Kufaatii ofiirraa akkamitti barachuun danda'ama?

Maxxanfame

Baay’een keenya irra deddeebin dogoggora ni hojjanna- garuu bifa biraatin yoo ilaalle kufaatii keenya irraa barachuu ni dandeenya.

Waanti nama mufachiisu ykn gufachiisu nama mudachuun milkaa’ina boriiitif karaadha; waanta nu mudatuun burjaaja’uu caalaa “gara fuulduraatti kufuu (fail forward)” wayya.

Qorannoowwan xiinsammuu heddu akka agarsiisanitti kufaatii keenya irraa barachuu caalaa akka waan homtuu hin uumamneetti bira dabarra. Kuni saayinsii xiinsammuu keessatti “sour-grape effect” jedhama. Kana jechuun dongora keenya osoo hin barin bira dabarra yookin ammoo akka waan homtuu hin uumamneetti bira tarra. Kuni ammoo gara fuulduraatti dogongora irraa barannee akka of-hin fooyyessine nu taasisa.

Namoonni waltajjii garaa garaa irratti dubbachuun beekaman walaloo nama Samu’eel Baket: “Irra deebi’ii kufi. Akka kaatutti kufi (Fail again. Fail better)“ jedhu irra deddeebin fayyadamu. Haa ta’u garuu baay’en keenya yeroo kufnu akkuma kaleessa kufnetti kan kufnu. [Irraa hin barannu jechuudha.]

Qorannoowwan dhiyeenya bahan akka agarsiisanitti karaan gaarin ittiin rakkoolee kana hambisan jiru: Fakkeenyaf, nama rakkoo wal fakkaataa keessa jiruuf gorsa kennuudha. Namni biraa akka hin kufne gaafa gargaarru karaa biraan milkaa’ina keenyaf karaa saaqaa jirra jechuudha.

Dhiibbaa dafanii abdii kutachuu (The sour-grape effect)

Yaada kana dursee kan qorate Norweeyitti pirofeerasa xiinsammuu kan ta’e Hallgeir Sjåstad dha. Yeroo hundumaa namoonni dafanii maalif abjuu isaanii dhiisanii akka deebi’an gaafataa akka ture hima. “Qorannichi namoonni maalif dafanii abdii kutatan baruudhaf kan kaayyefate ture,” jedha Hallgeir Sjåstad.

Ogeessi xiinsammuu kun, jalqaba irratti namoonni qorannoo irratti hirmaatan qormaata dandeettii hubannaa (intuition) madaala jedhame akka qoraman taasise. Appiliin digdamni hammam akka ulfaatu akka tilmaaman itti himame. Deebin isaanii deebii sirrii kennamu wajjin wal bira qabamee dhibbeentaa 10 keessa yoo ta’e, hubannaa cimaa akka qaban itti himame.

Hirmaattonni kunneen gaaffilee yaalii muraasa erga gaaffatamanii booda deebin isaan argatan kan piizitiivis ta’ee negatiivis miti. Boodarra qormaata isa dhugaa osoo qoramanii hangam akka isaanitti cimuufi soo qabxii 100% argatanii hangam akka gammadan gaafataman.

Qorataan xiinsammuu Sjåstad akka jedhutti, namoonni qormaata irratti akka kufan itti dhagahame, qabxii sirrii argachuun gammachuu isaanii dafee dabaluu wajjin wal hin qabatu jedhanii yaadu. Kuni garuu dhugaa hin taane, si’a lammaffaa akka qoraman gaafatamanii yeroo qabxii guddaa galmeessuu isaanii gaafa itti himamu, oduu gaarin isaan dhagahan akka gammadan isaan taasise. Deebin argatan akka gammannu nu hin taasisu jechuu isaanitiin ni dogoggoran jechuudha. 

Pirofeesar Sjåstad akka jedhutti kuni of-eeguu (self-protective) dha. “Baay’en keenya waa’ee ofii keenyaa nama cimaa fi dorgomaa akka ta’etti of ilaalla. Gaafa yaanni nama biraa nuuf kennamu faallaa kanaa ta’u, ilaalcha waa’ee ofii keenyaa qabnu irratti yaaddoo cimaa fida,” jedha. 

Pirofeesar Sjåstad qorannoowwan kana erga gaggessen booda, namoonni qorannicha irratti hirmaatan waa’ee dandeettii waa hubachuu ofii isaanii ilaalcha sobaa qabatanii wajjin hin jiraanne itti hime.

Waan tokko si’a tokko dhabaniif jecha abdii kutanii biraa deebi’uun dhiibbaan inni jireenya keessatti qabu hangam akka ta’e barattoota ofii barsiisu irrattis qorannoo gaggeessee hubateera ogeessi xiinsammuu kun.

Hojii tokko irratti qormaata af-gaaffitiif dhiyaattee gaafa sana siif milkaa’uu yoo dide, kana booda naaf hin milkaa’u jechuun hojii walfakkaataa dorgomuu dhiisuu akka hin qabne gorsa.

Galma gahuuf qabanne keessatti yeroo hunda cichuu qabna.

Madda rakkoo dagachuu (The ostrich effect)

Mala ittiin kufaatii yookin dongora irraa baratan keessaa tokko waan nama mufachiisu tokko madda isaa dagachuu ykn xiqqeessanii ilaaludha. Malli biraa ammoo mataa ofii akka guchii cirracha keessa dhoksuudha; kana jechuun yaada ofii waan biraa irra gochuu jechuudha.

Qorattoonni akka jedhanitti oduu hamaa dhufuuf yeroo heddu akka homtuu hin dhufnee taanee irraa gorra.

Qorattoonni akka jedhanitti kufaatii keenya dura akka hin dhaabanneef miira nu danqu malli ittiin mo’anni jira.

Adeemsi jalqabaa ‘irraa of fageessudha,’ kana jechuun of caala qaama sadaffaatti geessudha. Fakkeenyaf, “Ani maalifan kufe?” jechuu caalaa “Ebelu maalif kufe?” jechuu fa’a.

Qorannoowwan ogeessa xiinsammuu Yuunivarsiitii Mishigan kan ta’e Itan Kiroosin gaggeeffaman heddu akka agarsiisanitti ‘irraa of fageessun’ taatee nama aarsu tokko miira keenya to’annee suuta akka ilaallu nu gargaara.

Kana gaafa goonu dafnee kufaatin baay’ee nu hin yaaddessu jechuudha.

Profesara xiinsammuu kan ta’e Sjåstad akka lafa kaa’etti, kufaatin jireenya namaa keessatti waanta hin oolledha. “Takkaa kuftee hin beektu taanan, ati galma kee bira gahuuf baay’ee suuta deemta,” jedha.

Waanta nama mufachiisu keessummeessuu baruun, akkasumas irraa barachuun daandiin milkaa’inaa akka namaaf gabaabsu hima.