Robootonni rakkoolee fayyaa sammuu daa'immanii 'adda baasuuf qarqaaru'

Maxxanfame

Robotoonni rakkoolee fayyaa sammuu daa'immanii wajjiin walqabatan adda baasuuf qarqaaru jedhe qorannoon.

Qorattoonni Yunivarsiitii Kaambiriij robootii hangisaa daa'imman gahu fayyadamuun, daa'imman 28 umriinsaanii saddeetii hanga 13tti argamuuf gaaffilee fayyaa sammuu akka akkaa gaafatan.

Daa'imman gariin nama isaan dubbisu yookaan gaaffilee gama intarneetaan gaafataman caalaa, robootii kanatti waan caalaa himuu bareera qorannoon kun.

Qorattoonni qo'annoosaanii babal'isuuf akka abdatana himaniiru.

Kanneen qo'annicha maxxansan keessaa tokko ka taate Micol Spitale, fedhii ogeeyyii xiinsammuu yookaan fayyaa sammuu robootota kanaan bakka buusuuf miti fedhiin keenya jetti. ''Ogummaan isaanii waan robotiin hojjechuu danda'u dachaa hedduun waan caaluuf,'' jetti.

Haa tahu malee qorannoon isaanii kun robotoonni ''daa'imman jalqabarra waan itti dhagahamu namaaf qooduu fedhii hinqabne, isaan gargaaruuf sirna barbaachisaadha,'' jechuun akeeka.

Wayita qorannoon kun gaggeeffamutti daa'imni tokko turtii daqiiqaa 45f kophaasaanii robootii sm60 dheerattu Nao jedhamtu wajjiin yeroo dabarsan.

Maatiin ijoollee fi miseensonni garee qorannoo kutaa ittaanee jirurraa haala adeemu hordofaa turan.

Gaaffiifi deebiin kun gaggeeffamuun dura daa'imman kunniinifi maatiin isaanii, fayyaa sammuu ijoollee sakatta'uuf gaaffii intarneetarraa guutanii turan.

Achis ijoolleen kun roboticha wajjin dudubbachuu jalaqaban, seensara harkaafi miila roboticharra jirus tuttuqun itti haasawan.

Seensaroonni biroo ammoo dhahannaa onnee, sosochii mataafi ijaa daa'imman kanaa hordofaa turan.

Akka gareen qorattootaa kun jedhanitti, hirmaattonni marti robotii kana wajjin haasa'uu isaaniitti akka gammadan himan. Muraasni isaaniis waa namatti yookaan gaaffii onlaayinii irratti hin himne, robotichatti himaniiru.

''Robotichi qaamaan daa'imuma waan fakkaatuufi kan hin sodaachisne tahuunsaa, daa'imman akka nama amananitti ilaaluu malu...,'' jette barattuun PhD Nida Itrat Abbasi.