Namoonni sadii hiriyaasaanii ajjeessuun hidhaman garee morkataa biraan ajjeefaman

Madda suuraa, MET POLICE
Dhiiroonni sadii ajjeechaa hiriyaa isaanitiif tokkon tokkoosaaniitti yoo xinnaate hidhaan waggaa 29 itti murtaa'ee ture garee biraadhaan ajjeeffaman.
Qorannoon ajjeechaa Biil Maakkuulaa akka agarsiiseetti, namootni kunneen ajjeechaa isaan wal qabatee himataman.
Rasaasni Biilin ajjeeste garuu kaaba 'lixa Landan keessatti bara 2020'tti garee faallaa irraa kan dhukaafame akka tahe qorannoon agarsiiseera.
Isaa Seed, Adeel Yusuuf fi Daani'eel Mensaah erga abbaan alangaa akka gareen mormituu isaanii deebiisanii akka itti dhukaasan osoo beekanuu dhukaasa banan jechuun mormeen booda balleessaan irratti murtaa'e.
Kunis Ingilaandii fi Weelsi keessatti murtee addaa akka ta'eetti ilaalame.
Obbo Maakuulaa miseensa ''garee wanbadee daandiirratti jeequmsa kaasaaniin''yoo tahu, Amajjii 16, 2020 keessa gara manneen jiraanyaa isaanii Stonebridge kan Harlesden keessatti argamu osoo deemanii dhukaasa banan.

Madda suuraa, Met Police
Aab McCullagh ammoo hiriyota isaa afur waliin dabaalamuun, meeshaa waraanaa lama qabachuun gara daangaa ''diinoota isaa''tti qajeele.
Isaanis hiriyyaa isaanii guyyaa tokkoon dura waraanamuun ajjeeffameef garee biraa irratti halleellaa haaloo bahuuf yaadanii ture. Haata'u malee, akkuma daangaa diinoota isaanii qaqabaniin konkolaataan isaani ittiin imalaa turan bakkee hedduu irratti itti dhukaafame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan seeraa Filiippi Kaatz KC kan hidhaa itti murteesse akka jedheetti: ''Biilii Maakuulaa du'a baayyee ifa ta'en ajjeeffame. Innis nama jireenyaa Stonebridge keessatti itti dhukaafamuun ajjeeffame.
''Sadan keessan ajjeechaa Biilii Makuulaan himatamuu keessan akka hin fudhanne nan amana.
''Garuu ammoo biyya kana keessatti namni fedhiisaatiin lola meeshaa waraanaa keessatti hirmaachudhaan lubbuu sababii kanaatiin baddeef itti gaafatamaa yoo taasifame baayyee dinqisiifachuu hin qabaatu,'' jedhan.
Qorattoonninis dhimmicha irratti bilbila, waraabbiiwwan CCTV fi ragaalee qorannoo reeffaa ilaalan illeen, garuu namoota Maakuulaa ajjeesuuf dhukaasa sana raawwate adda baasuu hin dandeenyee ture.
Taatee garee waanbadee naannichaa keessatti ajjeechaa ''nama gaheessaa fi jaarsa beekamaa'' tokkoo hordofees, isaaf gadda isuuf jecha muuziqaan YouTube gubbaatti gadhiifame.
Himatamaan gara biraa, Joorji Orjii kan umuriin waggaa 31 fi kaaba-lixa Landan keessa jiraatu, itti yaaduudhaa meeshaa waraanaa qabachuun itti murtaa'e.
Hiriyaan dubartii isaa Anuu Adeelaajaa kan umuriin 29 taatees meeshaa waraanaa dhorkamaa qabachuun argamte.
Poolsiin ammas namoota dhukaasa ajjeechaaf madda ta'e sana raawwatan adamsuu ittin fuda jedheera.












