoora kee baastu sababaafi bu'aan kan deeggarame tahuusaa mirkaneessuu qabda jedhu ogeessonni kunneen.

Jeemsa Kiliir lammii Ameerika amaleeffannaafi murtoo kennuu namootaa ogeessa xiinxalu dha.

Kitaaba 'Atomic Habits' jedhu bara 2018tti kan maxxanse yoo tahu afaan 50 oliin hiikamee kooppii miiliyoona 3 ol gurgurameera.

Kitaabichi akkatti amala kee geeddaruun guyyaa guyyaatti %1 of geeddaruu dandeessu qajeelfama kenna

Akka inni jedhutti namoonni jireenyatti milkaa'aniifi hin milkoofne galma wal-fakkaataa qabu.'' Lamman isaanii mo'achuu, wayi tokko fiixaan baasuuf karoorfatu.

Fakkeenyaaf jedha dorgomaan fiigichaa hundi galmisaa mo'atanii medaaliyaa warqee argachuu dha jedha.

Tahus isa mo'atuufi isa mo'amu gidduu garaagarummaan jiraachuu danda'u, ''mala guyyaa guyyaatti of foyyessuuf diriirsanii irratti hojjetan qabaachuu irratti dha,'' jedha.

Atimmoo waggaa keessatti waan fiixaan baasuu barbaaddu tarreessitee qabda taanaan.

Hunda al-takkaatti hojjechuuf yaaluun of burjaajessuurra, ''altokkotti, tokko hojjechuun,'' yaali jechuu gorsa.

2, Otoo of hin jijjiiriin, jijjiirama barbaaduu

Barri jijjiirame. Waan moofaa gattee akka haaraatti waan barbaaddu fiixaan baasuuf karoorfatte.

Akka baradheengaddaa jiraachaa, barana bu'aa haaraa argachuuf ifaajuun waan hin taane dha jedhu ogeessonni amala guyyuu ilmaan namaa qoratan.

Jeemsi Kiliir akka jedhutti karoora keenya keessatti galma keewwachuun keenyi bu'aa argachuu waan barbaannuufi jedha.

Fakkeenyaaf barataan yoo taate seemisteera duraatti qabxii meeqa akka galmeessuu qabdu yaadaa qabaachuu malta.

Kanaaf xiyyeeffannoon kee qabxii fiduu barbaaddu sana taha jechuu dha.

''Garuu galma haaraa qabaachuun qofaasaatti bu'aa barbaadde sii hin kennu. Amallii fi akkaataan jireenyaa haaraa garuu bu'aa feetu sana sii argamsiisu. Amalleeffannaan ammoo bu'aa otoo hin taane adeemsa, '' jedha.

Fakkeenyaaf guyyaa guyyaatti sa'atii afuriif qayyabatta taanaan suni amaleeffannaan kee kuni bu'aa osoo hin taane adeemsa dha. ''Adeemsa kana immoo akkaan jaalachuufi itti cichuu qabda,'' jedha

Kanaaf ifaajni kee marti amala kee guyyuu jijjiiruu irratti malee bu'aa galma kee adamsuu irratti kan ammoo xiyyeefate tahuu hin qabu jechuun ibsa.

Kanaafimmoo tarsiimoo ittiin dalagaa isa guyyuu fiixaan baastu qabaachuu qabda jedha.

Bu'aa irratti xiyyeefachuurra adeemsa isa guyyuu raawwatturratti cichooma agarsiisuti booda bu'aa argattu irratti garaagarummaa fida jeechuun ibsa ogeessi kuni.

3, Hamilee dhabeef maleee silaa...

Hamileen dhabeef malee silaa kanan godha, sanan godha hiriyyaan ykn firri jedhu si mudatee hin beekuu?

Dhugumaan hamileen motora waa akka dalagnu nu gargaaru dhaa? Moo sababa dhibaawummaa keef kennitu dha laata?

Yookinammoo yeroo hundumaa wayii dalguuf hamilee argachuun ulfaataa dha jettee yaaduu dandeessa.

Dhimma kanarratti Jeemsi Kiliir waan murteessaa tahe tokko dubbata, ''Waa dalaguuf hamilee ykn kaka'usa argachuun dhimma waa hojjechuu jalqabuun dursee dhufu otoo hin taane erga dalagaa san jalqabneen booda kan dhufu dha,''

Waan karoorsine fiixaan baasuun dhimma guyyaa tokkotti hojjenne baddu baasnu otoo hin taane adeemsa irra deddeebiin raawwatamurraa bu'aa argamu dha jedha.

Kanaaf waa dalaguuf hamilee qabaachuun akka amala ganama ka'anii fuula dhiqachuu akka siif tahu yoo feete gaaffii 'maaliif' jedhu deebifachuu qabda.

Fakkeenyaaf kitaaba barreessuu barbaadda taanaan, ''sababii cimaa kitaabicha barreessituuf qabaachuu qabda,'' jedha Jeems.

Takkaa maaliif waan sana akka gochuu barbaadde barte jennaan 'akkmitti' isa jedhu irra aanun siif salphata jedha.

4, Jalqabuuf har'aa bor jechuu

Waraqaa qorannoo barsiisaan kee akka sii sororsuu guyyaa galchitu si jala bu'ee otoo jiruu guyyaatti sa'atii dheeraa bilbila keerraa Feesbuukii fayyadamaa dabarsitaa?

Kuni rakkoo kee qofa miti, namoonni jireenya isaaniitti milkaa'aniiru jedhaman otoo hin hafiin kanaan rakkatu.

Akka qorannoowwan xiinsammuu agarsiisanitti, karoora baasuun waan eenyummaa ofii egeree irratti xiyyeefatu dha.

Garuummoo karoora kana kan baasnu eenyummaa keenya hin geeddaramne amma qabnu irra teenyeeti jedha Jeemsi Kiliir.

''Eenyummaan egeree isa karoorfame dha, eenyummaan ammaa immoo isa tarkaanfii fudhatu dha.

Kanaaf kutannoon dhimma murtoo fudhachuu irratti yoo dhufu eenyummaa kee egereef dursa kennuu irraanfatta jechuu dha, sababiinsaas eenyummaa kee ammaa keessa waan jirtuufi.

Jeems, ''sammuun keenyi waa'ee eenyummaa ammaa yaadaa jedha, eenyummaan amma qabnu immoo gammachuu yeroof argatu irratti xiyyeefata, bu'aa isa boodaa hin ilaalu.''

Kanaafi fuula kitaabaa dubbistee qorannoo keef barreessuu qabdu, kan digrii kee argachuuf si gargaaru keessee kan ati sa'atii dheeraaf Feesbuukii irrattii bashannanuu filattuu jechuu dha.

Jeems kanaaf mala nu gargaaru jedhee kaa'ee keessaa tokko 'seera daqiiqaa lamaati,''

Fakkeenyaa ''galgala kana nan qo'adha,'' jechuu mannaa ''kitaaba kaasii fuula tokko dubbisi.'' Akka inni jedhutti amalli gaarii nuti barbaannu daqiiqaa lama keessatti waan jalqabamuu danda'u dha.

Yaadnisaa waan hojjechuu barbaaddu hamma danda'ameen akka sii salphatu gochuu dha.

Namni kamiyyuu daqiiqaa lamaaf waa gochuu hin rakktu jedha Jeemsi.

''Kanaaf tarsiimoon kee inni guddaa tahuu kan qabu waan tokko daqiiqaa lamaafillee haa tahu jalqabuu dha.

'Karoorfachuu irratti kufnaan, kufuuf karoorsiteetta'

Kooleejii barsiisotaa Asallaatti Piroofeesara tumsaa kan tahan Kaabtaamuu Ayyala, ''biyya keenyatti inumaayyuu namoonni baayyee galma hin qaban akka itti toletti jiraatu gatii taheef karoorayyuu hin baafatanii,'' jedhan.

Walumaagala hawaasa keenya keessa namoonni akka feetee fi jireenya baraniin jiraatu malee hin karoorfataniyyuuti jedhan.

Kaabtaamuun, ''namoonni tokko tokko kan galmaan hogganaman jiraatanillee, dhimmi kuni waan uumamaan argamu gatii hin taaneef, leenjiidhaan namoonni akka galma keewwataniifi karooraan hogganaman gargaaruun danda'ama,'' jedhan.

Namni tokko galmasaa bira gahuuf yoo karoorse garuu akka aarsaa isa gaafatu baruu qaba.

''Kana maleesa karoora baafachuun waadaa seenuu dha. Waadaan immoo eegamuu qaba jedhan.